Lola Tigraay: UN loltoota lammiilee Tigraay ajjeesan irratti qorannoo hatattamaan eegaluu qaba - HRW

Jaarmiyaan mirga dhala namaaf falmu, Hiyuuman Raayits Waach (HRW) haleellaa naannoo Tigraay qorachuun gabaasa baaseen, loltoonni Eertiraa ji'a Sadaasaa darbe keessa, Tigraay magaalaa Aksuum keessatti ijoollee hanga umrii wagga 13 dabalatee lammiilee nagaa heddumminaan ajjeesaniiru jedhe.

Yakka waraanaa fi haleellaa suukanneessaa dhala namaarratti raawwate ilaalchisuun UN qorannoo hatattamaa eegalee, qaamni itti gaafatamu adda ba'uu qaba jedhe jaarmiyaan kun.

Sadaasa 19 loltoonni Itoophiyaa fi Eertiraa magaalaa Aksuum keessatti osoo adda hin baasin uummata kan ajjeesanii fi madeessan ta'uu eere jaarmiyaan mirga namoomaa kun.

Akka gabaasa kanaatti humnoonni kunneen magaalicha erga to'atanii booda torban tokko keessatti lammiilee nagaa rasaasaan reebaa, saamaa fi qabeenya barbadeessaa turan.

Qabeenya barbadaa'an keessaa iddoowwan eegumsa fayyaa isaan ijoodha.

Hanga ammaatti mootummaa Itoophiyaas ta'e kan Ertiraa gabaasa Humaan Raayitis Waach (HRW) ilaalchisee ifatti deebiin kennan hin jiru.

Gama Ertiraatiin garuu ministirri beeksisaa biyyattii Obbo Yamaanee Gabramasqal fuula tiwiitara isaaniirratti gabaasa HRW kana bifa addaan dogogora kan qabudha jechuun, gabaasa Aministii Internaashinaal irra deebiye jechuun gatii dhabsiisaniiru.

Dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman lachuuyyu tokko akka ta'an eeruun, waggoota kurnan darbanirraa kaasanii Ertiraa keessatti "jijjiirama sirnaa" gaggeessuuf yaalaa turan jechuun himatan.

Gabaasichi akka jedhutti erga hidhattoonni Tigraay fi jiraattonni Aksuum Sadaasa 28 loltoota Eertiraa haleelanii booda, warri Eertiraa haaloo ba'uuf jecha haala suukanneessaan namoota hedduu rasaasaan fixan.

Loltoonni Eertiraa lammiilee Aksuumitti dhukaasanii heddumminaan kan ajjeesan sa'atii 24 keessatti yoo ta'u, irra caalaan namoota ajjeefamanii dargaggoota.

''Loltoonni Eertiraa gara jabinaa fi haala suukanneessaadhaan lammiilee nagaa Aksuum jiraatan ajjeesan,'' jedhan Daarektarri Jaarmiyaa Hiyuuman Raayits Waach kan Gaanfa Afriikaa Lateshiyaa Badeer.

''Aanga'oonni Itoophiyaa fi Eertiraa kana booda taatee kana haaluudhaan of dhoksuu hin danda'an, haqaaf karaa saaquu qabu. Kanneen lubbuun baraaraman xiinsammuunsaanii miidhameera. Qondaaltonni kunneen diddaatti cichuun miidhaa xiinsammuu lammiilee hammeessuu hin qaban,'' jedhan.

Haleellaan Aksuum waraana loltoonni federaalaa Itoophiyaa, hidhattoonni naannoo Amaaraa fi waraanni Eertiraa qindoomuun hidhattoota TPLF waliin michooma qaban irratti banan boodadha kan raawwate.

HRW Muddee bara 2020 hanga Guraandhala bara 2021tti namoota haleellaa kana ijaan arganii fi haleellichaan miidhaman, akkasumas firoota namoota miidhamanii 28 bilbilaan dubbisee viidiyoo haleellaa sana mul'isuu fi haala haleellaa booda ture irratti gabaasa qaaccesseera.

Haala ture kanneen ijaan argan irraa - Gabaasa HRW

Kanneen haleellaa sana jalaa lubbuun baraaraman mallattoolee hedduu eeruun loltoonni Eertiraa Tigraay weeraruu dhugaa bahu.

Gabateen konkolaataa waraanaa magaalaa keessa deddeebisuu kan biyya Eertiraa akka ta'e; yuunifoormii waraana Eertiraa akka uffatanii fi loqodni isaanii kan Eertiraa ta'uu akkasumas kophee pilaastikaa 'koongoo' kan loltoonni Eertiraa bara qabsoo bilisummaa irraa kaasanii ittiin beekaman heddumminaan akka argan ibsu.

Sadaasa 19 akkuma hidhattoonni Tigraay Aksuum gadi dhiisanii ba'aniin loltoonni Itoophiyaa fi Eertiraa itti seenanii uummata nagaa ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuu itti fufan, hospitaalli Senti Merii magaalattii keessattti argamu yeros barbadaa'e jedha HRW ragaa warra ijaan arganii wabeeffachuun gabaasa baaseen.

Jiraattonni ijaan argan akka jedhanitti loltoonni kunneen magaalaa Aksuun to'atanii yeroo turtii torbee tokkoo keessatti magaalatti saamaa turan.

Loltoonni Itoophiyaas akka keessatti hirmaataa turanii fi kaan ammoo wayita warri Eertiraa saaman dhaabatanii ilaalaa akka turan himu.

''Baay'ee suukanneessaadha'' jedhe jiraataan tokko.''Loltoonni Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaafi biyya Itoophiyaaf dhaabbatu jedheen yaadee ture. Garuu wayita loltoonni Eertiraa saamichaa fi ajjeechaa raawwatan callisanii ilaalan'' jedhe namni kun.

Miidhaan loltoonni qaqqabsiisan kun magaalaa keessatti aarii guddaa waan kaaseef, Sadaasa 28 hidhattoonni Tigraay fi jiraattonni magaalaa walta'uun loltoota Eertiraa haleelan.

Guyyaa sana guutuu fi halkan guutuu sa'atii 24'f loltoonni Eertiraa ammoo ajjeechaa jumlaa lammiilee nagaarratti raawwatan jedha gabaasi HRW.

Loltoonni Eertiraa namoota kaan manarra deemanii adamsuun kaan ammoo daandiirratti ajjeesaa turan jedhu kanneen ijaan argan.

''Gareen hidhattootaa nama tokko ajjeesanii, dubartii ulfaa fi ijoollee lama ammoo daandii aspaaltii irratti reeffa booda jilbeenfachiisan,'' jedhe jiraataan taatee sana ijaan arge tokko.

Loltoonni Eertiraa kunneen namoota reenfa fuudhanii awwaaluuf jedhan Sadaasa 28 fi 29 dhukaasa banuun nama hedduu miidhuus dubbatan jiraattonni.

Namni firri isaa tokko ijoolleen jalaa ajjeefamnaan gaafachuu dhaqe tokko haala ture akkanaan ibse.

''Ijoolleeshee ajjeesanii balbala mooraa itti cufan. Namuu keessa seenee birmachuufii hin danda'u. Reenfa ijoolleeshee lamaa waliin hafte. Guyaa tokkoo fi walakkaaf reenfa ijoolleeshee waliin jiraatte. Wayitan dhaqee argu yaadaan dararamtee jirti, namummaatti deebisuu hin dandeessu'' jedhe.

Sa'atii 24 keessatti reeffa namoota 200-Gabaasa HRW

Hiyuuman Raayits Waach lakkoofsa namoota heleellaa qindaa'aa loltoota Itoophiyaa fi Eertiraan magaalaa Aksuum keessatti raawwateen baay'ina namoota ajjeefamanii isa sirrii argachuuf rakkateera jedha gabaasi kun.

Haata'u malee ragaa jaarsolii biyyaa waraqaa eenyummaa namoota ajjeefamanii walitti guuran irraa argateen Sadaasa 28 fi 29 qofa namoonni 200 ajjeefamuu mirkaneeffateera.

Dabalataan maqaa namoota 166 kan adda baafate ta'uu kan ibse jaarmiyaan kun, kanneen keessaa 21 kan namoonni ajjeechaa sana ijaan argan himaniin kan walfakkaatu ta'uus eereera.

'Seerri yeroo waraanaa cabeera'

Seerri eegumsa dhala namaa yeroo waraanaa, kan lola naannoo Tigraay irrattis hojjetu, haleellaa osoo hin fooyin lammiilee hundarratti raawwatamu cimsee dhorka.

Akkaataa seera kanaatti namni booji'amellee mirga qaba, qabeenyi saamamuu fi barbadaa'uun cimsee dhorkama.

Wayita kana qaamni seera qajeeltoo waraanaa ta'e kana sarbee argame yakka waraanaatiin himatamuu danda'a.

Hiyuuman Raayits Waach bu'aa qorannoosaa Guraandhala 18 mootummoota Itoophiyaa fi Eertiraaf dhiyeessus deebii akka hin arganne ibse.

Guraandhala 26 mootummaan Itoophiyaa haleellaa Aksuum ilaalchisuun qorannoo akka eegalu ibsee, ogeeyyii mirga dhala namaa idil-addunyaa waliinis akka qindoominaan hojjetu waadaa seeneera.

Nannoo Tigraay keessatti haleellaa qaqqabsiisuu keessatti qooda kan fudhatan gareewwan hedduutu jiru kan jedhu jaarmiyaan kun, qaamoleen kunneen hunduu qoratamanii itti gaafatamummaan akka jiraatuuf UN qorannoo hatattamaa eegaluu qaba jedheera.

UN qama bilisaa ramaduun haleellaa suukanneessaa dhala namaarratti raawwatamee fi yakka waraanaa lammiilee nagaarratti raawwatame qorachiisuu qaba jechuun akeekkachiise dhaabbati kun.

Haqni namoota harka loltoota Itoophiyaa fi Eertiraatti baddalamanii, gocha kana balaaleffachuu qofaan hin argamu jedhan Lateshiyaa Baader.

''Xiyyeeffannaa fi gochi miseensota UN, namoota yakka suukanneessaa kana raawwatan gaafatamtoota gochuuf murteessaadha. Haga ammaatti gabaasa ajjeechaa suukanneessaa kanaa callisaan ilaalleerra. Kun qaanii guddaadha'' jedhan.