Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanaa Mi'eessoo: Ibiddi gaara Asabootiitti guyyootaan dura qabate yaaddoo uume
Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi'eessoo gaara Asaboot irratti ibiddi ka'e to'annoo jiraattota naannoon ol ta'ee, darbee mana amantii gaara sanarra jiruuf yaaddoo ta'aa akka jiru Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenyaa ibse.
Hoogganaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Aanaa Mi'eessoo Obbo Abdallaa Ushee balaan abiddaa guyyoota sadi dura eegale kun yaaddoo nutti ta'eera jedhan.
''Hawaasa naannoo waliin ta'uun dhaamsuuf baayyee ifaajaa turre. Yoo dhaamsineerra jennee deemnu deebi'ee ka'a. Lafti bubbee guddaa qaba. Aduunis waan jiruuf ni hammeessa.''
Abidda kana kaleessa haga tokko dhaamsanii akka turan kan himan Obbo Abdallaan, ''har'ammoo deebi'ee ka'ee humnaa ol nutti ta'ee jira. Bakki inni qabatee jirus gaara guddicha Asabooti guutummaasaa walga'uuf jira,'' jedhan.
Fiixee gaara kanaa irra manni amantii ortodoksii (gadaamiin) jiraachuu kan himan Obbo Abdallaan, balaan abiddaa kun iddoo kanaafis yaaddoo guddaa ta'eera jedhan.
''Waa'een iddoo amantii ortodoksii (gadaamii) yaaddoo uumeera. Abiddi isaanitti marsee jira. Yoo mootummaan Oromiyaa fi federaalaa heelikooptaraan nuuf birmate malee humna keenyaa ol ta'eera ,'' jechuun yaaddoo qaban ibsan Obbo Abdallaan.
Obbo Abdallaan yeroo ammaa abiddi kun bifa haaraa ka'ee jennaan akka garas deemanii jiran kan himan yoo ta'u, dhaamsuuf mitii achi dhaabbachuunuu rakkisaadha jedhan.
Godina Harargee Lixaatti Lubni Olaanaan Tajaajila hafuuraa amantii Ortodoksii Bizuu Abuna Inxoos abidda guyyaa sadi dura ka'e kana dhaamsuuf yaalamus garuu hanga yoonaa hin dhaamne jedhan.
''Baayyee ifaajaa jirra. Jaarmiyaa keenyattis beeksifneerra, Naannoo Oromiyaas hubachiisneerra. Mana amantii keenya keessaas dargaggoota 400-500 ta'an ramaduun, bootteedhaanis bishaan fiduun dhaamsuuf ifaajaa jirra.''
Abiddi kun guyyaa sadi dura ka'uu kan dubbatan qondaalli amantii kun, Godinni Harargee Lixaa isaan cinaa dhaabbachuun abiddichi dhaamsuuf hojjechaa jiraachuu himan.
''Bishaan fe'amaa jira, dargaggoonnis nu deggeraa jiru. Bakki kun bakka amantii, bakka kabajamaati. Waggaatti yeroo lama sirni kadhannaa asitti gaggeeffama. Kanaafuu gadaamii kana qaamolee hedduutu gargaaru. Hanga Finfinneetii dhufanii gargaaru. Ammas deggersuma kanaan jirra.''
Ibiddi waggaa waggaan waqtii kana ka'uun waan barameedha kan jedhan Obbo Abdallaan, balaa amantiirratti xiyyeeffateedha kan jedhu oduu sobaa fi bu'uura hin qabneedha jedhan.
Ibidda kana dhaamsuuf hawaasi naannoo osoo wal hin qoodin hirmaateera jedhan.
''Ibiddichi garasii fi garanaan karaa naannolee Somaalee fi Affaariin kan garana dhufeedha. Hawaasni naannochaa osoo amantiin walhin qoodin dhaamsuuf tumsaa jira. Ibiddichi gara gadaamiitti siqaa waan jiruuf hawaasi irratti xiyyeeffatee irraa eegaa jira.''