Lola Tigraay: Namni ani luba Aksum irraati jedhee sobaan dhiyaate jiraa?

Gabaasa Aminastii Intarnaashinaal ajjeechaa jumlaa Aksumitti waraana Itoophiyaa fi Ertiraan raawwate jedhee baase hordofuun, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa waa'ee nama luba jedhamee soba facaasaa turan.

Jiraataan Ameerikaa tokko akka luba ajjeechaa kana arge tahetti of fakkeessuun hime jechuun sobaan walharkaa fuudhaa turan.

Mootummaan Itoophiyaas ibsa baaseen ''maddi gabaasa [Aminastii] keessatti dhahame, akka inni jedhutti luba miti. Nama burjaajessaa jiraataa magaalaa Bostan tahedha,'' jedheera.

Miidiyaan mootummaa Ejensiin Oduu Itoophiyaas (EPA), oduu hojjeteen nama kana ''nama biraa fakkaate, gowwomsaadha'' jedheeraani.

Oduun biraa miidiyaa kun hojjete ammoo dursaa Waldaa Ortodoksii Itoophiyaa Niiw Yoork kan tahan Abbaa Pheexiros dubbisuun kan hojjetame yoo tahu, namni viidiyoorratti mul'atu hordofa Bataskaanaa miti jedhaniiru.

Oduun kun Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan tahan Fitsum Araggaatin Twitter irratti qoodameera.

Aminastii Intarnaashinaal akka BBCtti himetti, viidiyoo jedhamu keessaa harka hin qabu.

Garuu maaltu uumame? Namni sobaan ani luba jedhee dhiyaate jiraa?

Dokumantarii Aksum

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa tokko tokko guyyuma gabaasni Aminastii bahetti, kilippii gulaalame gabaabaa kan dokumantarii YouYube irratti maxxanfame tokkoo qoodaa turan.

Kanneen qoodan keessaa kaan namni kun jiraataa Bostan kan tahe nama Mikaa'el Bariheejedhamuufi ofiin luba jechuun sobe jedhanii qoodan.

Kanneen viidiyicha hojjetan namni kun taatoodha jedhan.

Akka isaan jedhanitti viidiyichi ''kanneen miidhamaniif sagalee akka tahuuf'' hojjechuu dubbatu. Kana malees 'diraamaa' taatotaan hojjetame tahuu ifa gochuus himan.

Viidiyoon dheerina qabu wayita eegalu akeekkachiisa: ''Seenaan isaanii akka hubatamuuf jecha taatotaan irra deebiin hojjetameera,'' jedha.

Kana jechuunis fuulaafi sagaleen (audio) namootaa achirratti argaman namoota isaan sirrii miti jechuudha.

Poostaroonni viidiyicha beeksisanis akeekkachiisa kana qabu.

Haatahu malee, beeksisaaf jecha viidiyoon gabaabinaan guyyaa lamaan dura gadhiifame, akeekkachiisa kana hinqabu ture.

Suuraaleen muraasni erga mul'atanii booda, viidiyichi kallattumaan nama luba tahee hojjetutti ceha.

"Maqaan kiyya Luba Walda Maariyaam jedhama. Sadaasa 2020 keessa, waldaa keenya Qulqulittii Tsiyoon Maariyaam Aksuum keessa kadhannaarra turre,'' jedha namni kun.

Boodarras ''Isaanin dhaabuu hin dandeenye, hunda keenyatti dhukaasan,'' jedha sagaleen sun.

Viidiyoo kana duuba kan jiru eenyu?

Viidiyichi chaanalii YouTube Tigrai Media House jedhamurartti gadhiifame. Miidiyaan kun qabiyyeewwan Tigraay irratti xiyyeeffatan intarneetarra baasa. Dhaabbata bu'aaf hi hundoofne jechuun ofibsa.

Haatahu malee viidiyichi qindoomina Merihaawi Wells-Bogue fi garee Stand With Tigray jedhamuun midhaaffame. Hundeessitootni sochii kanaa Liwaam Giday fi Raahiwaa Giday jedhamu.

Marhaawii fi Liwaam daarektaroota viidiyichaa jedhamuun maqaansaanii taa'eera.

Namni maqaansaa kaheefi akka lubaa tahuun kan hojjete Mikaa'el Barihees maqaansaa viidiyicharra taaheera.

Marhaawiin yeroo hedduu intarneetarraa hin dhabamu. Sagantaawwan torbaniin dhiyaatuufi waa'ee Tigraay irratti xiyyeeffatu irratti keessummaa gochuun Mikaa'eliin yeroo hedduu dhiyeesseera.

Marhaawiin akka Facebook gubbaatti dhoobetti, dokumantarichi kan qophaa'e dhalattoota Tigraay magaalaa Bostan jiraataniini.

''Jarana Mikaa'el luba miti, kana haa jala sararru. Lakkii, inni qeesii miti, taatoo tahe hojjete malee,'' jedhe.

"Hollywood waanta akkasii yeroo hunda hojjeta. Hooliiwuud yeroo mara waa'ee Yesuus Kiristoos akka hojjetu quba hinqabdanii? Yesuus tahanii hojjetu, garuu isaan isa miti - taatummaadha.''

Akka Liwaam jettutti ammoo viidiyichi kan qophaa'ef kanneen miidhamanii, miidhama isaanii dubbachuu hin dandeenyeef sagalee tahuufi.

Garuu deebii gama mootummaa fi qeeqxotaarraa kaheen daran ajaa'ibsifachuu himti.

Namoonni deebii mootummaa barreessan, viidiyoo beeksisaaf gadhiifame qofa ilaalan jedheen aman jetti.

''Oggaa beeksisa gadhiifne, guyyaa Jimaataa (Guraandhala 26) akka guutummaan gadhiifamu hima. Akkan yaadutti, kan nu jibban dabalatee namoonni hedduun, kun vidiyoosaa isa guutuudha jechuun fudhatan,'' jetti.

"Achiis viidiyicharraa suuraa Mikaa'el kaasuun (screenshot), ya arganne jedhan. Bostan jiraata, bakka kana hojjeta, qeesii miti jedhan. Yaadotni ajaa'ibaas kennamaa turan. Lubbuun jirafaa kan jedhan, rukutameera….''

Rahiwaan ammoo, miidiyaa hawaasummaarratti komentii hedduu argachuufi akka arrabsaman dubbatti.

Aminastii wajjin maaltu walitti fida?

Akka Marihaawiin jedhutti viidiyoon isaanii guyyaa gabaasni Aminastiin bahetti maxxanfamuu ''tasa waan tahedha'' jedha.

"Yeroo gaariirra oole. Gabaasni ajjeechaa jumlaa Aksum akka bahuyyuu wanti beeknu hin turre, akkuma carraa walirra bu'e. Nutis gadhiisuuf waliigalle,'' jedha.

Dubbi himaan Aminastii Intarnaashinaal viidiyoo fi gabaasicha waanti walitti fidu hinjiru jechuun BBC'tti hime.

''Aminastii Intarnaashinaal taatoo qeesii tahuun hojjeteefi warreen viidiyicha midhaassan keessaa tasumaa hn qunnamne. Viidiyichas haala kamiinuu itti hin fayyadamne,'' jedhan Conor Fortune.

"Viidiyoon kun bahuusaayyuu kan argine namootni waanta hin mirkanoofne dubbatan, waan kana erga jedhanii boodadha. Wanti nu ajaa'ibe ammoo Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa waanta hin mirkanoofne kana fudhatee irra deebiyuu isaati.''

Raahiwaa Giday akka yaaddutti, namootni seenaan isaanii viidiyicha gubbaa dhiyaate kaan tarii Aminastiitti waan argan himaniiru taha. Kun garuu qorannoon isaanii gadi fageenya qabaachuu qofa agarsiisa jetti.

"Viidiyoowwan seenaa walfakkaataa himan akkasii argeera. Kunis qorannoo gaggeessuu keenya muldhisa. Wanta Tigraay keessatti adeemaa jiru hunda ni hordofna,'' jette.

"Akka nama achi turetti raga bahuu hin dandeenyu, Ameerikaa jiraanna. Tahus qorannoo gaggeessina. Namoota keenya achi jiran wajjin waltaanee hojjenna.''

Liwaam Gidady waan jettu, viidiyoo isaan hojjetan kuffisuuf yaaliin godhame isaan duubatti hin deebisne, inumaawuu isaan cimse..

"Amma saffisa keenya kanaan itti fufuu qabna,''jette Liwaam.