Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jarmanii fi Naamibiyaa: Gocha duguuggaa sanyiif gumaan kanfalamu sirriin hagami?
Waliigalteen addunyaarraa biyyoota kolonii jala turaniif fakkeenya ta'u, Jarmanii fi Naamibiyaa gidduutti taasifamaa jira. Kunis madaa gochi duguggaa sanyii humnoota koloniin raawwatame yaaluufi jedhameera.
Garuu hawaasa tokko guutuu balleessuuf gatii akkamii baasu? Naamibiyaatti kanneen miidhamaniifi warri koloneessitoota turan lamaanuu dhimma kanarratti walmormaa jiru.
''Qarqara galaanaa kana hunda, kaampii namoota itti uggurantu ture,'' jedha Laidlaw Peringanda. ''Dallaan shiboo bakka makiinaa dhaaban sanarra ture.''
Artistii fi rogeessa hawaasaa kan tahe namni kun kana kan jedhu bakka bashannanaa biyyattiin qabdu keessaa isa guddicha kan tahe Swakopmund, Naambiyaatti.
''Haati akkawoo kiyyaa akka natti himanitti, maatii keenya keessaa gariin garanatti fidamanii, dirqiin akka hojjetan taasifamuun asumatti du'an.''
Innis kan dubbachaa jiru waa'ee baroota 1904-1908ti. Bara sana Naamibiyaan kolonii Jarmanii 'South West Africa' jedhamu jala turte.
Namoonni kumoota kudhanitti lakkaa'amanis wayita humnoonni kolonii gara jabinaan mormii dhaabsisanitti lubbuu dhabaniiru.
Keessattu ummanni saboota biyyatti gurguddoon lama, Hereroo fi Naamaa baay'inaan ajjeefamuun gariin isaanii gara gamoojjiitti Omaaheekeetti kan baha biyyattiitti argamuutti geeffamuun beelaan ajjeefaman.
Kanneen lubbuun kaampiiwwan keessatti hafan ammoo hojii garbummaatti fayyadamuun, kaan qorra, hanqina nyaataa, dadhabbiifi jeequmsaan du'an.
Heereeroo 800,000 keessaa kan 65,000 ta'an kanneen jalqaba bulchiinsa koloniitti Jarman 'South West Africa' keessa jiraataa turan akka du'an tilmamama.
Akkasumas Naamaa 20,000 ta'an keessaa 10,000 du'utuu tilmamama.
Erga bara 2015 Jarman ifatti ajjeechaa duguuggaa sanyii raawwatamu amante as, mariin gumaa haqaa baasuu kan addunyaaf fakkeenyummaa kaa'u gaggeeffamaa jira.
Isaan dura biyyi koloneeffataan kamiyyuu haala kanaan biyya koloniin qabatee ture waliin ta'uun, taatee darbeef waliigaltee beenyaa kanfaluu irratti kan hojjate tasumaa hin jiru.
Waadaa galamee irratti ammalleen hojjatamaa kan jiru yoo ta'u, Jarman ifatti dhiifama nan gaafadha jettee jirti.
Haa ta'u malee Naambiyaanotaaf gaaffii jabduun gumaan kun bifa maalitiin kan jedhuudha.
Laayidlaaw Peringaandaa, akkuma Heereroo biraatti, waan marii kana irraa barbaadurratti shakkii qaba.
Innis kanfaltii maallaqaa guddaa kan badhaadhina ummanni tikfattoota loonii ta'an kunneen duguggaa sanyiitiin dura qabaachaa ture jedhe, deebiisuuf gargaaru ta'u qabaata jedha.
Lafti isaanii irra caalaanis qubattoota Jarmanii kan ta'an qonnaawwan dhunfaatiif hirameera.
Kanaafu har'a Heereroo fi Naamaa baay'ee isaanii lafa hawaasaa xiqqoo kan booda kennameef irratti baayinaan walitti qabamu, ykn magaaloota keessa, akka qubattoota al-idileen manoota caccabaa keessa jiraataa jiru.
Swaakopmund keessatti, rakkina hawaasaa cimaatu magaalota jidduu gala bara kolonii kan ammalleen ijollee akaakiileefi abaabilee koloneeffamtootaa bira jira.
Manneen isaanii kan mukaa fi qorqoorroo cicciitaa irraa ijaaramuun Kaaba biyyatiitti argamu.
"Isaanis mana fincaanii bishaan qabu, bishaan dhugaatii qulqulluu, ykn ibsaa hin qaban,'' jedha Laayidlaaw.
''Namoonni as jiraatan muraasni, ijoollee ijoollee warra kaampiicha keessa jiraataa turaniiti. Wanti ta'aa jiru dhugaa sirrii miti.
''Jarmaniin lafa warra keenyaa deebiifte nuuf bituu qabdi.'' Gaaffii akkasiitu irra deddebiin dhagahamaa jira.
Abdiin jiru mootummaan Jarmanii sagantaa riiformii lafaa deeggaruun qonnaan bultoonni lafa qonnaan bultoota Jarmanii Naamibiyaa irraa bituun akka warra Heereeroo fi Naamaatiif hiramuudha.
Lammiileen Jarmanii Naambiyaa garee guddicha qonnaan bultoota adii lafa qonnaa biyyatti %70 ta'u akka qabatan amanama. Muraasni isaanii lafa hanga iskuwer maayilii 400 aguugu qabataniiru.
Kun hangam dhugooma? Gama Naamibiyaatiin kanneen maricha irratti hirmaatan keessaa Dr Zed Ngaavirue ''hawaasa keenya deebifnee akka ijaarruf nu gargaaruu Jarmaniin amante jirti,'' jedhan.
Haaluma waliigaltee guddaatiin maallaqa muraasa kanfaluun kanneen fedhiin gurguran irraa lafa bituuf walii galan.
Garuu ammoo jedhan, ''Dhimmi lafaa Jarmanii qofaan furama jedhee yaaduun of hinsobu. Lafa dhabiinsi sababii kolonii Jarmaniitiin qofaa kan mudate miti'' jedhan.
Bara Waraana Addunyaa tokkooffaa keessa erga Jarmanii kolonii ishee dhabdeen booddee qubattoonni adiin hedduun biyyattii dhaqan.
Afriikaan Kibba-Lixaa waggoota 70f Afriikaa Kibbaatiin bulfamti ture. Erga walabummaa bara 1990 as lafti Nambiyoota gurraachaafi lammiilee biyya alaatiin bitame.
Motummaan Jarmanii jecha gocha hamtuu raawwatamee sirreessuu (reparations) jedhu fayyadamu didan. Haata'u malee pirojaktonni qabatamaan gara biraa mari'atamaa jiru jedhu Zeed Ngavirue.
Kunis Fayyaa, barnoota, mana jireenyaa fi bishaan soogidda irraa qulleessuu akka hamatu himan. Marichi baay'ee bal'aa waan ta'eef maallaqaan ibsuuf ni hafa jedhan.
Gama Jarmaniitiin ammoo, waa'ee mariin ta'aa jiru kana ilaalchisee ifatti homaa jechu hin barbaadne.
Laayidlaaw akkuma warra Heereeroo fi Naamaa kaan baay'eetti, waggoota jahaaf bu'aa qabatamaa tokko maleen booda obsa dhabaa jira.
Jarmaniin mootummaa Naamibiyaa qofaatti osoo hin taane kallatiin dureewwan ummata Heereeroo fi Naamaatti dubbachuu qabdi jedhu duree muummeen Heereeroo Vekuii Rukoron, kan beenyaadhaaf Jarmanii manneen murtii Ameerikaarratti himachuu yaalanii turan. Hanga ammaattis bu'aa hin arganne.
Sodaan jiru faayidaan marii mootummaafi mootummaa jidduutti gaggeeffamu kamuu walakkaan, hawaasa tasumaa duguuggaa sanyii sanaan hin miidhamiin kan akka Ovaamboo garee saba biyyatti guddaa fa'i bira deema kan jedhu.
Gorsaan Duree Rukooro, Festus Mundjuu'aa, ''motummaan pirojaktiiwwan maallaqa mataasaa hin qabne hedduu waan qabuuf, harkasaa maallaqa kan keessa kaawwachuu barbaada,'' jedhan.
Motummaan garuu himannaa kana haaluun fandiin kanaaf taasifamu kamuu hawaasa miidhameen hogganama jedha.
Waa'ee marii kanaarratti shakkii kan qaban ammoo dhalattoota miidhamtootaa qofaas miti. Dubbii himtoonni hambaa dhalattoota koloneeffattootaa Jarmanis akkasuma shakkii qabu.
''Seenaan duguggaa sanyii kun haamilee buusuun ala omaa miti,'' jedha namni seenaa Dr Indiriyaas Voogti.
Akkuma lammii Jarmanii Naamibiyaa baay'ee, 'ajajni balleessuu' ajajaa humnootii koloni, Janaraa Lothaar Von Trothaan bara 1904tti mallattaa'e akkas jedha.
''Hereeroon fuldura Jarmaniitti qawwee malee ykn qawwee ykn loon waliin argame kamiyyuu ni ajjeefama,'' kan jedhu sun imaammata mootummaa waan hin turreef, hojiirra hin olfamne jedhu.
Bara darbe lammiin Jarman-Naambiyaa kan walabummaan booda ministeera mootummaa ta'un tajaajilan Antoon Voon Wietersheim, Naamibiyaanonni Jarmanii dubbatan akka waan darbee kanarratti ofiisaaniifi bakka bu'oota saboota Heereeroo fi Naamaa jidduutti mariin gaggeeffataniif jajjabeessaa turan.
Haata'u malee sababii Covid-19n konfaransiin Jarmanii- Naamibiyaanota jidduutti gaggeeffamuuf ture tursiifameera.
Voon Wietersheim yoo Jarman- Naamibiyaanoonni maricha deeggaran, Jarmaniin waliigalteerra akka geessuuf akka gargaaru amana.
Naambiyaanoonni mariin kunis filannoo Jarmanii kan Fulbaanaa dura akka xumuramu barbaadu.
Rogeessiifi ogeessi akkaadaamii Jarman-Naambiyaa Hennig Melber, seenaa dubbichaa qorates, aanga'oonni kolonii duraanii Awurooppaa keessaa waliigaltee Jarmanii kanarratti yaaddoo dhuunfaasaanii akka ibsan amana.
Waliigaltee Naambiyaa keessaa kunis koloneffattoota biraa kaan irratti akka biyyoonni Afrikaa, Eshiyaa Bahaa, Eshiyaafi kan biraas dhiyyeeffatan balaa qabaataniif jedha.
Lammiin Taanzaaniyaa, kan kolonii Jarmanii duraanii keessa darbanii, Taangaanikaa ajjeechaa raawwatameef gumaaf gaaffii dhiyeesseera.
Haata'u malee Melber, ''Jarmaniin amma maallaqa kennuu dandeessu irratti ejjannoo geeddaramu qabaachuu qabdi jedheen yaada.
Yoo wabii qabaate boqonnaan isaa hanga dhumaatti cufamuu danda'a. Dhimmichi hiikaa fakkeenyummaa addunyaa bal'aa akka hinqabaannee ni dhorkas.''
Dippilomaatiin sorama bahan Zed Ngavirue gama isaanitiin, maal argamuu akka danda'amu irratti waadaa maal argamu akka danda'u didan.
''Siyaasni aartii waan ittiin argamuuf danda'amuudha,'' jedhan seeqaa.
Haata'u malee ala mandara namoonni jireenya gadaanaa jiratan Swakopmud, bakka har'alleen ijoolleen gosa Heereeroo warra maatiin isaanii akaakkayyuuwwan isaanii akka garbaatti fayyadamaniif kanfaltii gadaanaan hojjataa jiranitti, hubannoo walfakkaataan hinjiru.
''Dargaggoonni muraasni lafa humnaan deebifachuu barbaadu,'' jedha Laayidlaaw Peringanda. Kanaafuu mootummaan Jarmanii nu waliin qofaa taphachuu hinqabaatu,'' jedhan.