Lolaa Itoophiyaa: Itoophiyaatti balaa lolaa 'waggaa 100tti al tokko mudatuun' lammiileen miiliyoona walakkaa ol miidhaman

Itoophiyaattii balaa lolaa naannoolee garagaraa keessatti mudateen lammiileen miiliyoona walakkaa ol miidhamuu isaanii mootummaan hime.

Ministirri Nagaa Mufariyaat Kaamil fi Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr. Injinar Silashii Baqqalaa ibsa kaleessa kennanin, roobni ganna baranaa cimaa ta'uu isaatiin manneeniifi bu'uraalee misoomaa irratti miidhaan qaqqabuu isaa himaniiru.

Lolaan naannolee shan keessatti godinaalee 23 keessatti qaqqabuu isaa kan himan Ministirri Nagaa Mufariyaat Kaamil, balaa lolaa kanaan namootni 580,000 kan miidhaman yemmuu ta'u, kunneen keessaa 217,000 kan ta'an immoo iddoo jireenya isaaniitii buqqa'uu isaanii dubbatan.

"Waggoota 100 keessatti al tokko kan mudatu…"

Akka Ministirri Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dr. Injinar Silashii Baqqalaa himanitti, balaan lolaa tibbanaa laga Awaash ka'umsaa hanga iddoo gahumsa isaatti, laga Oomoo, Sulula Qinxamaatti naannoo Baatuu fi Maqii, yaa'a Abbayyaatti naannoo hara Xaanaatii hanga Sudaanitti akkasumas naannoo laga Baarootti dhaqqabeera.

Lolaan tibbana iddoowwan tokko tokkotti mudate waggoota 100 keessatti al tokko kan mudatu akka ta'e Dr. Injinar Silashii Baqqalaa dubbatan.

Kan laga Awaashis waggoota 30 darban keessatti mul'atee kan hin beekne ta'uutu himame.

Roobni cimaan baranaa kun raagamee kan ture ta'uu kan himan ministirchi qophiin dursaa taasifamaa turuusaa himaniiru.

Akka fakkeenyaattis naannoolee Oromiyaa fi Affaar keessatti suuphaan bo'oo yaa'a bishaanii kilomeetira 134 hojjetamuusaa dubbatan.

Dabalataan manni maree olaanaa yaa'awwanii prezidaantota naannoleefi ministiroota dhimmichi ilaallatu walin mari'achuu isaafi qophiin taasifamaa turuu himan.

Haa ta'u malee roobni cimaan roobe iddoowwan tokko tokkotti ijaarsawwan yaa'aa diigun miidhaa qaqqabsiisuu isaa Dr. Injinar Silashii Baqqala himaniiru.

Iddoo balaan itti qaqqabetti, "namoota helikoptaraan baraaruun lubbuu namaa irratti miidhaan osoo hin qaqqabin milkaa'inaan hojjetamuu danda'eera. Lolaan cimaa ta'uu isaatin midhaan, iddoo muraasatti loon irratti miidhaa qaqqabsiisera, manneen muraasas bishaanin akka liqimfaman taasiseera," jedhan.

Hojiin lubbuu baraaruu, namootni dhibeedhaaf akka hin saaxilame taasisuufi dhiyeessiin soorataafi meeshaalee biroo hojjetamaa akka jiru kan himan ministirri Nagaa Mufariyaat Kaamil, wayita lolaan darbuttis hojiin deebisanii dhaabuu akka hojjetamu dubbatan.