Kooriyaa Kibbaatti adurreefi sareef qorannoo Covid-19 gochuu eegalan

Magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Se’olitti saree fi adurreen mallattoo koronaavaayirasii yoo agarsiisan akka qorataman bulchiinsi magaalichaa ibse.

Kunis kan ibsame torban muraasa dura Covid-19 yeroo duraaf adurreerratti vaayirasichi argamuu hordofuun.

Saree fi adurreen nama vaayirasichaan qabame waliin tuttuqqaa qabaniifi mallattoo akka ho’ii qaamaa dabaluu fi harganuu dadhabuu yoo irratti argame ni qoratamu jedhame.

Bineensonni manaa kun vaayirasichi yoo irratti mul’ate manumatti addatti fo’amuu qabaatu.

Qondaalli to’annoo dhibee biyyattii Paark –Mi, Covid-19 namaafi bineeldota gidduutti tamsa’uu danda’uu ragaan agarsiisuu waan hin jirreef, iddoo tursiisa addaatti erguun barbaachisaa miti jechuusaanii Yonhap gabaaseera.

Haata’u malee, namni sareee ykn adurree guddifate Covid-19n qabamee hospitaaala yoo seene, baayyee dhukkubbiin itti hammaate ykn dulloome kunuunsuu yoo hin dandeenye, iddoo tursiisaa magaalichi qopheessetti geeffama jedhan.

Kooriyaa Kibbaatti namni vaayirasichaan qabame yoo hospitaalatti wal’aansa hin feene addatti fo’amee tursiifama.

Qondaallii Kooriyaa Kibbaa kun akka jedhanitti, jiraattonni magaalaa guddoo biyyattii ‘saree ykn adurreesaanii qabatanii yeroo karaa irra deeman yoo xiqqaate meetira lama nama ykn sareef adurree biroorraa fagaachuu qabu,’’

Jalqaba ji’a darbeetti ilmoo adurree mana amantaa magaalaa Kibba biyyatti keessatti argamtu Jinju jirturratti vaayirasichi argamuu tajaajilli oduu biyyattii Yonhap gabaasera.

Sana booda qondaaltoonni fayyaa biyyattii dubartii tokko intala ishee durbaa wajjin bakka sagadaa kana keessa turanii fi vaayirasichi isaaniirra ilmoo adurreetti darbuun shakkame vaayirasichaan qabamuun isaanii qorannoon mirkanaa’era.

Ogeeeyyiin fayyaa kanaan dura saree ykn adurreen vaayirasicha namatti dabarsuun hedduu baramaa akka hin taane kan himan yoo ta’u, adurreen garuu vaayirasicha walitti akka daddabarsitu himaniiru.

Ji’a darbe keessa gorillaawwan lama Sandiyaagoo iddoo tursiisaa bineensota jiraatan koronaavaayiraasiin qabamuun mirkanaa’era.

Kana malees bineensota daggala jiraatan kanneen akka leencaa fi qeerransa iddoo tursiisa bineesota Niwuyoork fi Ispeen Baarselonaatti argamaniirratti vaayirasichi mul’achuun ni yaadatama.