Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fesbuukiin kanneen oduu sobaa Afrikaarraa Ameerikaatti facaasan cufuu eegale
Dhaabbileen kanneen akka Fesbuukiifi Tiwiitar akkaawuntiiwwan sobaa kana dura Raashiyaa waliin walitti dhufeenya qabu jedhaman cufaa jiru.
Fuulawwan Fesbuukii biyyoota Afrikaa Gaanaafi Naayijeeriyaa keessatti banaman kunneen lammiilee US filannoof qophaa'an irratti kan xiyyeeffatani dha.
Neetworkiiwwan kunneen kallattiin filannoofi kaadhimamtoota siyaasaa irratti xiyyeeffachuu baatanis, beeksisoota siyaasa akka gadhiisaniif gaafachuu dhaabbileen kunneen beeksisanii jiru.
Akkaawuntiiwwan kunneen ''wal-dhabdee uumuu'' irratti kaayyeffatani jechuuni, Tiwiitar kan beeksise.
Akkaawuntiiwwan muraasni dhaabbilee gargaarsaa Gaanaa keessa jiran fakkeessuun akka socho'an qorannoo dhaabanni Fesbuukii dhaabbata CNN waliin taasisen irra gahameera.
Gareewwan Feesbuuk kunneen dhimmoota 'Seenaa gurraachotaa, faashinii, oduu namoota beekamoo, oduu US fi dhimma 'LGBTQ' fakkeessuun odeeffannoowwan sobaa namootaaf qooduu irrati kan qooda fudhatanidha.
Omisha sobaa
Akkaawuntiin tokko garee 'Nama Afriikaa Ameerikaa' durbiin isaa hidhaa keessatti duraa du'e fakkaachuun akka uumame CNN gabaasee jira.
Gareen kunis waa'ee hammeenya poolisii odeeffannoowwan sobaa qoodanii jiru.
Akkaawuntiiwwan kunneen haaraafi Afrikaa keessa kan hin jirre yoo ta'an, garee Rashiyaa oduu sobaa omishuun beekamu, 'Internet Research Agency' jedhamuun beekamu irraa akka dhufan Feesbuuk kan beeksise.
Beeksisoonni qaama kanarraa dhufan kallattiin kan kuffifaman yoo ta'u, akkaawuntiiwwan Feesbuukii 49, kan Inistaagiraam 85 fi fuulota 69 kan biroo cufuu dhaabbatichi beeksiseera.
Gareewwan kunneen hordoftoota 278,000 kan qaban yoo ta'u, dhibbeentaan 65 Ameerikaa keessa jiru.
Tiwiitarri gama isaatiin akkaawuntiiwwan 71 hordoftoota 68,000 qabaniifi wal-dhabdee uumuuf banamani kan jedhe cufuu beeksiseera.
Tajaajiloonni keenya namoota burjaajessuuf akka oolan waan hin barbaannef, akkaawuntiiwwan akkasii cufuu cimsinee itti fufna jedheera dhaabbanni Feesbuukii.