Gahumsi waraana Itoophiyaa addunyaarraa 60ffaa, Afrikaa irraa 6ffaa ta'e

Bara faranjootaa qabannetti sadarkaa gahumsa humna waraanaa biyyootaa ifa godhame keessatti, Itoophiyaan addunyaarraa 60ffaa, Afrikaa keessaa ammoo sadarkaa 6ffaarra kaahamte.

Ragaalee adda addaa bu'uureffachuun waggaa waggaan gahumsa humna waraanaa biyyoota addunyaaf sadarkaa kan laatu dhaabbatni 'Global Firepower' jedhamu; bara kana biyyoota Afrikaa 35 qoratee, sadarkaa kan kenneef yoo ta'u biyyoota kana keessaa Itoophiyaan 6ffaa taate.

Sadarkaa dhaabbatichi kenneen Afrikaa keessaa Masriin tokkoffaa yoo taatu, Aljeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Naayieeriyaa fi Morookoon sadarkaalee itti aanan qabataniiru.

Biyyi ollaa Sudaan ammoo sadarkaa 10ffaa qabatteetti.

'Global Firepower' humna waraanaa biyyoota addunyaaf sadarkaa baasuuf ulaagaawwan 50 ol fayyadamuu ibseera.

Dhaabbatichi addunyaa guutuutti biyyoota 138 kan qo'ate yoo ta'u, addunyaarraa humna waraanaa jabaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaarra kan kaahamte US.

Itti aansuun Raashiyaa, Chaayinaa, Hindi, Jappaan fi Kooriyaan Kibbaa walduraa duubaan sadarkaawwan hanga jahaa jiran qabataniiru.

Gabaasa dhaabbata kanaa keessatti addunyaarraa Masriin saadarkaa 13'ffaa, Itoophiyaan 60ffaa, Sudaan ammoo 77'ffaa qabatan.

'Global Firepower' gahumsa waraanaa biyyootaaf sadarkaa kan baase lakkoofsa humna namaa fi gosa meeshaa waraanaa hidhatanii madaala keessa galchuuni.

Sadarkaa kana baasuuf ulaagaan biroon ilaalame gahumsa humni waraanaa tokko duula waraana ofirraa qolachuu ykn haleellaa raawwachuu yeroo dheeraa gaafatu ilaalcha keessa galchuuni.

Ulaagaalee biroon ammoo hanga maallaqaa waraanaaf ramadamu, dhiyeessiifi teessuma lafaa walumatti 50 ta'u.

Akka ragaa dhaabbata kanaatti Itoophiyaan uummata miiliyoona 108 qabdu keessaa, 1% kan ta'u jechuunis 162,000 kan ta'utu humna waraanaa Itoophiyaa keessatti galmaahee argama.

Humni waraanaa Itoophiyaa gama hidhannootiin xiyyaarota waraanaa 24, Hilikooptaroota waraanaa 8, taankiiwwan 365, konkolaattota sibiilaa 130, madifiiwwan 480, meeshalee rookkeettii dhukaasan 180fi madifiiwwan xixiqqaa 65 qabaachuu dhaabbatichi eereera.

'Global Firepower' mootummaan Itoophiyaa humna waraanaa isaaf waggaatti doolaara miiliyoona 520 ta'u akka ramadus ibseera.

Gabaasni kun dhugaa ta'uu BBC'n ofiin wanti qulqulleeffate hin jiru.

Gama kaaniin Afrikaarraa tokkoffaa kan taate Masriin uummata qabdu miiliyoona 104 ta'u keessaa kuma 930,000 kan ta'an miseensa waraana biyyattiiti.

Gama hidhannoon ammoo xiyyaarota waraanaa 250, Hilikooptaroota waraanaa 91, taankiiwwan 3,735, madifiiwwan gurguddaa 2,200, konkolaattota sibiilaa 11,000 qabdi jedha.

Bajatni biyyattiin humna waraanaa ishee kanaaf ramaddu ammoo waggaatti doolaara biiliyoona 10 ta'a.

Uummata miiliyoona 45 ol kan qabdu Sudaan ammoo loltoota 190,000 ol qabdi. Xiyyaarotni waraanaa ishee 45, hilikooptaroonni waraanaa ishee ammoo 43 ta'u jedhama. Taankiiwwan 830 fi konkolaattota sibiilaa 450 qabdi.

Mootummaan waggaatti bajata doolaara biiliyoona 4 humna waraanaa kanaaf ramada.

Biyyoota ollaa Itoophiyaa keessaa Keeniyaan sadarkaa 12'ffaa, Sudaan Kibbaa 22'ffaa Somaaliyaan ammoo 34'ffaarratti argamu.

Biyyootni Afrikaa 19 ta'an sadarkaa jabina waraanaa dhaabbati kun baase keessatti kan hin hammatamne yoo ta'u, Eertiraafi Jibuutiin ni argamu.

Itoophiyaan gaaddisa Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomanii jalatti nagaa kabachiisuuf Afrikaafi biyyoota aardii biroo keessaatti loltoota lakkoofsaan hedduu gumaachuun maqaa gaarii qabdi.

MM Abiy gara aangootti erga dhufanii humni waraanaa Itoophiyaa leenjiifi caaseffamaan rifoormiin godhamaa akka ture gabaafamaa ture.