Lolaa hamaa lubbuu galaafate, konkolaataa gurguddaa daandiirra harkise

Magaalaa Booliiviyaa Sukree jedhamtu keessatti lolaan hamaan nama afur ajjeese jedhe poolsiin.

Rooba jabaa daqiiqaa 30f Wiixata roobeen booda daandiiwwan magaalatti gara laga saffisaan yaa'utti geeddaraman.

Bishaan karaarra gulufu konkolaatota dabalatee meeshaalee gurguddoo fuudhee fiigaa ture.

Balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni agur yoo du'an, daa'imman sadii fi ga'eessi tokko achi buuteen isaanii dhabameera.

Aanga'oonni magaalattii balaa kana ittisuuf silaa kanaa ol hojjechuu malu jechuun komatu jiraattonni.

Pireezidantiin biyyattii Luwis Ark lubbuu badeef gadda itti dhagaahame ibsataniiru.

Daa'imman sadi fi ga'eeyyiin sadi achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta'u namoonni 7 miidhaan qaamaa irra gaheera.

Yoo xiqqaate konkolaataawwan 10 lolaan fudhatamaniiru. Daldaltoonni hedduun meeshaan isaanii jalaa fudhatamee kasaaraaf saaxilamaniiru.

Lolaa fi sigigi lafaa Boliiviyaaf haaraa miti. Wayita waqtii roobaa biyyattii Sadaasaa hanga Bitootessaa taateen akkanaa ni uumama.