Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: 'Loltoonni Ertiraafi Amhaaraa naannoo Tigraay keessaa akka bahan barbaadna'
''Ejjennoon keenya loltoonni Ertiraa Tigraay keessa jiran akka bahanidha,'' jedhan Ittigaafatamaan waajira Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo GabraMasqal Kaasaa.
Hoogganaan kun turtii BBC wajjin taasisaniin jiraachuu loltoota Ertiraa mirkaneessuun, ''lafa weeraranii jiranis'' gadhiisanii akka bahaan kan barbaadan ta'uu himan.
Humnoonni Naannoo Amhaaraa naannicha keessa jiranis gadhiisanii bahuu akka qaban hubachiisan hoogganaan waajirichaa kun.
Gama mootummoota Federaalaa Itoophiyaafi Ertiraan, waraanni biyyattii naannoo Tigraay keessa jiraachuu irra deddeebiin haalaa turan.
Dhiyeenya kanas gabaasa Aminastii Intarnaashinaal baaseefi ajjeechaa jumlaa magaalaa Aksumitti loltoota Ertiraatiin raawwateera jedherratti, mootummaan Itoophiyaa 'mudaa kan qabu' jechuun kan qeeqe oggaa tahu, Ertiraan ammoo gamasheetiin 'gabaasa dharaa'' kana akka hin fudhanne himteetti.
Haleellaa saalaa Tigraayirratti maal jedhan?
Obbo Gabra Masqal waan jedhan: "Biiroon fayyaa Tigraay naannichatti miidhaa saalaa dubartootarratti raawwatame walitti qabuuf yaalaa jira. Gariin gara hospitaalaa dhufaniiru, garuu dubartoonni hedduun gara hospitaalotatti hin dhufne jiraachuu malu,'' jedhan.
Kanaafis xumura gochuuf hojjechaa akka jiran himan qondaalli kun.
Duulli mootummaan 'seera kabachiisuuf' jechuun naannichatti gaggeessaa jirus, badii guddaa qaqqabsiisuu dubbatan.
''Yakkootni namoomaa garagaraa raawwatamaniiru. Nutis akka bulchiisa yerootti, mootummaa Federaalaa fi Mana Maree Federeeshinii xumura akka itti laataniif gaafanneerra,'' jedhan.
'Humna addaa Amhaaraan dhorkamne'
Aabba GabraMasqal himannaa weerara lafaafi yakkoota humna addaa naannoo Amhaaraafi milishoota naannichaatin raawwataman jedhaman irrattis gaafannee deebii itti aanu BBCf kennan.
"Dhimma kanarratti ejennoon bulchiinsa yeroo [Tigraay] ifadha. Bulchiinsi yeroo lafa TPLF bulchaa turerraa lafti seentimeetirii tokkoyyuu fudhatameera taanaan, hin bulchinu. Tigraayin kan bulchinu akkuma heera mootummaa irratti taa'eeni,'' jedhan.
Humnoonni 'lafa seeraan alaan weeraranii jiran' seera biyyattii cabsaa jirus jedhan.
Qondaalli kun gareesaanii wajjin tahuun ofiisaaniitii wayita lixa Tigraay daawwaachuuf jedhanitti, Humna Addaa fi milishiitaan dhorkamuusaanii himu.
''Kana mootummaa federaalaatti gabaasneerra. Irra deddeebiinis naannicha dhiisanii akka bahan gaafanneerra.
Dhiisanii akka bahan calla miti kan gaafachaa jirru. Yakkootni garagaraa raawwataniiru waan taheef, gochaasaanii akka dhaaban dhiibbaa gochaa jirra.''
Godinni lixaa Tigraay marti naannoo Amhaaraa jala jira kan jedhan Abba GabraMasqal, gama kibbaatiin ammo magaalootni akka Allaamaaxaafi Koram bulchiinsa Tigraay jala akka hinjirre himu.
''Iddoowwan Humna Addaa Amhaaraa jala jiranitti, namootni ukkaamsamaa, ajjeefamaa fi humnaan qe'eerraa buqqifamaa jiru.
Mana isaanii gubuun, qabeenyasaanii saamuun hari'aa jiru.
Kanaaf lafa keeti haa deebi'u qofa jechaa hinjirru, kanneen kana raawwataman seeratti akka dhiyaatan barbaanna,'' jedhan.
Waa'ee loltoota Ertiraa, Tigraay keessaa
Dhaabbileen mirgoota namaaf falman kanneen akka Aminastii Intarnaashinaaliifi mootummoonni biyyoota lixaa, waraanni Ertiraa naannoo Tigraay keessatti jiraachuu kaasuun, hatattamaan akkas bahanis irra deddeebiin gaafatu.
Dhimma kanarratti kan gaafanne Ittigaafatamaan waajira Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo GabraMasqal Kaasaa, dhimmi kun waanta uummanni Tigraay ''ijasaaniitiin arganidha'' jedhan.
''Ejjennoon bulchiinsa yeroo, waraanni Ertiraa naannoo Tigraay keessaa bahuu qabaadha. Murtee kana mormii tokko malee dabarsine.
''Humnoonni kun Tigraay keessa jiru. Lafa Tigraay qabataniiru, yakkootas raawwataniiru,'' jedhan.