Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaa'ila yeroo weerara Covid: ''Maatiinkoo umrii waggaa 14'tti akkan heerumuuf na dirqamsiisan'
- Barreessaa, Eva Ontiveros
- Gahee, BBC World Service
"Maatiin koo gaa'illi kun akka na hin dabarre dhiibbaa narraan ga'aa turan. Maatiin gurbaa na gaafatee dureeyyii waan ta'aniif,'' jetti shamarreen umrii waggaa 14 Ababaan.
Ji'oota muraasa dura tibba weerarri koronaavaayirasii hammaate, akka heerumtee qabeenya abbaa manaatiin jiruu maatii fooyyessituuf, maatiirraa dhiibbaan itti cimaa akka ture dubbatti.
Ababaan barattee doktara ta'uu barbaaddi, garuu bakka amma jiratu Gondar Kibbaa keessatti waa'een barnootashee waan yaadamu miti.
Naayijeeriyaattis dhiibbaan walfakkaatu shamarree umrii waggaa 16 Raabii jedhamtu mudateera.
Raabiin mana barumsaa Gusaawuu jedhamutti barnootashee sadarkaa lammaffaa hordofaa jirti, hiriyoonni afur garuu tibba weerarri Covid hammaate heeruman.
Kanarraa kan ka'e maatiinshee isheenis akka heerumtu barbaadu.
''Yoo rabbi jedhe ollaa kiyyaa shamarran lama torbee kana keessa ni heerumu. Dabareen kun anas ga'uu danda'a, waanan beeku hin qabu'' jette Raabiin.
Gaa'illi shamarranii umriinsaanii osoo hin ga'in raawwatamu kun kan duraaniirraa adda.
Gabaasi Unicef akka mul'isutti waggoota kurnan itti aanan keessatti shamarran miiliyoona kudhan ta'an umriinsaanii osoo hin ga'in ni heerumu, kunis dhiibbaa weerara Covid-19 irraa kan ka'eedha.
''Kun kan agarsiisu addunyaan kun shamarraniif iddoo qormaataa fi ulfaataa ta'aa jiraachuudha,'' jedhan Unicef'tti gorsaan dhimma ittisa aadaa miidhaa geessisanii Nankali Maksud.
Dhimma maatii
"Maatiin shamarran mana barumsaatti erguu qabu malee akka heerumaniif haala mijeessuu hin qaban,'' jette Ababaan.
Shamarreen Itoophiyaa kun dhimma heerumasheerratti abbaashee waan mo'atteef gaa'ila kana keessaa ba'uu barbaaddi.
"Harmeen koo fi obboloonni koo dhiiraa akkan heerumuuf dhiibbaa narratti uumu. Erga gorfamanii booda dhumarratti ni dhiisan. Aanga'oonni naannoos dhiibbaa irratti uumuun sammuusaanii jijjiiran.''
Raabiidhaaf (of ibsuu waan hin barbaanneef maqaanshee jijjiirameera) garuu yaaddoon sun akkasumatti jira.
Kaaba Naayijeeriyaa, iddoo quubsuma saba Fulaanii-Hawusaa kan taate bakka Dambaa jedhamtu keessa jiraatti.
Addanatti shamarran xiqqoo ol guddatanii nama itti heeruman argannaan boodatti jechuun hin jiru.
Haati Raabii akkas jetteen: ''Shamarran si waliin barataa turan hunduu heerumaniiru. Giti kee hiriyaan kee dhiiraa Shafii'uun akka maatiisaa ergatu nan gaafadha. Itti heerumuu qabda.''
Hiriyoonni Raabii afur sababa rakkoo diinagdee maatiif jecha heerumaniiru.
Hiriyoota Raabii heeruman keessaa haati shamarree tokkoo akkas jedhan: ''Maatiinshee maal eegu? An intala kiyyaaf baasii mana barumsaa kaffaluu hin danda'u. Kanaafuu carraan an qabu heerumsiisuudha. Isa booda maatiin an gargaaruu muraasa ta'a,'' jette
Ragaan Unicef akka mul'isutti erga bara 2011 as lakkoofsi shamarran umrii malee heerumanii harka 15'n hir'atee ture, amma garuu sababa weerara koronaavaayirasiitiin deebi'ee daran dabaleera.
"Rakkoo heeruma umrii malee shamarran addunyaa mudataa jiru hiri'isuuf baayyee hojjenne. Ammallee hagas mara ga'aa ta'uu baatus garuu kallattii sirrii irra jirra,'' jedhan qondaalli Unicef Aadde Nankali Maksuud.
"Garuu weerarri Covid hojii keenyarratti qormaata guddaa ta'eera. Sababa kanaan jireenyi shamarran keenyaa akka addunyaatti yaaddoo keessa galeera.''
Akkuma haalli nama rifachiisu jiru tarkaanfii jajjabeessaanis jiraachuu hima gabaasi Unicef- akka ragaaleen mul'isanitti gaa'illi umrii malee kun yoo gorsaan itti deeman furmaata agarsiiseera.
Gaa'illi umrii malee kun bakka hedduutti hammaatus, bakkeewwan tarkaanfii ittisaa fudhatamanitti garuu fooyya'iinsi argameera.
'Gaaffiin gaa'ilaa yeroo sagal na qaqqabeera'
"Umrii koo waggaa 14 irraa kaasee hanga ammaatti yeroo sagal gaa'ilaaf gaafatameera,'' jetti Maaram.
Shamarreen kun waggoota Siiriyaa irraa baqattee Jordaan galte, amma buufata baqattootaa Zaataarii jedhamu keessa jiraatti.
''Hawaasa keessa dhiibbaa guddaatu jira. Harmeen koo fi abbaan koo garuu na deggaraa turan. Harmeen umriikoo ammallee heerumaaf akka hin geenye cimsitee dubbataa turte.''
Kanaafuu Maaram heeruma dhiistee barnoota itti fufte, kan yeroo mara jaal'attu carraa kubbaa miilaa taphachuus argatte.
''Hiriyoonni kiyya lama kan yeroos heeruman amma ni gaabbu. Jireenya gaa'ila boodaatti baayyee rifatan, mirgi barachuusaanii sarbamuutti baayyee aaran.''
'Barumsa dhiisee yoon heeruma eege naaf kaffalu'
Saavitaa jedhamti, umriinshee 16,17 ta'ee homaa hin beektu, waraqaa ragaashee umriinshee 14 jedha, isheen garuu miti jetti.
Kaaba Indiyaa Utaar Piraadesh keessa obboloota shamarranii afur fi dhiira lama waliin jiraatti.
Saavitaan mana barumsaa deemtee hin beektu, barreessuu fi dubbisuu hin beektu.
Tibba weerara Covid maatiinshee gargaarsa midhaan nyaataa guddoo argata, garuu ishee ofirraa heerumsiisuuf boodatti hin jenne.
Saavitaan obboloottishee hangafaa heerumanii wayita daa'imman godhatan ni argiti, garuu akkasaanii ta'uu hinuma didde.
Aanga'oonni naannoo wayita yaadashee deggeran boqonnaa argatte, carraa sagantaa 'cash transfer' jedhamu keessa galuus argatte.
Yoo hanga umriinshee 18 guututti osoo hin heerumin eegde deggersa maallaqaa akka argattu waadaa galameef.
Weerara booda...
Qondaalli Unicef Nankali Maksuud akka jedhanitti gaa'ila umrii malee tibba weerara Covid dhiibbaadhaan shamarran irratti fe'amaa ture hambisuuf waa sadiitu furmaata.
''Tokkoffaa shamarran karaa nageenyi isaanii eegameen gara mana barumsaatti deebi'uu qabu. Rakkoo diinagdee maatii hiyyeeyyiif itti dhiyeenyaan qorannee furuu qabna. Ulfi yeroo malees gaa'ila yeroo maleef waan nama saaxilaa jiruuf asirrattis of-eeggannoon cimuu qaba.''
'Obboleettii kiyya heeruma yeroo maleerraa oolcheera'
Minaaraan garee miidhaa shamarranii fi dardarran irra ga'u irratti barnoota kennuun hojjetu keessa jirti.
Shamarreen Baangilaadash kan umriinshee ganna 18 kun yeroo ammaa hawaasa ishee keessatti shamarran umriin isaanii osoo hin ga'in akka hin heerumne dhiibbaa uumaa jirti.
Minaraaf yeroon weeraraa qormaata cimaa ture, abbaanshee tibba kana hojiisaa dhabe, maallaqi hin jiru.
Yeroo kana namni ollaa tokko obboleettiishee quxisuu fuuchuuf ergata, obboleettiinshee kun Riitaa jedhamti.
Nama kanatti heerumtee maatiirraa rakkoo hir'isuu barbaaddi turte. Namni ishee fuudhuuf jedhu ammoo namuma ishee dararaa tureedha.
Minaaraan garuu gareeshee waliin ta'uun gaa'ila kana hambisteetti, garuu hagam akka turu hin beektu.
''Weerarri kun kan itti fufu yoo ta'e, maatiin ijoolleesaanii waggaa 18 osoo hin guutin heerumsiisuu itti fufu.''
'Gorsuun gargaaruudha'
Ababaan yeroo ammaa hiriyootashee waliin ta'uun mana barumsaatti deebi'anii, yoo xiqqaate erga eebbifamanii booda waa'ee heerumaa akka yaaddu himti.
Shamarreen umrii waggaa 14 Maqdas injinera ta'uu barbaaddi.
Maatiinshee wayita weerara Covid waa'ee heerumashee qofa mari'achaa akka turan kan dubbattu Maqdas, isheen barachuu akka feetu himtus namni ishee dhagahu akka hin turre himti.
"Hanga manni barumsaa deebi'ee banamuttin eege. Wayita barumsi jalqabu dafeen dhaqee daarektaratti hime. Daarektarris qondaaltota naannootti hime. Hundinuu walta'anii wanti akkasii sirrii akka hin taane maatii koo gorsan.''
Amma maatiinshee hanga waggaa 18 guuttutti akka hin heerumne irratti walii galaniiru.