Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan loltoonnishee Afgaanistaan keessaa Fulbaana 11 akka ba’an himte
Pirezidantiin US Joo Baayidan, loltoonni Ameerikaa Afgaanistaan keessaa Fulbaana 11 ba’uuf akka ta’an beeksisuufi jechuun anga’oonni miidiyaa US’tti himaniiru.
Ameerikaan waliigaltee Taalibaan waliin yeroo bulchiinsa Tiraampi loltootashee Caamsaa keessa baasuuf waliigalterra barfachuufi.
Karoorri haaraa kun kabaja waggaa 20ffaa haleellaa shororkii 2001’tti gamoowwan Giddu-gala Daldalaa Addunyaa fi Peentaagan irra ga’e itti yaadatamu waliin akka walirra bu’uuf yaadameetu.
Aabba Baayidan karoorri Caamsaa tokkoof qabamee ture waan danda’amu miti jechuun dubbatanii turani.
Loltoonni Taalibaan waadaa seenan eegaa akka hin jirre kan qeeqaman yoo ta’u, wayita loltoonni US ba’anitti haleellaa irratti raawwatu taanaan, ‘‘humna fayyadamna’’ jechuun anga’aan olaanaa riippoortarootatti himaniiru.
Lola Afgaanistaan keessa ganna 20’f adeemaa ture xumuruun gara dhimmoota biroo irratti xiyyeeffachuu wayya jedhamaa kan jiru yoo ta’u, Baayidan Roobii har’aa karoora isaanii ifa taasisu jedhamee eegama.
Murteen kun Taalibaaniin ni cimsaa?
Lammiileen Afgaan hedduun yeroon loltoonni itti ba’u jedhame ji’oota muraasaaf haa dheeratuyyuu malee ciminni Taalibaan akka dabalu taasisa jedhanii fudhatu jedha gaazexeessaan BBC Afgaanistaan jiru Secunder Kermani.
Humnoota Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuu haalli itti fufuu danda’an xiqqaa ta’uus, ibsoonni Taalibaan karoora kanarratti kennaa jiru gaarii miti.
Ibsa guyyaa Kibxataa baaseen humnoonni alaa hundi hanga asii ba’anitti egeree Afgaanistaan irratti mari’achuuf wal-ga’ii dhuma baatii kanaarra Tarkii keessatti taa’amuuf jiru irratti hin hirmaadhu jedheera.
‘‘Humni alagaa hunduu dachee keenyarraa hanga ba’anitti nuti yaa’ii egeree Afgaanistaan murteessu irratti gonkumaa hin argamnu,’’ jedhan dubbi-himaan Taalibaan Qaataar jiran, fuula Tiwiitara isaaniirratti.
Jaarsummaan anga’oota Afgaan fi Taalibaan aangoo akka qooddataniif taa’amaa ture lafarra harkifachaa tureera, ammas osoo loltoonni US achii hin ba’in waan milkaa’u hin fakkaatu.
Mootummaan Afgaan haleellaa samiirraa US gootuufiin garee kana xiqqoo dandamatanii jiru. Karoorri kun milkoofnaan garuu gargaarsi kun hin jiraatu, kunis isaaniif mata-bowwuudha.
Fedhiin Taalibaan idil-addunyaatti fudhatama argachuuf qabu garuu gareen kun wantoota maqaa isa xureessan irraa akka of-qusatu taasisuu malu. Kun gama biraatiin oduu dansaadha, mootummaa biyyattiif.
Lola dheeraa US seenaashee keessatti geggeessiteefi doolaara tiriiliyoona hedduu itti baaste, akkasumas loltoota 2,000 ol itti dhabde keessaa ba’uuf waliigaltee Guraandhala bara darbee keessa kan seente yoo ta’u, Ministirri Haajaa Alaa Antoonii Biliinken fi Ministirri Raayyaa Ittisaa Looyid Oostin har’a gara Beeljiyem imaluun anga’oota Nato'f ibsa kennu jedhamee eegama.
Loltoota alaa Caamsaa 1 booda as jiran irratti haleellaa raawwachuu ittan fufa jechuun Taalibaan baatii darbe dhaadatee ture.
Loltoonni biyyoota alaa Afgaanistaan jiran osoo waliigalteen cimaa ta’e hin argamin achii ba’u taanaan, Taalibaan angoo guutummaatti fudhachuu danda’a jedhanii kan sodaatan jiru.
Ameerikaan loltoota 2,500 qaama ergama Nato loltoota 9,600 keessatti hammataman Afgaanistaan keessaa qabdi.