Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigiraay: Nagaa eegsistotni Itoophiyaa biyyatti deebi'uu didan 'lubbuu isaaniif sodaataniiti'
Wiixata darbe gareen nagaa kabachiistota Itoophiyaa Sudaan Kibbaatti ergama irra turan gara Itoophiyaatti balali'uu didan. Loltootni dhalattota Tigiraay tahan 15 yoo biyyatti galle ni hidhamna yookaan miidhaan nurra gaha jechuun biyyatti deebi'uu akka didan himan.
Dubbii himaan UN akka jedhetti ''nagaa kabachiistotni Itoophiyaa dhalootni isaanii Tigiraay tahe buufata xiyyaaraa idila adunyaa Juubaatti loltoota Itoophiyaatiin hidhamanii miidhaan qaamaa irra gaheera.''
Kibxata darbe Mejer Jeneraal Mahaammad Tasammaa, hogganaan dhimma Indooktirineeshinii fi qunnamtii Raayyaa ittisa Biyyaa Itoophiyaa, dhimma miidhaa qaamaa isaan irra gahe yookaan hidhamuu isaanii irratti hin dubbanne.
Garuu loltoota 15 himatan. ''Buufata xiyyaaraa Juubaatti lafarra gangalachuun jeequmsa kaasuuf iyyaa turan,'' jedhan.
Amma loltootni kunneen eegumsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaa Dhimma Baqattootaa 'UNHCR' fi mootummaa Sudaan Kibbaa jala jiru.
Lolli naannoo Tigiraay humnootni TPLF buufata waraanaa ajaja Kaabaa federaalaa haleeluun jalqabe. Haleellichi mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii waraanaa akka fudhatu taasise.
Mootummaan federaalaa sababa weerara koroonaavaayirasiin filannoo waan dabarseef wal dhabdeen mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay hammaataa deemee ture.
Loltoonni kun maal himatu?
Koloneelli maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko BBCtti akka himetti, erga ji'a Sadaasa darbe keessa naannoo Tigiraayitti lolli jalqabee loltootni dhalootaan Tigiraay irraa tahan qoollifamaniiru.
Koloneelli kun kooluugaltummaa gaafachaa jiraachuu hime. Sababni isaa ammoo lola naannoo Tigiraay keessatti gaggeeffame akka mormu himuun, loltootni Eertiraa achi keessaa bahuu qabu jedhe. Hanqinni dhiyeessii nyaataa naannicha keessaa akka isa yaaddesse hime.
''Lola Tigraay keessaa hordofee sadarkaa tikaatti sanyummaa keenyaan adda baafamne. Jaallan keenya hidhamanis beekna.
Mootummaan waan nuyi keessaa qooda hin qabneen nu himachuu itti fufe. Loltooni nageenya kabachiisuu irra turanii gara biyyaatti deebi'anis mana hidhaa garaagaraatti hidhamanii jiru. Kanatu sodaan keenya akka dabalu godhe,'' jedhe Koloneelichi.
Koloneelli kun akkasuma eegumsa kan gochaafii jiru UNHRC ''odeeffannoo sobaa tamsaase'' jechuunis himata.
Akka Koloneelichi jedhetti loltootni Itoophiyaa dhalootaan Tigiraay irraa tahan 200 ol tahan ji'oota 18 darbaniif nagaa kabachiisuuf Sudaan Kibbaa turan.
Dubbii himaan UN Istiifen Dujaarik akka jedhanitti, loltootni Itoophiyaa irraa ergaman 169 tahan Sudaan Kibbaa Juubaa irraa bakka biraatti kanneen naanneffamuuf ykn jijiramuuf turanidha.
Loltoota, poolisootaa fi namoota nagaa ergamicha keessaa 17,000 Sudaan Kibbaa jiran keessaa 2,100 kan tahan Itoophiyaa irraati.UN gaaffi kooluugaltummaa loltoota 15 simachuun isaan keessaa afur kan tahan ''haleellaa miidhaa qaamaa'' buufata xiyyaaraatti nurraan gahe jedhaniif yaalamuuf hospitaala galuu koloneelli kun himeera.
Koloneelichi akka himatutti: ''hidhannoo nu hiikkachiisan, uggura yeroo sochii galgala keesssaa sa'aatii 4:00 tahu labsuun, miiltoowwan keenya saba Oromoo fi Amaaraa irraa tahaniin eegamaa turre.''Loltuun biraa eegumsa UN jala jiru BBCtti akka himetti, erga lolli naannoo Tigiraayitti banamee sochiin isaanii hordoffii jala ture.
''Sababa sanyummaa keenya irraa kan ka'e akka diinaatti ilaalamnee sochiin keenya daangeffamuun ji'ootaaf hordoffii jala turre jechuu nan danda'a.
Loltoota miiltoo keenya tahan irraa adda baafamuun akka wal hin argine godhame. Miidiyaa mootummaa irraa kan hafe kan biraa akka hin ilaalle dhorkamne. Guutummaatti bilisummaa keenya dhabne,'' jechuun komate.
Ibsa miidiyaaf kennaniin dubbii himaan UN Istiifan Dujaarik, loltootni Itoophiyaa nageenya kabachiisuuf Sudaan Kibbaa turan dhalootaan Tigiraay tahan amma eegumsa UNHCR jala jiru jedhaniiru.
''Namni eegumsa barbaade kamiyyuu kooluugaltummaa gaafachuuf mirga waan qabuuf salphisanii ilaaluun gaariidha.
Eegumsa idila addunyaa barbaaduun isaanii yeroo mirkanaa'u namni kamiyyuu gara biyya dhaloota isaatti deebi'uu hin danda'u. Kunis yoo bilisummaa fi lubbuu isaaniif sodaachisaa tahedha. Kanaaf haalicha itti dhiyeenyaan hordofaa jirra.''Warri koolugaltummaa argatan amma bakka nagaa qabeessa tahe jirus jedhameera.