Paarkii Gaarreen Arsii: Balaan ibiddaa gandoota baay'ee waliin gahe to'atamuu paarkichi beeksise

Balaan ibiddaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Arsii keessatti torban tokkoof ture jedhame guyyaa kaleessaa, Roobii waaree booda, to'annoo jala ooluu paarkichi beeksise.

Paarkii waggaa kudhan dura hundaa'eefi bineensonni marartoo [endemic] kanneen akka jeedala diimtuu argaman kana keessatti balaan ibiddaa yoo dhaqqabu yeroo jalqabaaf miti.

Itti gaafatamaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Arsii kan ta'an Obbo Mohaammad Tiifoo BBC'tti akka himanitti guyyoota jaha darban balaan abiddaa hammaatee turen gandoonni hedduu miidhamuullee ibsan.

''Naannoo gaara Cilaaloo argamutti bosona baay'inaan gube. Haa ta'u malee, aanolee torban kanarratti guyyaa har'aa [Roobii] dhaabbatee jira'' jechuun roobni roobuu himan. Ta'us, deebi'e eegaluu akka malu shakkii qaban ibsaniiru.

Bakki balaan ibiddaa amma dhaqqabe bilookii afur paarkichi qabu keessaa tokkottidha. Balaan ibiddaa dhaqqabe bilookii Cilaaloo Gaalamaa jedhamu kanatti akka ta'eefi kunis aanaalee sagal akka daangessu himan.

Akka qondaalli jedhanitti bakki balaa dhaqqabe garuu aanaalee 7 daangessa.

Balaa tibbanaan walqabatee kanneen Aanaa Xiyyootti 15 to'ataman dabalatee namoonni 25 shakkiin to'annoo jala oolu paarkichi beeksiseera.

Miidhaan dhaqqabe hangami?

Yeroo balaan ibiddaa akkanaa dhaqqabu bineensonni kanneen akka Gadamsaa, Borofaa, akkasumas Jeedala Diimtuu ibidda jalaa baqatanii bahuu waan danda'anif akka hin miidhamne ogeessonni amanu.

Ta'us, ibiddi akkanaa qabeenya uumamaa bakka sana jiru irratti miidhaa guddaa geessisa.

''Aanaa Xiyyoorra ganda afuri, Heexosarraa ganda sadii, Loode Heexosaarra ganda lama, Diksiis irraa ganda sadii, Roobeerraa ganda tokko, Xixhoorraa ganda torbarratti, Digaluufi Xiichoorratti ganda sagalitti balaan ibiddaa qaqqabe'' jedhan Obbo Mohaammad.

Balaan walfakkaatu waggaa lama dura kan dhaqqabe yoo ta'u ibidda ka'e to'achuuf yeroo dheeraa fudhatee ture.

Muuxannoo kana dura tureenis, sababoonni ijoo balaan akkanaa akka dhaqqabu taasisan hawaasni naannoo 'lafa dheedinsaa babal'ifachuuf jecha' bosonatti ibidda qabsiisuuniifi bineensa ofirraa ari'uf yaali taasisuuni.

Kanarrattimmoo, 'bonni dheerachuufi bubbeen' akka hammeessu himu Obbo Mohaammad. Ta'us, gandoota hammanaatti haala 'walfakkaataan ibiddi ka'u isaaf sababa beekame hin jiru' jedhan.

Ammatti akka qondaalichi jedhanitti miidhaan bineensota bosonaa paarkichaarratti gahe hin beekamu.

''Lafti gubate hedduu waan ta'ef bineensonni miidhaman jiraachuu malu,'' kan jedhan qondaalichi xxiyyeeffannoon guddaa ibiddicha to'achuuf taasifamaa ture jedhan.

'Garuu sololi'aa, gogorrii ibidda keessa yoo deemnu duddu'ani agarreerra' jechuun BBC'tti himan.

Balaa tibbanaan 'hirmaannaan ummataa kan duriirraa xiqqaachuu' kan ibsan qondaalli kuni ta'us hawaasi kunuunsa akka cimsu mariin akka taasifamu ibsan.