Feesbuukiin WhatsApp fi Instagram gurguruuf dirqama ta'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Feesbuuk morkiin akka hin jiraanne ukkaamsuuf morkattootasaa bitee dorgommii keessaa baasa jechuun qaamoleen Ameerikaatti dhimmicha to’atan himannaa seeraa jalqabaniiru.
To’attoonni Ameerikaa kun bittaa WhatsApp fi Instagram Feesbuukiin raawwate sirreessuu qaba jedhu.
Abbaa alangaa waliigalaa Niwuyork Letitiyaa Jeemsi fi to’attoonni sadarkaa federaalaa Feesbuuk irratti galmeen himannaa kun akka baname ifatti ibsaniiru.
‘’Feesbuuk waggoota kudhanitti dhiyaatuuf morkattoota isaa xixiqqoo dhuunfateetu dorgommiirraa isaan balleesse,’’ jedhan.
‘Yeroo murteessaa’
To’attoonni Ameerikaa Feesbuukiin tarsiimoo morkattootasaa ’’bituu ykn awwaaluu‘’ jedhametti dhimma baha jechuun akka furmaataatti dhaabbilee bite akka gurguru barbaadu.
Kana jechuun kaampaanii Instagram bara 2012 yeroo hojjeettoota 13 qofa qabu dolaara biiliyoona 1'n bite akkasumas WhatsApp bara 2014 doolara biliyoona 16 bite akka gurguru barbaadu.
Erga bittaan kun raawwatamee, qoodni Feesbuukii dachaa afuriin guddachuun gatiin kaampaniin Feesbuuk baasu danda’u doolaara Ameerikaa biliyoona 800 qaqqabeera.
Kanaarra ka’uun miseensi paarlamaa Biritiish Damiyaan Kooliin jedhamu ‘yeroon kun yeroo murteessaadha’ jedhan wayita dhimmi kaampanicha paarlaamaatti ilaalamaa turetti.
Aab Koliin wayita dhimmicha paarlaamaatti ilaalama turetti waanta paarlaamaatti hin kaafamiin hafee fi ragaa seera baastota Ameerikaaf ta’uu danda’a jedhan akka jiru kaasan.
Miseeensi Paarlamaa Biritiish kun akka jedhanitti, dokimantichi akkatti Feesbuukiin humna gabaarratti qabuun kaampaanoota biroorratti dhiibbaa akka uumu kan agarsiisu ta’uu himan.
Gama biraatiin Feesbuukiin tarkaanfii kaampanicha adda qooduuf taasifamu kamiyyuu karaa seeraan akka cimsee falmu ifoomseera.
WhatsApp fi Istagram kaampaanichi wayita bitatetti garuu qaamoleen to’attootaa Ameerikaatiin hin daangeeffamne.
Ogeessii olaanaa dhimma waldorgommii kaampaanileerratti hubannoo qaban garuu Feesbuukiin tarii otoo addaan hin qoodamiin hafuu mala yaada jedhu qabu.















