Ilmaan namaa yeroo jalqabaaf qoricha 'Artificial Intelligence'n kalaqame fayyadamuufi

Qoricha qorannaa yaalii irra jiru

Madda suuraa, Getty Images

Moolakiyuuliin qorichaaa hubannaa nam-tolcheetiin kalaqame yeroo jalqabaaf ilmaan namaa irratti yaalamuufi.

Dawaan kuni dhaabbata Biriitiish Eksaanshiyaa jedhamuufi dhaabbata dhiyeessii qorichaa Jaappaan Samitoomoo Daayaanippoon Faarmaa jedhamuun kalaqame.

Qorichi kuni dhukkubsattoota dhibee sammuu(obsessive-compulsive disorder (OCD)) qaban kan waan tokko irra deddeebisanii yaadanii fi itti dhagahamu wal'aanuuf fayyada.

Kana dura qoricha tokko hojjetanii sadarkaa yaaliirraa geessisuuf hanga waggaa shanii kan fudhatu yoo tahu kan hubannaa nam-tolchee(AI) garuu baatii 12 qofa fudhate.

Hogganaan olaanaa Eksaanshiyaa Piroofeesar Andruu Hoopkiins, ''imala argannoo dawaa keessatti kuni sadarkaa murteessaa,'' jedhan.

''Kana dura hubannaan nam-tolchee(artificial Intelligence) dhukkubsattoota dhibeen isaanii adda baasuufi isaan qorachuuf itti fayyadamneerra, kun garuu kallttiidhumaan dawaa haaraa dha hojjennee,'' jechuun BBCtti himaniru.

Moolakiyuuliin DSP-1181- jedhame herrega algoorizimii fayyadamuun kalaqame.

''Moolakiyuulii isa sirrii argachuuf murtoo al biiliyoona jijjiirame kan gaafate yoo tahu, dawaa kana caasessuunis murtoo guddaa dha,'' jedhan Piroof Hoopkiins.

Waanti gaariin algoorizimii waan haaraa tilmaamuu hin dandeenye fiduu ni danda'a, kanaaf dhukkuba gosa biraa irrattillee hojjechuu mala '' jedhu.

Dawaan inni jalqabaa Jaapaanitti qoramaata darbee akka addunyaatti yaalii taasisuu itti fufeera.

Dhaabbatichi qoricha wal'aansa kaansarii fi dhukkuba onneef ooluu danda'u irratti hojjechaa jiraachuufi moolakiyuulii biraa dhuma waggaa kanaatti yaalii ykn qoramaata fayyaaf akka dhiyeessu beeksiseera.

''Bara kana dawaa mala hubannoo nam-tolcheen hojjetame isa jalqabaa qopheessine, waggaa kudhan booda garuu qorichi hundi hubannaa nam-tolchee fayyadamuun tolfamu jennee yaadna,'' jedhan.

Pool Woorkmaan hogganaa Institiyuutii Qorannaa Kaansarii yoo tahan, qorannaa kana irrattis hirmataniiru, ''Hubannaan nam-tolchee argannoo dawaa guddisuuf humna gudda qaba,'' jedhu.

''Waanin amma argaa jiru fakkeenya dawaa haaraa yaalii fayyaa keessatti mu'ate dha, seenaa kana arguu kootti baayyeen gammadas,'' jedhaniiru.