Konkolaachistoonni buccullee keessatti fincaa’uuf dirqamuu isaanii haaluuf Amazon dhiifama gaafate

Amazon delivery vehicles in Miami

Madda suuraa, EPA

Dhaabbati daldalaa inteerneetarraa Amazon, konkolaachistoonni tokko tokko buccullee keessatti fincaa’uuf dirqamuu isaanii haaluusaaf nama siyaasaa US’n dhiifama gaafate.

Kutaa biyyaa Wiiskonsin irraa Dimokraatii Maark Pookan, Tiwiitara irratti Amazon ''hojjattooti akka buccullee keessatti fincaa’an” gochaa jira jechuun Twitter gubbaa barreessee ture.

Sana booda akkaawuntii Amazon irraa ''Utuu kun dhugaa ta’e, eenyuyyu nuuf hin hojjatu,” jechuun achuma jalatti deebisaniif.

Erga ragaan konkolaachistoonni buccullee keessatti fincaa’uuf dirqamuu isaani agarsiisu ba’ee booda garuu, amma dhaabbatichi dhiifama gaafateera.

“Bakka bu’aa Pookaniin dhiifama gaafachuu qabna,” jechuun ibsa baasee irratti Amazon beeksisera.

“Maxxansi Tiwiitaraa kun sirrii miti. Hawaasa konkolaachistoota keessaa kan hin hubannee fi dogoggoraan wiirtuuwwan galma keenyaa irratti kan xiyyeeffateedha.”

Dabalataaniis manneen kuusaa dhaabichaa manneen fincaanii hedduu kan hojjattoonni “yeroo barbaadanitti” fayyadamuu danda’an akka qabu ibseera.

Protest in LA in support of Alabama unionisation

Madda suuraa, Reuters

Hojjattoonni Alabaamaa keessatti waldaa uummachuuf yaalii taasisan dhorkuu isaaf Pookan Amazoniin qeeqee ture.

“Utuu waldaa hojjattootaa diigduu fi hojjattoonni buccullee keessatti akka fincaa’an gootuu, hojjatootaaf sa'aatitti doolaara 15 kaffaluunkee ‘bakka hojii foyyaa’aa’ sin godhu,” jechuun Pookan torbee darbe barreesseera.

Yeroo muraasa booda Amazon ''waa’ee bucculleetti fincaa’uu kana dhuguma hin amantu mitii? Utuu kun dhugaa ta’e, eenyuyyu nuuf hin hojjatu,” jechuun deebii kenneera.

Sana booda miidiyaaleen hedduu hojjattoota Amazon filannoo dhabuun yeroo hojiitti buccullee keessatti fincaa’uuf dirqamuu isaanii mirkaneessan eeruun gabaasaniiru.

Dabalataanis aadaan hojii boqonnaa hin qabne, manneen kuusaafi konkolaachistoota mi’a geessan bira jiraachuu ibsaniiru.

Miidiyaan The Intercept, hoggantoonni olaanoo Amazon dhimmi kun uumamaa jiraachuu isaanii akka beekan, ragaa agarsiisu argachuu isaa gabaaseera.

Ibsi dhiifama Amazon kun dabalataan: “konkolaachistoonni sababa tiraafikiin ykn daandiilee baadiyyaa irratti mana fincaanii argachuuf akka rakkatan beekna, kunimmoo sababa Covid’n yeroo manneen fincaanii uummata waan cufamaniif hammaateera,” jedha.

Kun rakkoo “yeroo dheeraaf ture, dhimma indastirichaa guutuu” akka ta’e ibsuun “kanammoo furuu barbaanna” jedhaniiru.

Bakka bu’aan Pookan garuu dhiifama isaan gaafatan diduun Sanbata irratti: “Kun wa’eekoo miti kun waa’ee hojjatoota keessaniidha.

Warra isin kabajaafi ulfina kennineef. Jalqaba haala hojii mijataa hin taane hojjattoota hundaaf uumuu keessan amanaa.

Sana booda nama hundumaaf sana sirreessaa, dhuma irratti ammoo utuu gidduu hin seeniin akka isaan waldaa uummatan godhaa,” jechuun Tiwiitara irratti barreesseera.