Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa lolaa Indoonezhiyaa fi Timoor Leestee mudateen namootni 70 ol du'an
Balaa lolaa fi sigiga lafaa Dilbata kaleessaa Indoonezhiyaa fi Baha Tiimor mudateen namootni baay'een du'an.
Biyyoota Baha Eeshiyaa ollaa tahan kanatti rooba cimaa roobeen bishaan hidha irra dhangala'uun manneen kumaatama fudhate.
Naannoon lolaa kanaan miidhame odola Filoores, Baha Indoonezhiyaatii hanga Baha Tiimoorittidha.
Namootni 40 ol tahan ammayyuu akka hin argamne kan himan qondaalonni Indoonezhiyaa, lakkoofsi namoota du'anii dabaluu danda'a jechuun akeekkachiisaniiru.
''Namootni 55 du'aniiru. Lakkoofsi kun kan jijjiramuu danda'u yoo tah,u namootni 42 ammayyuu hin argamne,'' jedhan dubbii himaan Ejensii Ittisa Balaa Indoonezhiyaa, Raaditiyaa Dijaatii miidiyaa Meetiroo Tv jedhamu irratti.
"Dhoqqee fi haalli qilleensaa hamaan dhiibbaa guddaa taheera. Wantootni caccabuun tuulamanis garee lubbuu baraaruuf bahan danqaniiru,'' Alfoonsi Haadaa Beeteen.
''Namootni baay'een akka awwaalamuu hin hafne shakkina garuu namootni meeqa akka dhabaman guutummaatti hin barre,'' jedhan hogganaan Ejensii Ittisa Balaa Baha Filoores kun.
Namootni achii baafaman faffaca'aniiru. Namoota dhibbaan lakka'amanidha kan kutaa bulchiinsa lamaanii irraa bahan. Garuu namootni baay'een mana isaanii jiru. Isaan uffata qorraa, nyaataa fi qoricha barbaadu.''
Dabalataan Baha Timoor, Timoor Leestee jedhamuun beekamtu keessatti namootni 21 du'aniiru jedhe AFP'n qondaala tokko wabeeffachuun.
Baay'een isaanii magaalaa guddittii Diilii keessa jiraatu.'
Pirezidaantiin Indoonezhiyaa Jookoo Wiidoodoo, gadda itti dhagahame ibsuun uummanni gorsa yeroo qilleensa hamaa kennamuuf hordofuu qaba jedhan.
"Hojiin balaa irraa bayyaannachiisuu ariitiin akka jalqabuuf ajajeera. Hojjettoota fayyaa deeggarsa kennaniif dhiyeessiin loojistikii, warra buqqa'aniif dhiyeessii bu'uura akka jiraatuu fi bu''uraaleen misoomaa akka suphaman tahu'' jedhan.
Sigigni lafaa fi lolaa yeroo waqtii roobaa Indoonezhiyaa keessatti irra deddeebiin mudata.
Ji'a Amajjii keessa sababuma lolaan namootni 40 tahan magaalaa Sumedangi keessatti du'aniiru.
Ejensiin Ittisa Balaa biyyattii walakkaan uummata biyyattii miliyoona 125 tahan, balaa sigiga lafaaf naannoo saaxilamaa tahe keessa jiraatu.