Kiristaanota Paakistaan: 'Butamee, hidhameen waggaa 12tti akkan heerumu taasifame'

    • Barreessaa, Mike Thomson
    • Gahee, BBC News

Faaraah ijoollee ganna 12 yoo taatu mana warrashee Paakistaan irraa bona darbe butamte. Intalli kuni hidhamtee fuudhamteetu amantiishee gara Islaamaatti geeddaruun nama ishee butettti akka heerumtu taasifamte.

Kuni carraa ijoollee amantii Kiristiyaanaa, Hinduufi Siik qaban dhibbaan lakkaa’amanii taheera.

Gaafa Waxabajjii 25 Faaraah magaalaa Paakistaan baay’ina ummataan sadarkaa sadaffaarra jirtu Faayaasaalbaad mana warrashee turte.

Yeroo balballi manasaanii rukutamu akaakayyuu, obbolootashee dhiiraa sadii fi obbolaanshee dubraa lama jiru ture. Akaakaanshee balbala banuuf gaafa deemu yaadatti. Achiin dhiiroti sadii Faaraah fudhatanii konkolaataa keessa galchan.

Maatiinshee yoo ishee baraaruuf yaalan ‘ni gaabbitu’ isaaniin jechuu abbaan Faaraa Asiif yeroo kuni uumame bakka hojii ture dubbata.

Asiif buufata poolisii dhiyeenya jiru dhaqeet yakka kana gabaase-maqaa nama butee isa tokkoo kan akaakayyuun Faaraah yaadates poolisitti hime. Haa tahu malee, poolisooti dhimma kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine.

‘’Poolisooti tumsa hin kennine, yakka raawwatames galmeessuu didan-inumaayyuu achi na dhiibanii, ana arrabsaas turani,’’ jedhe.

Irra deddeebiin himannaan erga dhiyaateen booda baatii sadaffaatti yakka raawwate galmeessanillee tarkaanfii tokkoyyuu hin fudhanne.

Yeroo kanatti mucaan ganna 12 Faaraah naannoo sanarraa km110 fuudhamtee magaalaa Haafiizaabaaditti gudeedamuu, achiin cancalaan hidhamuu fi akka garbaatti lakkaa’amuu dubbatti.

‘’Yeroo baayyee hidhameen taa’a, mana na kaa’e sana akkan qulqulleessuufi loon isaanii akka bobbaasu na ajajaa turan,’’ jetti.

‘’Cancala miila kootti hidhanii turan isa futtaafachuu waan hin dandeenyeef, yaa Waaq na gargaari jechaan ture,’’ jetti.

Paakistaan keessa Kiristiyaanota miiliyoona lama tahan turan, kuni lakkoofsa uummatichaa keessaa harka tokko qofaa dha.

Akka gabaasa dhaabota mirgoota namoomaatti waggaa waggaan ijoolleen dubaraa amantii Kiristaanaa, Hinduu fi Siik qaban 1000 ni butamu.

Baayyeen amantii isaanii gara Islaamaatti akka geeddaran taasifamu sababiinsaa Paakistaan keessatti seera Shari’aatiin ijoolleen ganna 16 gadi jiran Musliima yoo tahan nama Musliimaatti heerumsiisuun ni danda’ama.

Faaraah irra waanti qaqqabes adda miti nama ishee butetti dha heerumte.

Gumiin Waldaa Kiristiyaanaa Biyyaalessaa Paakistaan lakkoofsi ijoollee dubaraa butamanii dabalaati jira jedha.

‘’Ijoollee dubaraa dhibba meeqaan lakkaa’amantu fudhatamaa jira. Yakki kuni immoo namoota baayyeen raawwatama, qondaaloti homaa tarkaanfii hin fudhatan,’’ jedhu.

Abbaan Faaraah waldaa Kiristiyaanaa naannoo jiru dhaqeetu gargaarsa gaafate, waldichis deeggarsa seeraa maatii kanaaf taasise.

Jalqaba baatii Muddee irratti dhiibbaa baayyee booda namni bute qabamuun Faaraah bilisa bahuu dandeesse, poolisiinis dhumarratti tarkaanfii fudhachuu danda’e.

‘’Poolisoonni afur mana nama butee dhaqanii fidan, anis akkan dhiyaadhu uummatatti himan,’’ jedhe Faaraah.

Gaafa Mudde 5 dhimmi mucaa kanaa mana murtii Faayisaalaabaaditti dhiyaate Faaraah immoo gara dahoo dubartootaa fi daa’immanii ergamte. Qorannoon dabalataas adeemsifamaa ture.

Haa tahu malee, ammallee oduun gaddisiisaa jira.

Yeroo maatiin dhaddacharraa murtoo dhumaa eegaa jirutti poolisiin qorannoo akka dhaabe abbaa Faaraah’tti hime. Sababiin dhiyaate immoo Faaraah heerumaafi amantii jijjiirrachuuf waliigaltee turte kan jedhu ture.

Faaraah dhaddachatti yeroo dhiyaattu sirrii dha jette. Haa tahu malee ogeessonni seeraa daa’imni kuni akka akkas jettu dirqisiifamtee tahuu mala jechuun shakkan. Abbaan ishees dubbii kana tahuu dhumarratti mirkaneesse.

‘’Kana kanin dubbadhe namichi na bute yoon dhugaasaa dubbadhe akka na ajjeesu natti hime, abbaakees nan ajjeesa naan jedhe. Maatii koo hundumaa…ijaan sodaadheef waaninni jedheen waliigale,’’ jette Faaraah.

Torbee sadii booda gaafa Guraandhala 16 butamtee ji’a saddeet booda abbootiin murtii gaa’elli ishee sirnaan kan galmeeffame gatii hin taaneef faayidaa seera qabeessa miti jedhan.

Dhimma seeraaf galata haa tahuuti amma bilisa tahuun maatisheetti makamtee jirti.

Yeroo ijoolleen dubaraa akkanatti butaman dhimmi dhaddacha isaanii yeroo gabaabaa keessattii hin xumuramu. Lammata akka butamanillee ni doorsifamu, maatii isaanii akka ajjeesan itti dhaadatu...akkasuma gadadoon itti fufa.

Shamarree ganna 14 irra kan qaqqabes kanuma ture, Maariyaa Shabaaz jedhamti butamtee, nama ishee butetti akka heerumtu erga dirqisiifamteen booda jalaa miliqxe. Ergasii isheefi maatiinshee doorsisni du’aa ijaa itti ergamuuf dhokatanii jiraachuu jalqabani.

Maariyaa gargaaruuf jecha dhaabbanni tola oolaa UK keessa jiru iyyannoo deeggarsaa 12,500 walitti qabeera.

Miseensonni paarlaamaa UK 30 ol tahanis iyyannoo kanaaaf mallattoo isaanii kennaniiru, abuunooti, kaanillee irratti hirmaataniiru. Gaaffiin iyyannoo kanaas UK keessatti koolugaltummaa akka argattu kan gaafatu dha.

Ministirri Mummee Paakistaan Imraan Kahaan dhimma namoota dirqamaan gara Musliimaa geeddaruu irratti qorannoon akka taasifamu ajajaniiru.

Bakka bu’aan ministira mummichaa Taahiir Mehaamuud Ashraafii ‘’gaa’ela dirqii, amantii dirqamaan jijjiirsisuun waan fudhatama qabu miti,’’ jedhan.

Haa tahu malee waan Asiif fa’i keessa darban karaan dheeraa akka tahe agarsiisa. Abbaanis namoota buttaadhaan himataman kunneen argachuuf tattaafii akka itti fufu dubbata.

Faaraah amma manatti deebi’uu isheetti baayyee gammaddi, dararaa irra gahe irraas bayyannachaa jirti. Shamarreen amma ganna 13 taate dubartoota biraa irra waan kuni akka hin geenyeef tarkaanfiin ni fudhatama jettee abdatti.

‘’Waaqni ijoollee Paakistaan ni eega jedheen abdadha, ni tiksaan jedheen yaada.’’