Moozaambik: Hidhattoonni daa'imman adamsanii qalaa jiru jedhe jaarmiyaan dhimma daa'immanii

Dhaabbati dhimma daa'immanii irratti hojjetu, 'Save the Children' gareen IS waliin hidhata qabaachuu himan Moozaambik, naannawa Cabo Delgado jedhamu keessatti ijoollee umriinsaanii hanga waggaa 11 ta'e adamsanii qaluun ajjeesaa jiru.

Harmeen tokko wayita ilmishee umrii waggaa 12 garee kanaan qalamu achuma dhiheenya sana bakka daa'immanshee kaan waliin dhokatte keessa teessee ilaalaa akka turte jaarmiyaa kanatti himte.

''Gaafa sana galgala gandi keenya haleelamee, manneen gubatanii turan. Wayita haleellaan jalqabu ijoollee kiyya afur waliinan mana keessa ture. Miliquuf yaallus garuu daa'ima kiyya hangafaa qabatanii utuu nuti ilaalluu qalan. Nu ajjeesu waan ta'eef homaa gochuu hin dandeenye,'' jette.

Haati kan biraan ammoo ilmishee jalaa ajjeefamuu fi isheen ammoo daa'immanshee biroo sadi qabattee baqachuu himti.

"Daa'ima kiyya kan umrii waggaa 11 erga ajjeesanii booda naannoon sun waan nu sodaachiseef baqanneerra. Gara gandaa biraa bakka mana abbaa kiyyaatti dheessine. Guyyaa muraasa booda haleellaan asittis eegale.''

Dhaabbata Save the Children jedhamutti daarektara damee biyya Moozaambik kan ta'an Chance Briggs, gabaasi waa'ee haleellaa daa'imman Moozaambik baayyee kan nama rifaasisuudha jedhan.

Erga lootee seentonni bara 2017 gocha akkanaa raawwachuu eegalanii namoonni 2,500 ta'an haala kanaan du'aniiru, namoonni 700,000 ta'an ammoo qe'ee gadi dhiisanii baqataniiru.

Hidhattoonni kunneen garee IS waliin michummaa qabaachuu ibsaa turaniiru.

Hidhattoonni kunneen eenyu?, maal barbaadu?

Hidhattoonni kunneen naannawa Cabo Delgabo jedhamuutti garee al-Shabaab jedhamanii beekamu.

Dargaggoota hoji-dhabeeyyii hedduutti fayyadamuun ergamasaanii raawwatu.

Gareen al-Shabaab jedhamu kan waggoota dheeraaf Somaaliyaa keessatti beekamu al-Qaa'idaa waliin hidhata qabaachuu hima, kan Moozaambik kun garuu hidhati isaa IS waliin ta'uu hima.

IS garee kana Giddu galeessa Afriikaa ittiin to'achuuf akka itti fayyadamaa jiruutti ibsa. Bara darbe wayita hidhattoonni kunneen meeshaalee waraanaa qabatanii jiran suuraa agarsiisu baay'inaan mul'isaa ture.

Gareen hidhattootaa kun mufannaa diinagdeerraa kan ka'e hundeeffamuu xiinxaltoonni tokko tokko ni ibsu.

Dargaggoonni hedduun misooma albuudaa fi boba'aa naannoo jiru irraa fayyadamaa hin jirru jechuun komachaa turan.

Bara darbe dursaan garee kanaa, ''magaalattii kan to'anneef mootummaan yeros ture haqa qabeessa akka hin taane ibsuuf. Hiyyeeyyii gadi qabee, qondaaltota qofa duroomsuu kan barbaaduudha,'' jedhee wayita dubbatu viidiyoodhaan waraabamee ture.

Namni kun jechasaa keessatti haqa maleessummaa mootummaa irra deddeebiin dubbate, immoo humni waraanaa biyyattii haala suukanneessaan dhala namaa hacuucas jedheera.

Qondaalli Save the Children, Briggs, fedhii fi maalummaa garee kanaa salphaatti hubachuun rakkisaadha jedhan.

"Dargaggootatti fayyadamuun fedhiisaanii galmaan ga'uu barbaadu, yoo dargaggoonni didan ni ajjeesu, yoo garii ni qalu. Dhumni waan kanaa maal akka ta'u arguun nama yaaddessa.''

Moozaambik keessaa kutaan biyyaa Cabo Delgabo jedhamtu akkaan hiyyeettii fi kan hoji dhabdoonni akkasumas namni hin baranne itti heddummaataniidha.

Albuudi dhagaa fi boba'aan bara 2019-10 naannawa kanatti argamee oomishi isaa wayita eegalamu carraa hojii uuumuun jiruu namoota naannoo fooyyessa jedhamee abdatamus, abdiin sun garuu abjuu ta'ee hafe.

Faayidaan misooma kanarraa argamu harka qondaaltota muraasaa paartii biyya bulchuu kan Frelimo jedhamuutti hafe.

Paartiin kun bara Moozaambik waanjoo kolonii jalaa walabummaashee injifatte 1975 irraa eegalee aangoo harkaa qaba.

Mootummaan biyyattii maal jedhe?

Lammiileesaa hacuucuudhaan kan komatamu mootummaan Moozaambik gaaffii hidhattoota kanaa waraanaan deebisuuf yaada qaba.

Garuu humni waraanaa mootummaa biyyattii hidhannoo ga'aa fi leenjii quubsaa waan hin qabneef lootee seentota kunneen qolachuun itti ulfaateera.

Imbaasiin US magaalaa Maappuutoo jiru akka ibsetti, lolotoonni Ameerikaa loltoota Moozaambik ji'oota lamaaf akka leenjisanii fi 'meeshaalee fayyaa fi quunnamtii' kennuufis waadaa seeneera.

Gamtaan Awurooppaa gamasaan loltoota Moozaambik akka leenjisu bara darbe waadaa seenee ture.

Biyyoonni kunneen Mozaambikiif deebii kennuu kan eegalan erga biyyattiin Raashiyaa fi Afriikaa Kibbaa gargaarsa humna waraanaa gaafachuu dhagahaniiti.

Loltoonni Raashiyaa garuu lootee seentota kanaan waan injifatamaniif Cabo Delgabo gadi dhiisanii ba'u gabaafameera.