Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sareen Joo Baayiden Major jedhamu ammas Waayit Hawuusitti nama ciniine
Sareen Baayiden Meejar ji’a tokko dura Waayit Hawusiitti waan nama ciniineef leenjiif gara Delaweeritti ergamee erga deebi’ee guyyooti muraasa booda ammas nama ciniineera.
Dubbi himaan Giifti duree Jiil Baayiden “of eeggannoo guddaa taasisuuf” namni ciniiname kun hojiitti deebi’uun dura gartuu meedikaalaa Waayit Haawus birratti ilaalamuu himaniiru.
Meejor saroota Baayiden gosa Jarman Sheepardi ta’an lamaan keessa isa quxisuu yoo ta’u, seenaa Waayit Haawusii keessatti saree bakka wiirtuu saroota baraaramanii irraa dhufe isa jalqabaadha.
“Saree garraamiidha,” jedha Pirezdaant Baayiden.
Maayikel LaRoosaa, dubbi himaan Giiftii duree, Wiixata wanta uumame kanaratti yemmuu dubbatan Meejar “ammayyuu naannoo isaa haaraa kanatti baruu yaalaa waan jiruuf utuu deemaa jiruu nama tokko ciniine,” jedhaniiru.
CNN hojjataan Tajaajila Paarkii Biyyooleessa bakka Sawuuz Lowuun jedhamurratti ciniinee wal’aansa argachuuf hojii dhaabe ture jedhuun gabaaseera. Dhimma kana irratti Tajaajila Paarkii Biyyaaleessa irraa deebii argachuuf yaaliin CNN taasise hin milkoofne.
Bitootessa 8 irratti erga jalqaba nama ciniinee booda sarootni Baayideen lamaan, Meejari fi Chaamp, umurii ganna 13, gara mana maatii Baayidan Wilmiingitan, Delaaweer jirutti geeffamanii turani.
Maddi eenyumaan isaa hin ibsamne akka CNN’tti himetti, yeroo sanatti Meejar hojjattoota Waayit Haawusii fi eegdootatti utaalaa, dutaa fi itti fiigaa ture.
Pirezdaant Baayidan akka jedhanitti Meejar namoota haaraa hedduu naannoo isaa jiranitti baruuf yaalaa jira.
''Achii siiqxee yoo deemtu namni haaraa ati hin beekne lamatu jira, isaan yeroo socho’an innis eeguumsaaf itti adeema,” jechuun Baayiden sagantaa ABC Good Morning America’tti himeera.
“Namootni %85 ta’an [Waayit Haawus jiran] isa jaallatu. Eegee isaa mirmirsaa isaan arraabaa oola. Garuu… namootni tokko tokko, jalqabumaan saroota akka sodaatan naaf galeera.”
Baayiden saree ganna sadii kan ta’e Meejariin kan guddifachaan fudhate, buchullaa ta’ee bara 2018tti dhaabbata bineensota kunuunsu 'Delaware Humane Association' irraati.
Saree inni tokko Chaamp yeroo Baayidan itti anaa pireezdaantii turetti Waayit Haawusii keessa jiraateera, Ammajjii bara kanaatti gutummaatti achi seenuun dura.