Hubannoo nam-tolchee (AI) hojii keessa: 'algorizimoota hojii nama qacaraniifi hojiirraa ari'an'

Madda suuraa, Getty Images
UKtti Koongiresiin Yuniyenii Daldaltootaa (TUC), gama fayyadama hubannoo nam-tolchee (AI) seera qacarrii UK keessatti ''qaawwa guddaatu'' jira jechuun sodaa qabu ibse.
Akka TUCn jedhutti, hojjettoonni ''algorizimiin hari'amuu fi qacaramuu'' malu jechuun, eegumsi seeraa haarayaa ni barbaachisa jedheera.
Jijjiiramoota barbaachisu jedhe keessaa inni tokko, murteen ''balaa guddaa'' qabu jedhamu dhala namaan irra deebiin akka ilaalamu kan jedhudha.
Barreessaa olaanaan TUC Frances O’Grady waan jedhan: “AI iddoo hojiitti oomishtummaa dabaluufi jireenya hojii fooyyeessuuf ooluu danda'a.
"Haa tahu malee, murteewwan jireenya jijjiiran kanneen akka - eenyu akka qacaramuufi hari'amu murteessuuf oolaa jiru.''
“Seerota haqa-qabeessa hin taaneen, hojiirra oolmaan AI (artificial intelligence) gara loogii guddaa fi qabiinsa hin malleef geessuu danda'a. Keessattuu kanneen hojii wabii hin qabne keessa hojjetaniifi kanneen hojii yeroon qacaramanii hojjetaniif,'' jechuun akeekkachiisan.

Dhaabbileen hedduun hojiiwwan sasalphoo tahaniif murtoo kompiyutaraan murtaa'e dabarsu.
Fakkeenyaaf kaampaaniin Uber, hojiilee konkolaachisuu shufeerootaa kompiyutaraan ramada. Amazon ammoo hojjettootasaa mankuusaa keessa hojjetan sirna AI fayyadamuun to'ata.
Dhaabbileen biroo hedduunis qacarrii namoota calallii duraatif sirna kompiyutaraa, namni keessa hin galle fayyadamu.
Garuu akkuma AI walxaxaa tahaa deemutti, murtoowwan gurguddaa fi balaa cimaa qabu jedhaman ni murteessa jechuun sodaan jira.
Fakkeenyaaf gahumsi hojjettootaa maal fakkaata kan jedhu madaaluun, eenyu carraa guddachuu argachuu qabaafi eenyummoo ari'amuu qaba kan jedhu murteessa.

Odeessaalee AI wajjin walqabatan kaan:
- Hubannoon nam-tolchee(AI) kaansarii harmaa adda baasuun hakiimoota caale
- 'Teeknolojiin miira namaa dubbisu seeraan dhorkamuu qaba'
- Jappaan keessatti roobootiiwwan hojii daldalaa eegaluuf
- Qondaala UN kan sobaa fi odeessaalee dogoggoraa biroo dhimma Tigraay
- Ilmaan namaa yeroo jalqabaaf qoricha 'Artificial Intelligence'n kalaqame fayyadamuufi

Yeroo as dhihootti loogiin algorizimiin namootarratti geessise jedhame haalaan galmaa'ee taaheera. Yeroo hedduus kan mudatu miidhaa hin akeekamneen, sanyii ilaalcha geessuu dadhabuu irraan kan maddudha.
Fakkeenyi gama kanaan kahu inni guddaan, teeknooloojii fuula baruu ykn beekuudha (facial recognition). Teknoolojii kana amma dura, fuula namoota adii kanneen adii hin taanerraa salphumatti akka adda baasuu danda'u gochuun leenjisan.
Rakkooleen akkasii kaampaaniin IBM hojiisaa gama teknooloojii kanaan eegalee ture ''loogii qaba'' jechuun akka dhiisu taasiseera.
TUC'nis gabaasaalee himannaa dhiyeenya bahan fakkeenyaan kaaseera. Kanaanis Uber Eats fayyadamuun kanneen nyaata ajajame namaaf geessan, sofitiweeriin fuula baru fuulasaanii adda baasuu waan dadhabeef hari'amneerra [Afaan Ingiliizii] jechuun himatanii turan.
Kanaanis konkolaachistoonni yaada namootaan %100 qabaniifi ajajoota nyaataa kumaatamatti lakkaa'amu deddeebisan, teknooloojichi fuulasaanii baruun eenyummaasaanii mirkaneessuu waan dadhabeef, hari'amuu himatu.
'Balaa hamaa qaba'
Kanneen gabaasa kana TUCf qixeessan Robin Allen fi Dee Masters akka jedhanitti, hubannoon nam-tolchee (AI) bu'aa qabaatus ''haala hin taaneen hojiirra oola taanaan, balaa cimaa fiduu danda'a,'' jedhan.
''Murtoowwaan barbaachisaa tahan maashinootaan [kompiyutaraan] murteeffamaa jiru,'' jedhan namoonni lamaan kun ibsa waloon kennaniin.
''Gama sirna seeraatiin riifoormiiwwan seeraa qalbiin qopheessine kanaan, itti gaafatamummaa, iftoominaafi sirrinni mirkanaa'uu qaba.
Sararootni diimaa ifatti sararaman jiru, hojii namarraa mulqinee [kompiyuutaratti kennuu yoo hin barbaannu taanaan] isaan kana darbuu hinqabnu,'' jedhan.


















