Balaa lolaan Firaansifi Xaaliyaan keessatti namootni du’an

Madda suuraa, EPA
Rooba cimaa bubbee makatee bu’een kibba Firaans fi Kaaba-lixa Xaaliyaan keessatti yoo xiqqaate namootni lama du’anii namootni 25 achii buuteen isaanii dhabameera.
Bubbeen Aleeksi jedhamu kun roobaa fi qilleensa cimaa qabaatee lolaa hamaa uumeera.
Gandooti hedduun magaalaa Niis keessatti kan miidhaman yoo ta’un, Bulchaan naannichaa jireenya isaa keessatti kun balaa lolaa isa hamaa ta’uu ibseera.
Kaaba Xaaliyaan keessatti, daandiiwwaniifi riqichooti lolaa kanaan kan diigaman yoo ta’u, lageenis guutaniiru.
Xaliyaan keessatti namni lubbuun isaa darbe tokko hojjeetaa ittisa balaa Awostaa Vaalii yoo ta’u , inni biraan ammo bulchiinsa Piyeedmont keessatti nama konkolataan isaan lolaan fudhatamee lagatti dhidhimedha.
Kaaba-lixa biyyatti halka tokkotti roobni cimaan erga roobee booda namootni 17 biroon achi isaanii kan dhabame yoo ta’u; isaan keessa yoo xiqqaate namootni afur lammilee Jarman daawwanaaf gara tulluttii ba’aanii hin deebine ta’uu anga’oonni himaniiru.

Madda suuraa, AFP
Gandoota sababa lolaan addan citan gargaaruf lubbu baraartoonni hedduun ergamaniiru.
Firaansi keessattis, namootni saddeet achi buuteen isaani dhabameera.
Gandootii Kaaba Niis jiran, irraan gadeerra waan jiraaniif hedduun isaanii lolaan gandoota biroorra adda citaaniiru.
Helikooptara fayyadamuun naannicha kan daawwatan bulchaan Niic Kiristiyan Estiroosii “Daandiwwaniifi manneen 100 ta’an lolaan fudhatamaniiru ykn gariin barbada’aniiru,” jechuun miidiyaa Fireench BFM’tti himaniiru.
Dhabbatni metiroolojii Météo-France nannoo tokko tokkotti hammi rooba roobee kan roobaa gara ji’a afuriif roobuu qabu ture jedha.
Magaaloota qarqara galaanaa jiran hedduu keessatti namootni akka manaa hin baaneef gorsamuu AFP gabaaseera.













