Torban sadii ykn afuriin kaampaanii haaraa tokko kan bitu Apple

Madda suuraa, Getty Images
Waggooti ja’a darban keessatti dhaabbati Apple kaampaaniwwan 100 ol bituu isaa hogganaan olaanaa dhaabbatichaa Tim Kuuk ibseera.
Kana jechuun dhaabbati kun torban sadii ykn afur afuriin dhaabbata tokko bita jechuudha, jechuun walga’ii qooddatoota Apple Kibxata gaggeeffame irratti dubbateera.
Dhiyeenya galii ruubii waggaa isa olaanaa argateen, ruubii jalqabaa bara 2021’n dhaabbati Apple galii doolaara biiliyoona 111.4 argateera.
Obbo Kuuk akka marii warra aksiyoona qabaniirratti himanitti, bittaan gaggeeffame harki caalaan teeknoolojii fi dandeetti irratti kan xiyyeeffate ture.
Bittaa inni guddaan dhaabbati Apple waggooti kurnan darbe keessatti taasise, dhaabbata heedfooni (sagalee dhageessistu mataarratti kawwatamu) omishu kan wellisaa Dr Dre’n hundeeffame Beats Electronics jedhamu yemmuu doolara biiliyoona sadiin bitedha.
Bittaan inni guddaa kan biraa bara 2018tti sooftiweeri Shazam jedhamu, kan muuziqaa adda baasuuf qophaa’e doolara miiliyoona 400’n yemmuu bitedha.
Yeroo hedduu Apple dhaabbilee teeknoolojii xixiqqaa bituun omisha meeshaalee ofii isaa keessatti fayyadama.
Fakkeenyi tokko yemmuu dhaabbata Israa’el miira adda baasuu 3D uume PrimeSense bituun bilbila Apple keessatti teeknoolojii fuula adda baasuu (FaceID) jedhamuuf fayyadameera.
Dabalataanis Apple teeknolojii adda addaa kan fayyadamtoota iPhone ykn Macbook’n adda hin baafamnee irratti investii godheera.
Ofiin of-oofuu, poodkaastii fi biroo
Dhaabbileen Apple bituu fi irratti investi godhu hedduu gara garaa kan ta’anidha.
Waggaa darbe keessa, Apple dhaabbilee AI hedduu, daldala qophii agarsiisa dhugaa fakkeessu (virtual reality) jedhamu, daldala poodkaastii fi biroo biteera.
Bara 2019tti, dirree teeknoolojii konkolaattota ofiin of-oofu (self-driving) keessatti dorgomaa tahuuf jecha, dhaabbata teeknolojii ofiin of-oofuu Drive.ai jedhamu biteera.
Bara 2016ttis dhaabbati kun dhaabbata Chaayinaa Didi Chuxing jedhamu keessatti investimentii doolara biiliyoona tokko taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Apple dhaabbata guddaa qabeenya gatii doolara tiriiliyoona 2 olii baasu waan ta’eef, dhaabbilee adda addaa bituuf maallaqa ga’aa qaba.
Waggooti ja’a keessatti dhaabbileee 100 bitus, Apple ofeeggannoo guddaan maal akka bituu barbaadu filata.
Fakkeenyaaf, dhiyeenya kana hundeessaan Tesla Iloon Mask bara 2013tti daldala konkolaata elektirikii isaa akka bituuf Obbo Kuuk gaafatee akka ture dubbateera.
Obbo Kuuk garuu kanarratti fedhii dhabuu Musk dubbateera.
Hamma isaan yemmuu madaalamu garuu, bittaan Apple taasise bittaa dhaabbileen teeknoolojii morkattoota isaa ta’an taasisan biratti guddaa miti.
Microsoft Linkedln bituuf doolara biiliyoona doolaara 26 kaffale, Amazon ammoo bittaa Whole Food’f doolara biiliyoona 13.7 kan baase yoo ta’u Feesbuuk ammoo WhatsApp bituuf doolara biiliyoona 19 baaseera.
















