Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taanzaaniyaatti daa'imman jaha 'kutaalee qaamaaf' jecha ajjeefaman
Kibba-lixa Taanzaaniyaatti daa'imman jaha ajjeefamanii gurraa fi ilkaansaanii irraa fudhataniiru, jedhan angawoonni naannichaa.
Kutaalee qaamaa daa'imman gannisaanii lamaa fi sagal gidduutti argaman kanneen keessaa kaan harkaa fi miila hinqaban.
''Kun amantaa bu'uura hinqabne (superstitious) yemmuu tahu, namoonni hedduun falfala/tolcha irraa gargaarsa akka argatan amanuun kana godhu,'' jedhan Komishinarri Njombe District, Ruut Msaafiirii.
Poolisiin shakkamaa tokko, kan daa'imman sadii ajjeefamaniif maatiidha jedhaman, to'annoo jala kan oolchaniiru.
Magaalaa Injoombee jedhamtu kanatti, ji'a Muddeerraa eegalee daa'imman kudhan eessa buuteen isaanii kan dhabamee ture yogguu tahu, arfansaanii lubbuun argamaniiru.
Falfaltoonni naannichatti argaman, kutaaleen qaama namaa waantota badhaadhinaa fi milkii fidan qabu jechuun namootatti himu.
''Maatiin daa'immanii si'aawinaan akka socho'aniifi ijoollee isaaniis si'aawoo akka tahan akka barsiisan dhaamuun barbaada,'' jechuun komishinarri kun dabaluun BBCtti himaniiru.
Maatiin daa'imman kanneenii halkan keessa gabaa keessa nyaata gurguraa wayita turanitti, manasaanii keessaa butaman.