Beeksisoonni pijaamaa 'qaama teessumaa qullaa mul'isan' falmii kaasan

IVRose "functional flap" pyjamas

Madda suuraa, IVRose

Beeksisoonni karaa onaalyinii uffata halkanii qaama teessummaa qullaa mullisan, erga intarneetaan bakka hedduutti mul'atanii booda dubbii ijoo tahan.

Beeksisoonni onlaayinii ''pijaamaa ga'eessaa qulfii qabaniifi salphaatti uffataman'' jedhu, daldaltoota hedduun marsariitii irratti kan mul'achuu jalqaban torban dabre ture.

Beeksisonni kunneenis burjaajii uumaniiru, namoonni hedduun maaliif oomishaaleen akkasii narratti qiyyaafatan jechuun gaafachaasa turan.

Ogeessi tokko akka jedhanitti, beeksisonni kunneen tarii waa'ee namoota bitanii odeeffannoo walitti qabuuf gargaaru taha yaada jedhu kaasu.

Beeksisoonni marsariitiirraa kunneen dursa kan haasawamuu eegale, namoonni erga beeksisicha marsariitii Elle.com irratti arganii boodadha. Asirrattis biraandiin uffata halkanii kanaa IVRose kan jedhamuun kan dhiyaate ture.

Fuula Facebook IVRose jedhuun kan midhaassu (maanej godhu) dhaabbata Chaayinaa, Shanghai Lishang Information Technology Co Ltd. jedhamudha.

Teessoon dhaabbata kanaa, odeeffannoo marsariitii faashinii biraa ChicMe jedhamu waliin walfakkaata. Dhaabbanni lammaffaan kunis beeksisoota pijaamaa walfakkaatu kan gadhiisan keessaa isa tokko.

ChicMe ad

Madda suuraa, ChicMe

Ibsa waa'ee suuraa, Beeksisota gama Google'n dhufan kanniin gama gubbaa harka mirgaan irratti cuqaasuun balleessuu dandeessu

Marsariitii ChicMe jedhamu dhaabbata Alkmand Estate Ltd jedhamutu dhuunfata. Dhaabbati kunis marsariitiiwwan uffata gurguran garagaraa qaba. Isaan hunduu pijaamaa qaama teessumaa qullaa mul'isan kana beeksisaa turan.

'Beeksisoota hawwatan'

Ogeessa beeksisaa kan tahe Mat Morrison akka jedhutti, daldaltoonni Chaayinaa qalbii namaa hawwachuuf jecha ''suuraalee muufachiisan'' fayyadamuun haaraa miti.

Haa tahu malee, akka Mat jedhutti, galmi xumuraa beeksisota kanneenii, oomishaalee achi gubbaa taa'an bituu qofa tahuu dhiisuu mala.

Fayyadamaan tokko beeksisa tokkorra wayita cuqaasu, gara fuuladuraatti namni sun oomishaalee walfakkaataa akka bituuf watwaatama.

''Namni tokko gaafa beeksisa kana cuqaasu, dhaabbati beeksisaa kus-yaadannoo (cookie) kompiyuutara itti fayyadamanirra kaa'a. Kus-yaadannoon kunis, gara fuulduraatti namoota kana adda baasuuf itti gargaaramu.

Intarneetiin oomishtoota Chaayinaaf karaa haaraa saaqeera, kan jedhu Mat, kaampaaniiwaan Chaayinaa fayyadamtoota biyyoota Lixaa keessa jiran, gama gabaawwan Amazon fi eBay'n qaqqabuu danda'u jedha.

''Beeksisni intarneetarraa ammoo maamiltoota isaanii kallattiidhumaan akka walargan taasisa. Kunis bu'aan isaanii akka dabalu gargaara,'' jedha

BBCn dhaabbilee oomishaalee kanneen beeksisan IVRose fi ChicMe dhimma kanarratti deebii akka kennan gaafatee ture.