Lolaa: Haroon Xaanaa guutee gandoota Gondar Kibbaa ja'a marsanii jiran liqimise

Sababa roobaa cimaa Ganna kanaatiin haroon Xaanaa humnaa ol guutuun manneen jireenyaa haricha marsanii jiran dabalatee lafti bal'aan bishaaniin liqimfamaniiru.

Haroon Xaanaa waqtii Gannaa kan guutu ta'ullee kan bara kanaa garuu baayyee guddaa kan ta'eefi tarii waggaa 30 keessatti haala argamee hin beekneeen guutee lafa bal'aa liqimseera jedhan jiraattonni naannoo sanaa BBCn dubbise.

Jiraataa aanaa Fogaraa ganda Nabagaa kan ta'e Qasiis Muliyyee Taganyee qonnaan bultoota bishaan haroo Xaanaa guutee qe'eerraa buqqaase keessaa tokkodha.

Qonnaan bulaan kun akka jedhutti bishaan haroo kanaa guutee dirreerra darbuun mana isaanii waan liqimseef lubbuu maatii isaa baraaruuf bakka biraatti godaanuuf dirqameera.

Qabeenya mana keessaa qaban keessaa soorata guyyaafi ta'uufi beeylada qofa fudhatanii gara fira fagoottii baqatanii jiraachaa jiraachuus dubbateera.

Lafa qotisa (camadaa) afur akka qabu kan dubbatu Qasiis MUliyyeen, kana keessaa camadaa sadii ruuziin irra jiru haramaa bocee haroo xaanaarraa dhiibamee dhufeen uwwifameera jedha.

Kanaaf, amma qofaa osoo hin taane jireenya isaanii gara fuula duraafillee yaaddoo qabaachuu hima qonnaan bulaan kun.

"Miidhaan bishaan guutuun qaqqabsiise kun kan yeroof ta'e qofaa osoo hin taane omisha midhaan ittiin jiraannuullee mancaaseera," jedha.

Jiraataa aanaa Fogeraa ganda Waagxeraa kan ta'e Diyaaqon Dimtsee sababa haroon Xaanaa guuteef hojiifi jireenyi isaa danqamuu dubbata.

Diyaaqon Dimtseen daldala irratti hirmaachuun cinaatti lafa kireeffachuun qonnaas madda galii godhatee ture.

Bara kana lafa hektaara tokkoofi walakkaa nama dhuunfaarraa Birrii kuma 45 kaffaluun waggaa tokkoof kireeffatee ruuzii kan facaasee akka ture dubbatu Dimtseen, waqtii itti aanu ammoo xaafii facaasuuf karoorfatee ture.

Haata'u malee, wanti hundumtuu akka karoorfate osoo hin taane haroon Xaanaa guutee lafti naannoo haroo kanaa marsee jiru guutuun humna isaaniifi baasiin itti dhangalaasan bishaaniin liqimfameera.

Sababa kanaan, lafti qonnaa ruuziin irra facaafamee ture haramaa bocee bishaan haroo sanaan dhiibamee dhufeen guutummaatti aguugamuun faayidaa ala ta'uu isaa akka gadde BBCtti himeera.

Miidhaan kun Diyaaqon Dimtsi qofaarra osoo hin taane yoo xiqqaata hollaa isa 180 irra waan gaheef qe'ee isaanii gadhiisanii bakka biraatti godaanuudhaaf dirqamuu ibsa.

Diyaaqon Dimtsi garuu shaqaxa daldalaaf fidan dhiisanii ba'uu waan hin dandeenyeef ijoollee isaa lama qabatee bishaan guute keessa jiraachaa jira.

Kana waan ta'eefis, mootummaan atattamaan qaqabee akka lubbuu isaanii oolchuuf gaafateera.

Bishaan haroo oguute kun aanaalee godina Gondar Kibbaa Xaanaa daangessan akka Liboo Kamkam keessaa gandoota sadii, Fogeraa keessaa gandoota lamaafi Darraa keessaa ammoo ganda tokko walumaa galatti gandoota ja'a liqimseera jedha godinichatti gaggeessaan garee qajeelcha ittisa balaa Obbo Seyyuma Amaare.

Kanaan dura sababa bishaan guutuun gandoonni kunneen guutummaan guutuutti ta'uu baatullee hanga tokko rakkoon akka irra ga'u kan ibse Obbo Siyyum, kana bara kanaa garuu kan adda ta'eefi cimaa ta'uu isaa BBCtti himeera.

Gandoota ja'an bishaan guute kanaan miidhaman keessa namoota 12,500 ol jiraatan gara bakka biraatti geessuuf yaaliin taasifamaa akka jiru kan himu gaggeessaan garee kun, hanga ammaatti jiraattota 2,500 bakka biraatti geessuun danda'ameera jedha.

"Guuta bishaanii bara kanaa akka caalaa hammaatu kan taasise haramaan bocee bishaan haroo sanaa waliin dhufuu isaati," kan jedhu Obbo Siyyum, sababa kanarraa kan ka'een namoota rakkoon irra gaheen alatti beeyladoonnni manaa 10,000 ta'an kan dheedan dhabuu ibseera.

Bakkaawwan Xaanaa marsanii jiran yeroo ammaa bishaaniin liqimfamn kunneen garri caalan ruuzii omishuun kan beekaman yoo ta'u, waqtii ammaa kana keessa qonnaan bultoonni ho'iruu isaanii yeroo itti guutummaan guutuutti ruuzii facaasan ture.

Haata'u malee, ho'iruun ruuzii haramaa bocee Xaanaafillee yaaddoo ta'e bishaan guutameen dhiibamee dhufeen haguugamuun faayidaan ala ta'eera. Sababii kanaanis, ho'iruun ruuzii hektaara 6,000 ta'u haramaa boceetiin manca'uu akka danda'u Obbo Siyyum BBCtti himeera.

Yeroo ammmaa miidhamtoota bakka bishaaniin haguugame keessaa baasuuf hojiin cimee akka itti fufee jiru kan dubbatu aanga'aan kun, bidiruu, gaariifi malawwan biro fayyadamuudhaan namootaafi beeyladoota gara tabbaatti geessuun deggarsi nyaataafi fayyaa taasifamaa jira jedha.