Feesbuukiin bara haaraatti midiyaaleef kanfaltii raawwachu eegaluuf

Madda suuraa, Getty Images
Feesbuukiin bara haaraatti midiyaalee UK keessatti argamaniif kanfaltii raawwachu eegaluufu ta'u beeksiise.
Kanaafis appiin mataasaa kan odeessaalee mullisan ni qophaa'a jedhame.
Tajaajilli kunis Ameerikaatti hojiirra oleeras jedhameera. UKtti ammoo bara haaraa baatii tokkoo boodaa irraa kaasee hojiirra olfama.
Feesbuukiin oduuwwan miidiyaaleen maxxansan ‘’kanneen fuula isaarra hin jirre fudhatee fayyadamuuf nan kaffala’’ jedhee dursa kan kennu garuu qabiyyee dhaabbatichi hojjeteef.
Kana jechuunis tajaajiloonni oduu feesbuukuun kanfaltii akka raawwatuuf yoo barbaadan odicha isa qofaaf kan barreessan ta'u. Isaan boodas marsariitiifi gaazeexaa isaanii irratti maxxansu danda'u.
Kun wal dhabdee Feesbuukii fi miidiyaalee oduu maxxansaan gidduutti qabiyyee keenya hate jedhuun waggootaaf tureen booda murtoo dhufedhas jedhame.
Miidiyaaleen UK dhibbaan lakkaa’aman tajaajila amma jalqabuuf jedhu kana walii mallatteessaniiru jedhe Feesbuukiin.
Miidiyaaleen kunneen kan akka Hiisti (Kosmopolitan, Ellee, Isquweer]; Gaardiyaan Miidiyaa Giruuppi, JPI Miidiyaa fi Midlaandi Niwus Asooseshin jedhaman kan hammatu yoo tahu, waliigaltichas ni mallatteessu jedhamee eegama.
Oduun kun kan argamu aappii moobaayilaa irratti malee marsariitii irratti miti.
Feesbuukiin erga tajaajilichi Ameerikaatti jalqabe kaasee maamiltoonni haaraan %95 tahu kan duraan isaan dubbisanii hinbeekne gara oduu tajaajiloota kanneenii dhufanii isaanii himeera.
Kanaafu miidiyaalee oduu maxxansan hordoftoota isaanii Feesbuukii irratti guddifachuuf gargaara jedhame.
Waliigalteen Feesbuukii fi miidiyaalee maxxansaa giduu jiru uummataaf ifa hin godhamne. Kanaaf miidiyaalee rakkoo keessa jiraniif hammam gaarii akka tahe hin baramne.
Haa tahu malee miidiyaalee maxxansaa kanaan dura gara tajaajila kanaatti fiduuf yaalamee hin milkofne ture.
Kanaaf haala to’annoo tajaajila oduu isaa ittiin bulchu jijjiire.
Yaada xiinxala Amol Raajaan Gulaalaa Miidiyaatiin
Feesbuukiin yeroo hundumaa murtoo gulaallii gaggeessuu akka hin barbaanne ibsaa ture.
Dhugummaa isaa kanneen adda baasan akka ‘Full Fact’ fi kanneen waa’ee miidiyaa sanaa qoratan ammoo dhaabbilee akka ‘Upday’ kennaa ture.
Oduun sun barbaachisaa tahuuf tahuu dhiisuu isaa irratti akka hojjetan gochaa ture.
Kaampaanichi namoota gara fuula isaa dhufan gara miidiyaalee odicha maxxansaniiti qajeelchaa ture.Haa tahu malee kun yeroo jalqabaaf tahuu isaati kan Feesbuukiin miidiyaalee oduicha maxxansaniif kaffaluuf kan murteesse.
Waggoota kudhanii oliif kaampaanotni akka Rupert Murdook UK fi kaanis Feesbuukiin qabiyyee keenyaaf osoo hin kaffaliin fayyadamaa ture jechuun himataa turan.
Akka maxxantuu ykn silmiiti jechuun komachaa turan.
Murtoon ammaa kun ammoo yaada kana kan deebise fakkaata. Haa tahu malee dhiyeenyuma kana Maarki Zuukenbergi qabiyyee miidiyaaleef hin kaffallu jedhee ture.
Tarkaanfii haaraan kun ammo bulchiinsa miidiyaa Biriteniif mallattoo garii yoo tahu Feesbuukiin gaazexessummaa irratti investi gochuun haala mijataa bulchiinsa miidiyaalee irratti hojjeta jedhan.













