Sarbama mirgaa: Duguuggaa sanyii attamiin ibsitu?

Duguggaan sanyii gocha sarbama mirga namoomaa isa olaanaa akka ta'eetti hubatama.

Innis gochaa garee uummata tokko qofaa irratti xiyyeeffachuun miseensoota hedduu fixuu akka ta'eetti ibsama.

Keessattuu gochi kun gochaa Naaziin warra Jewushootaa balleessuuf bara1940ota keessa raawwateen walqabatee ka'a.

Haata'u malee, yaada dugguuggaa sanyii jedhu kana duubas hiikkaan seeraa gochaan kun maal fa'i akka hammatuu fi yoom yoom hojiirra akka oolfamu ilaalchisee jiruu walxaxaadha.

Hikkaafi falmiiwwan ka'an

Jechi duguggaa sanyii jedhu kunis yeroo jalqabaatiif kan hojiirra oolee bara 1943tti abookaatoo lammii Jewushii-Polaand, Dr Raafaa'el Lamikiin turan.

Innis jechoota Giriikii lama, Genos kan hiikaansaa sanyii ykn qomoo ta'ee fi jecha Laatiin Cide kan hiikaansaa ajjeessuu jechuu ta'e walitti fiduun kan umame.

Dr Raafaa'el kan bara ajjeechaa jumlaa Holokoost sanatti obboleessa isaa tokkicha malee miseensoota maatii isaa warra Jewushootaa hunda ittiin dhabeera. Innis duguggaan sanyii seera idil-addunyaatiin akka yakkaatti akka galmaa'uuf duula gaggeesseera.

Yaaliin isaa kunis Seerri Duguuggaa Sanyii Motummoota Gamtoomanii (United Nations Genocide Convention) Muddee 1948 keessa akka bahuuf daandii baneera. Booda ammoo seerichi Amajjii 1951 irraa kaasee hojiirra oolfamuu eegalee.

Keewwannni lammaffaan waliigaltichaas duguggaa sanyii kanaan hiika: ''Gochaa haleellaa yaada garee sabaa, sanyii ykn miseensoota amantaa biyya tokkoo gutummaan ykn gareesaanii balleessuuf raawwatame,'' jedha.

Fakkeenyaafis:

  • Miseensoota garee tokkoo ajjeessuu
  • Miseensoota garichaa irratti miidhaa qaamaa ykn xin-samuu cimaa qaqqabsiisu
  • Ta'ee jedhamee itti yaaduudhaan haalawwan jireenya garichaa irraan miidhaa qaamaa gutummaan ykn gartokkee qaqqabsiisuu
  • Garicha keessatti akka wal hin horree yaaduun dhorkaa kaa'uufi
  • Humnaan dirqisiisuun ijjoolee garee tokkoo gara garee biraatti dabarsuu

Waliigaltee Mootummoota Gamtoomanii kunis biyyoonni seericha mallatteesanii fudhatan duguggaan sanyii akka hin raawwatamne akka 'dhorkanii fi yoo mudate' ammoo adabaniif dirqama kaa'eera.

Waliigalteen kun erga Mootummoota Gamtoomaniin raggaasifamee kaasees qaamoolee garaa garaa irraa qeequmsiiwwan irrati ka'aa jira.

Komiiwwan kunneen inni guddaan kan ka'u, namoota dhimmoota adda ta'an irratti seericha hojiirra oolchuun rakkataniin. Gareen isaanis hiikkaan yaada 'duguggaa sanyii' jedhu kanaaf kenname baayyee dhiphaafi kan waan hedduu hin hammaneedha jechuun falmu.

Xinxaltoonni muraasni ammoo, hiikkaan jecha duguggaa sanyii jedhu kun baayyee dhiphaaf erga waliigaltichi akka seeraatti ragaasiifamee as ajjeechaawwan jumlaa kamu isa jala galuu hin dandeenye jedhu.

Komiiwwan irra deddebiin waliigaltee kanarratti ka'an kan hammatuus:

  • Waliigaltichi haleellaa miseensoota garee siyaasaafi hawaasaa irratti raawwatame hin hammatu.
  • Hiikkaan jechichaa kan irratti xiyyeeffatu heleellaa kallattiin namootarratti xiyyeeffate qofaa waan ta'eef, haleellaa naannawa isaan keessa jiraatan ykn ibsituuwwan aadaa isaanii irra gahu hin hammatu.
  • Jechi haleellaan ta'e jechuun itti yaadamee garee tokko baleessuf raawwatame jedhu, shakkiin tokko malee ragaan mirkaneessuun baayyee rakkisaadha.
  • Biyyoonni miseensa UN biyyoota miseensootaatiin balleessitaniittu jechuuf ykn jidduugaluuf tarkaanfii murannoo hin fudhatan, fakkeenyaaf duguggaa sanyii Ruwaandaa kaasuun ni danda'ama.
  • Qaamni seeraa idil-addunyaa qabxiilee ulaagaa waliigatichaa ibsu hin jiru. Garuu ammoo manni murtii addaa yakkoota waraanaa UN eegalamusaatiin haaloonni geedaramaa jiru.
  • Duguggaa sanyii jechuu kan danda'amu yoo namoonni meeqa ajjeefaman kan jedhu hiikuun ykn madaaluun rakkisaadha.

Haata'u malee qeequmsiiwwan armaan olitti kaafaman akkuma jiraniitti ta'ee, namoonni baayyeen duguuggaa sanyii maal jechuu akka ta'e ifaadha jedhanis jiru.

Waa'ee duguuggaa sanyii Ruwaandaa irratti kitaaba Rwanda and Genocide in the 20th Century jedhu kan barreessaniifi Hogganaa Olaanaan dhaabbata Medecins Sans Frontieres (MSF) duraanii, Alain Destexhe, ''Duguuggaan sanyii kaayyoo duubaa isaa jiruutiin yakkoota biraa hunda irraa adda ni baafama,'' jedhu.

''Duguuggaan sanyii yakkoota biraa hunda caalaa yakka baayyee cimaa namootarratti raawwatamuudha. Yaadni isaas garee adda baafame sana gutummaatti balleessuuf kan kiyyeeffate ta'u agarsiisa. Kanaafu duguggaa sanyii yakka hamaafi olaanaa ilmaan namaa irratti raawwatamuudha,'' jechuun ibsu.

Aab Destexhe jechi duguuggaa sanyi jedhu kun ''akkuma jecha faashiisti jedhuutti kan hojii caalaa afaanumaa lallabamuun balaaf saaxilameedha'' jechuun yaaddoo qaban dhageessisu.

Yunivarsitii Haarvaardiitti Daarektarri duraanii Jidduugala Imaammata Mirga Namoomaa, Maayikil Ignaatiif, jechichi ''miidaawwan gosa hundaa ibsuuf yoo itti fayyadamamu'' hubachuu dubbatu.

''Fakkeenyaaf, garbummaan haleellaa sanyii jedhama. Garbummaan gocha balaaleefatamu yoo ta'u, innis sirna sanyii namoota balleessuu osoo hin taanee kan humna namaa saamuu ture,'' jedhu.

Garaagarummaan jechuu duguggaa sanyi jedhu kun itti hiikamu qaban jedhurratti umamees gara wal dhabdee jaarraa 20ffaa keessa duguggaawwan sanyii meeqatu raawwatame jedhuutti geessa.

Duguuggaa sanyii meeqatu raawwatamee?

Hiikaawwan duguuggaa sanyiitiif kennaman hedduutu jiu. Garaagarummaan kunis jarraa 20ffaa keessatti duguuggaan sanyii meeqatu raawwatamee? kan jedhurratti waliigalteen akka hin jiraannee taasiseera.

Hanga ammaatti duguuggaan sanyii raawwatame kan Holokosti qofaadha kan jedhanis jiru. Gama biraatiin waliigaltee UN bara 1948 caqasuun duguuggaan sanyii sadii raawwatamaniiru kan jedhanis jiru.

Duguggaawwan sanyii sadan kunneenis ajjeechaa bara 1915- 1920tti Tarkii Otomaanitti Armaneenota irratti raawwatame, Holokostii Yihudoonni miliyoona jahaa olii ittiin dhuman fi ajjeechaa Ruwaan kan Tutsiiwwaniifi Huttii kuma 800 ol ittiin ajjeefamaniidha.

Dhiheenya kana duguuggaa sanyiitii jedhamun kan galmeeffamanis jiru. Tokkoo ajjeechaa bara 1995tti Bosoniyaatti raawwatamedha. Isas mana murtii addaa Yakkaa Idil-Addunyaa Yugozilaaviyaa duraanitu duguuggaa sanyiiti jedhee ramada.

Kan malees, beela nam-tolchee Soviyeetiin bara 1932-1933tti Yukireeniitti umameedha. Weerarri bara 1975tti Indoneeshiyaan Baha Tiimoor irratti raawwatteen, beelaafi saamicha humnaa Kaambodiyaa Keemir Rush keessatti bara 1970mota keessa raawwatameen namoonni miliyoona 1.7 kan ittiin ajjeefaman ni eeramu.

Lammiilee Kaambodiyaa kunneenis kan irratti xiyyeefatame sababii ejjannoo siyaasaa ykn hawaasa keessatti qaban qofaan kan jedhu hedduu mormisiisa. Kana jechuun ammoo, hikkaa duguuggaa sanyii UN ala taasisa jechuudha.

Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa bara 2010tti pirezidaantii Sudaan duraanii Omaar Al Baashir irratti ajaja baasee ture.

Al-Baashir sababii waraana waggoota torbaaf biyyattii bulchiinsa Daarfuuritti gaggeeffameen namoonni kuma 300 ajjeefamanii kanneen milyoonotaan lakkaa'aman buqa'usaanitiin himataman.

Bara 2016tti Ameerikaan IS Iraaqiifi Iraan keessatti hordoftoota amantaa Kiristaanaa, hawaasa Yaaziidootaati Shi'aa irratti duguuggaa sanyii raawwateera jechuun himmatti.

Ministirri Haajaa Alaa yeroo sanaa Joon Keerii, ''IS kaayyoosaa, gochaafi maqaa ofii kenneenuu sanyii balleessaadha,'' jedhan.

Gaambiyaan iyyata bara 2017tti mana murtii idil-addunyaatti galchiteen Miiyaanmar Islaamota Rohinjiyaam irratti duguuggaa sanyii raawwattee jirti jedha.

Islaamoonni Rohinjiyaam kuma dhibba hedduun lakkaa'amanis Miyaanmar keessaa baqqachuun Baangilaadishiifi biyyota biraatti dahataniiru. Kumaatamnis ajjeefamusaanii gabaafameera.

Bara 2021tti Ameerikaa, Kaanaadaafi Neezarlaandis waliin ta'uun Chaayinaa Shinsgaang keessatti hawaasa Wiigaa irratti duguuggaa sanyii raawwattee jirti jechuun himatan. Biyyoonni biraas, karaa mana maree isaanitiin himannaa walfakkaatu dhageessisaniiru.

Ragaaleen akka agarsiisaniitti, Chaayinaan hawaasa Wiigaa dirqiin dhala akka hin godhanne taasisuun, jumlaan ittisuun, humna saamun, guddeeddiifi dararuun miidhaa irraan geessiftee jirti.

Gochaawwan kunneenis kan duguuggaa sanyii jedhaman yoo ta'u, Chaayinaan garuu himannicha kuffiiftee jirti.

Seenaa adeemsa mana murtii duguuggaa sanyii

Dura duguuggaa sanyitiin mana murtiitti kan dhiyaate, Huttuufi kantiibaa Magaalaa Taabaa kan Ruwaandaa keessaa kan turan Zsaann Pool Akaayisuu turan.

Manni murtii addaa dhimmicha ilaalees Fulbaana 2, 1998tti yakka duguuggaa sanyiifi sarbama mirgoota namoomaatiin itti murteesseera.

Manni murtichaa dhimma Ruwaandaa irratti murtee kan dabarse namoota 85 irratti yoo ta'u, isaan keessaa 29 isaanii kan duguuggaa sanyitiin itti murtaa'eedha.

Ragaan UN bara 2010tti miliqee bahe tokko akka mul'isutti, Huttuuwwan Ruwaandaas haleellaan wal fakkaatu irratti raawwatameera.

Janaraalli Boosiiniyaa duraanii Raadislaav Kirisitich bara 2001tti nama jalqabaa mana murtii idil-addunyaa addaa irratti itti murtaa'eedha.

Janaraalichi, ''kan ajjeeffaman namoota 8,000, kun ammoo duguuggaa sanyii hin jechisiisu'' jechuun mormii dhiyeeffatanii turan. Manni mutichaa garuu bara 2004tti iyyata isaa kufiseera.

Ajajaan Bosiniiyaa Sarbii duraanii Raatkoo Milaadiichis bara 2007tti duguuggaa sanyii, yakka waraanaafi sarbuu mirga namoomaatiin himatemee hidhaan umurii guutuu itti murtaa'eera.

Namni kunis, ''ajjeessaa Bosiniyaa'' maqaa jedhuun waamamu ture.

Akkasumas, bara 2018tti ammoo maanguddoonni waggaa 92 Nuwoon Chiiyaa fi kan waggaa 87 Kiiwu Saampiin ajjeechaa Keemir Ruushiin wal qabateen duguuggaa sanyiifi sarbama mirga namoomaatiin himatamanii hidhaan umurii gutuu irratti murtaa'eera.