Ville de Bitche: Facebook fuula magaalaa Faransaay dogongoraan haqe

Dhaabbanni miidiyaa hawaasaa guddichi Facebook fuula magaalaa Faransaay kan taate 'Bitche' dhaabbataan haquusaatti qeeqame.

Dhaabbatichi maqaan magaalaa kaaba-baha Faransaayiitti argamtu jecha arrabsoo afaan Ingilizii walin wal jalaa dha'e.

Kantiibaan magaalaa baay'ina ummataa 5,000 qabadu kanaas, peejiin Facebook magaalatti seera cabsee jedhamuun Bitooteessaa 19 haqamuu himan.

Facebook ammoo erga dongongora ta'uu hubateen booda fuulicha Kibxata deebiisuu hime.

''Bitooteessa 19 irratti, Facebook fuulli magaalattii kana booda akka hin jiraannee nutti hime. Sababiinsaas seerota facebook cabseera kan jedhu ture'' jedhan kantiibaan magaalattii Benoit Kiffer ibsa kennaniin [Afaan Faransaayitti si geessa].

''Maqaan magaalaa keenyaa haala hin taaneen hubatamuun itti deddeebi'a,'' jedhan kantibaan kun.

Erga fuulichi haqameen booda, fuula biraa 'Mairie 57230' jedhamuufi koodii poostaa magaalattii mullisuun saaqan.

Kantibichi haala facebook maloota ittiin qabiyyee to'atu qeeqan.

''Wanti magaalaa Bitche mudates hirrinaafi dhabina gahumsa meeshaalee dhaabbatichi ittiin to'atu kan mul'suudha,'' jedhan.

Kantibichi, pirezidaantiin dhaabbata facebook kan damee Faransaay guyyaa Kibxataa isaan qunnamuun fuulli magaalattii deebiifamuu itti himuufi rakkina uumameef dhiifama gaafachuu dubbatan.

Mr Kiefer ammoo isaafi duree facebook kan ta'e Maark Zukerbarg akka 'magaalaa bareedduu' kan taatee Bitche daawwataniif affeeruu himan.

Dubbi himaan facebook Kibxata BBCtti akka himeetti, ''fuulichi dogongoraan haqamee, dhimmichi erga hubatameen booda battalaan ganama kana akka deebi'u ta'eera.''

Naannichatti magaalaan biraa, 'Rohrbach-les-Bitche' maqaa fuula isaa gara ''Ville de Rohrbach'' gaafa Wiixata geeddare.