Lolaa hamaa lubbuu galaafate, konkolaataa gurguddaa daandiirra harkise

Ibsa waa'ee viidiyoo, Rooba hamaa daandii magaalaa keessaa lagatti jijjiire

Magaalaa Booliiviyaa Sukree jedhamtu keessatti lolaan hamaan nama afur ajjeese jedhe poolsiin.

Rooba jabaa daqiiqaa 30f Wiixata roobeen booda daandiiwwan magaalatti gara laga saffisaan yaa'utti geeddaraman.

Bishaan karaarra gulufu konkolaatota dabalatee meeshaalee gurguddoo fuudhee fiigaa ture.

Balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni agur yoo du'an, daa'imman sadii fi ga'eessi tokko achi buuteen isaanii dhabameera.

A street flooded by heavy rains is seen in Sucre, Bolivia January 4, 2021.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daandiiwwan magaalattii gara lagaatti jijjiiramanii turan

Aanga'oonni magaalattii balaa kana ittisuuf silaa kanaa ol hojjechuu malu jechuun komatu jiraattonni.

Pireezidantiin biyyattii Luwis Ark lubbuu badeef gadda itti dhagaahame ibsataniiru.

Daa'imman sadi fi ga'eeyyiin sadi achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta'u namoonni 7 miidhaan qaamaa irra gaheera.

Yoo xiqqaate konkolaataawwan 10 lolaan fudhatamaniiru. Daldaltoonni hedduun meeshaan isaanii jalaa fudhatamee kasaaraaf saaxilamaniiru.

Dubartiin kun utubaa elektiriikii qabattee akka bishaan ishee fudhatee hin deemne of oolchite

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin kun utubaa elektiriikii qabattee akka bishaan ishee fudhatee hin deemne of oolchite
Daldaltoonni meeshaan isaanii gaafa fudhatamu dhaabbatanii ilaalaa turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daldaltoonni meeshaan isaanii gaafa fudhatamu dhaabbatanii ilaalaa turan

Lolaa fi sigigi lafaa Boliiviyaaf haaraa miti. Wayita waqtii roobaa biyyattii Sadaasaa hanga Bitootessaa taateen akkanaa ni uumama.