Balaa lolaa Itoophiyaa: Walakkaan Matahaaraa lolaan yoo uwwifamu, Affaaritti namoota 72,000 qe’eerraa buqqise

Naannoo Affaar keessatti balaa lolaa mudateen namoonni 72,000 caalan qe’eesaaniirraa yoo buqqa’an, Oromiyaatti walakkaan Magaalaa Matahaaraa ammoo lolaa laga Awaashin uwwifameera.

Waqtii gannaa baranaa keessa Itoophiyaa iddoowwan garagaraatti, keessattuu hawaasa yaa'a laga Awaash hordofee qubateerratti balaan lolaa lubbuu galaafachuun, miidhaa hedduu geessisaa jira.

Ejeree haga Matahaaraa - Omoo haga Afaaritti roobni gannaa hawaasa goolaa jira.

Mataahaaraa

Lagni Awaash guutuun bo'oo qotameef irra cabsuun jiraattota Godina Shawaa Bahaa Magaalota akka Wanjii fi Matahaaraa irraan miidhaa geessiseera.

Magaala Matahaaraatti kaleessa Galgala irraa eegaluun lolaan gara magaalaatti seenuu jalqabe ganda magaalattiin qabdu lama keessaa gandi tokko lolaadhaan uwwifameera.

Kantiibaan magaalichaa obbo Taaddalaa Diriirsaa BBC'tti akka himanitti lolaan magaala Matahaaraatti gahe seenaa magaalattii keessatti kan mul'atee hin beeknedha jedhan.

"Lagni Awaash guutee gara magaala keenyaatti dhangala'eera. Kuni seenaa magaala kanas ta'e lagichaa keessatti balaa isa guddaadha jechuun ni dandahama.bo'oo guddaatu hojjetamee ittifamaa ture. Ta'us lagichi cabsee dhufuun ganda Haroo Adii jedhamu guutumaan guututti uwwiseera" jedhan.

Lolaa galgala sa'aatii 3tti jalqabe kana namoota keessaa baasuun hanga Roobii waaree booda kanaattuu hin raawwanne jedhan.

Lolaan gahe kuni olaanaa ta'uu isaatiin uummanni lubbuma isaatiin bahuun alatti qabeenyi mana keessaa qaban guutumatti akka jalaa manca'es himaniiru.

"Magaalli keenya gandoota lama qabdi gandi tokko guutumatti fudhatameera. Ganda kana tilmaaman nama kuma 20 caalutu keessa jiraata. Lubbuu namaarra miidhaan gahe hin jiru. Miidhamtoota Ganda dirree gobbuu jedhamu qubsiisaa jirra" jedhan.

Lolaan kuni daandii gandoota lamaan magaalattii walqunnmsiisu fi gara Godina harargee lixaa aanaalee Ancaar fa'an walqunnamsiisu guutumatti waan kuteef hojii namoota baasuu kanatti danqaa guddaa uumuus himan.

Sababa kanaanis magaalattiin bakka lamatti cittee jiraachuus eeran.

Yeroo ammaa kanattis bishaan kuni dabalaa waan jiruus miidhaa caalu geessisuu akka malus yaaddoo qaban himaniiru obbo Taaddalaan.

"Magaalattii cinaatti kan argamu Haroon Basaqaas haala yaaddessaa ta'een dabalaa jira. Yaaddoo guddaa kan nutti uume amma lolaan laga Awaash kuni Haroo Kanaan yoo waltuqe balaa hamaa geessisa. Hawaasa kana rakkoo keessaa baasudhaafis balaa humnaa olii fiduu mala" jedhan.

Guutinsa Laga Awaashiin alattis Haroon Qooqaa guutuu isaatiin bishaan hidhicharraa gadhiifamu rakkoo dabalataa uumaa jiraachuus himan. Hoogganaan hooggansa sodaa balaa naannochaa Obbo Maahii Alii aanaalee naannochaa 14 keessatti namoonni kuma 120 ta’an sababa bala lolaa kanaan miidhamaniiru.

Naannoo Affaar

Naannolee Asaayitaa, Afaamboo, Duubtii fi Naannoo 3 jedhamuun kan beekaman keessatti namoota miidhamaniif mootummaan federaalaa, naannoo akkasumas dhaabileen gargaarsaa deggersa midhaan nyaataa fi meeshaalee biro kennaa jiru jedhan.

Balaa kanaan haga ammaatti lubbuun nama tokkoollee akka hin badne kan dubbatan Obbo Maahiin, ta’us garuu namoonni qe’eesaaniirraa wayita buqqaafaman nyaataa fi meeshaalee deggersaa kaan waan harkaa hin qabneef rakkoof saaxilamuun waan hin oolle jedhan.

Sababa lolaa kanaan ooyiruun oomishaalee ga’anii jiran kanneen akka timaatimaa, qullubbii diimaa, jirbii fi boqqolloo ofirraa qabu hektaara kuma 21 caalu barbadaa’eera.

Aanaa Galaloo gandoota Dabal fi Gafram jedhaman keessatti namoonni bishaan guuteen marfamanii jiran hedduu ta’uu dubbatu Obbo Maahiin.

Namoota kunneen achii baasuuf deggersa bidiruu eegaa jiraachuu fi Ministeera Ittisaa irraa ammoo helikooptarii gaafatanii eegaa akka jiran dubbatan.

Naannichatti ammas sodaan jiraachuu kan ibsan Obbo Maahiin bakkeewwan akka Awaash fantaallee, Gawaanee, Galaloo, Amiibaraa fi Dullachaa keessatti bishaan hidhaawwan qooqaa fi qasam irraa gadi dhiifaman akkasumas rooba naannawa kanaa fi iddoo biraatti roobee lola’uun soda hamaa keessa jiraachuu himan.

Naannolee sodaa guddaa qaban keessatti komaandi postiidhaan akka hojjetamuu, lolaan uumamee osoo uummatarraan miidhaa hin geessisin sa’atii 24 dursanii odeeffannoo kennuuf gareen hundaa’ee hojii eegaleera jedhan.

Miidhaa sababa lolaa kanaan aanaalee naannochaa 14 irra ga’een namoonni q’eerraa buqqa’an bakka tokkotti walitti heddummaatanii jiraatanis yaaddoo koronaavaayirasii akka hin uumneef ogeeyyiin fayyaa deggersa gochaa jiru jedhan.