Mala itti lakkoofsi bilbilaa keessan daataa Facebook keessaa butamuu bartan

Namoonni yeroo ammaa lakkoofsa bilbilaa isaanii websaayitiitti galchuun yoo daataan Feesbuukii butamuutti kan isaaniis butamuufi butamuu dhabuu isaa adda baafachuu danda'u.

Kanaan dura wayita daataan Feesbuukii butameetti, daataan namoota miiliyoona 530 ol onlaayinii kan gadhiifame yoo ta'u, gara caalu lakkoofsi bilbilaa isaanii keessa jira.

Namoonni websaayitii Have I Been Pwned [Afaan Ingiliziitti isin geessa] jedhu seenanii lakkoofsi bilbilaa yookiin imeeliin isaanii saaxilamuu baruu danda'u.

Fesbukiin daataan butamee gadhiifame kan ''duriiti'' jechuun bara 2019 kan mudaterraa ta'u ibse. Ta'us, kanneen iccitiin dhunfaa [privacy] akka eegamu hojjetan qorataa jiru.

Daataa

Fesbuukiin bakka daataan miliqe waggaafi ji'a jaha dura 'bira gahuufi sirreessuu' isaa ibse. Haa ta'u malee, odeeffannoon yeroos miliqfame onlaayinii gubbaa maxxanfame. Kunis, namoota baay'ee bira akka gahu taasise.

Akka qorattoonni jedhanitti, lakkoofsi namoota daataan dhuunfaa isaanii butamee onlaayinii gubbaa gadhiifame miiliyoona 533 yoo ta'an, kunneenis lammiilee biyyoota 106'dha.

Obbo Tirooy Haant ekispartii nageenyaa websaayitii 'HaveIBeenPwned' hundeessaniidha.

Kana dura namoonni websaayitii keessa teessoo imeelii galchuun daataan isaanii butamuu mirkaneessuu ture.

Garuu, ''akkaan namni baay'ate'' jedhan waa'ee namoota websaayitii isaanii seenanii yoo dubbatan.

Kanaaf, boodarra namoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii galchuun daataan isaanii butamuu akka mirkaneeffatan carraa bananani.

Yoo lakkoofsi namootaa daataa butamee gadhiifame keessa jira ta'e websaayitichi isaaniif mirkaneessa.

Kanneen daataa beezii keessaa iccitiin isaanii miliqe keessaa lakkoofsi hoogganaa fi abbaa qabeenyaa dhaabbata Fesbuukii Maark Zukarbarg akka argamuu ekispartiin nageenyaa Deev Waaker ni hima.

Dhaabbanni Fesbuukii bara 2011 eegale sababa rakkoo nageenyaa ibsuun namoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii akka galchan gaafataa ture.

Lammata, "two-factor authentication", kan jedhamuufi namni tokko yeroo fesbuukii seenuu ergaa bilbila isaa/isheetti ergamee isaa/ishee ta'uun kan itti mirkaneessuus fideera.

Haa ta'u malee, dhaabbati Fesbuukii daataa tibbana miliqee bahee irratti, ''daataa duriiti'' jechuurra kan hafe wanti ibse hin jiru.

Dhimma kana irratti BBC'n yaada Fesbuukii gaafatus deebii hin arganne.

Ta'us, kanneen akka addunyaatti mirgi mateenyaa kabajamuu hordofan qorannoo eegalaniiru.