Biyyoonni Baha Giddu-galeessaa du'aan nama adabuun addunyaarra dursa qabatan

Madda suuraa, NurPhoto
Bara 2020 keessatti addunyaarratti biyyoota du'aan nama adabuun dursaa turan shan keessaa afur Baha Giddu-galeessaa keessatti argamu jedhe Amnastii Intarnaashinaal.
Iraan, Masrii, Iraaq fi Sa'uudii Arabiyaan adabbiiwwan du'aa addunyaarratti raawwatan 483 keessaa dhibbeentaa 88 qooddatu jedha gabaasi dhababata kanaa.
Wayita addunyaan lubbuu namaa dhibee balaafamaa Covid jedhamu jalaa baraaruuf tattaafattutti biyyoonni kunneen ammoo dhala namaa dararaa turan jechuun himate jaarmiyaa mirga dhala namaaf falmu kun.
Akka addunyaatti adabbiin du'aa akkaan gadi bu'eera, kana yeroo jennu osoo Chaayinaa hin dabalatin jechuudha.
Chaayinaan waggaa waggaan namoota kumaan lakkaa'ana du'aan adabdi, galmeen namoota du'aan adabamanii garuu akka icitii mootummaatti waan qabamuuf ifa hin ba'u.
Kooriyaan Kaabaa fi Veetnaamis ragaa kana iccitiidhaan qabu waan ta'eef baruun rakkisaadha.
Adabbiin du'aa 483 biyyoota 18 keessatti bara 2020 raawwatamuun gabaafame kan bara 2019 ture 657 waliin yoo walbira qabamu dhibbeentaa 26'n hir'iseera.
Kan bara 2015 ture 1,634 waliin yoo walbira qabamu ammoo dhibbeentaa 70'n hir'iseera.
Baha Giddu-galeessaa keessatti kan bara 2019 keessa 579 ture bara 2020 keessa 437 hir'ateera.
Sa'uudii Arabiyaa keessatti bara darbe namoota 27 qofatu du'aan adabaman, kunis kan biyyattiin duraan qabduun yoo walbira qabamu dhibeentaa 85'n hir'achuu mul'isa.
Iraaq ammoo namoota 45 qofa du'aan adabde, kan ishees dhibbeentaa 50'n hir'ateera.
Biyyoota kunneen keessatti adabbiin du'aa haa hir'atuyyuu malee Masrii keessatti garuu dhibbeentaa 300'n dabaleera.
Masriin bara 2020 keessa namoota 107 du'aan adabuun addunyaarraa sadaffaa taateetti.
Iraan ammoo yoo xiqqaate namoota 246 du'aan adabuun Chaayinaatti aantee addunyaarraa lammaffaa qabattee jirti.
Akka Amnastiin jedhutti aanga'oonni mootummaa Iraan, ajjeechaa du'aa ''akka meeshaa siyaasaatti fayyadamuun namoota gaaffii gaafatan, hiriira ba'an fi saboota lakkoofsaan muraasa ta'an hiraarsaa ture.''
Amnastiin Qaataar erga waggoota 20 as yeroo jalqabaaf bara 2020 keessa deebitee nama du'aan adabuu ishee himateera.
Namni isheen du'aan adabde lammii Neeppaal yoo ta'u, garee dhukaastotaa mootummaan qindeessetu Caamsaa darbe rasaasaan ajjeesan.

US keessatti bulchiinsi Doonaald Tiraamp waggoota 17 booda adabbii du'aa deebisuun itti fufsiise, ji'oota ja'a keessatti namoota 10 du'aan adabe.
Indiyaa, Oman, Qaataar fi Taayiwaanis adabbii du'aa addaan kutanii turan itti fufsiisaniiru.














