US keessatti kanneen talaallii fudhatan maaskii malee walga'uu danda'u jedhame

US keessatti Giddu-galli Ittisaa fi To'annoo Dhibee(CDC) lammiileen Ameerikaa guutummaatti talaallicha fudhatan golgaa afaanii fi funyaanii(mask) osoo hin godhatin walga'uu danda'u jedheera.

Akkaataa qajeelfama fayyaa biyyattiitiin namoonni talaallicha guutuutti fudhatan maaskii malee walaga'uu danda'uu qofa osoo hin taane namoota talaallii hin fudhannellee arguu danda'u.

Namoonni talaallicha erga fudhatanii torbee lama ga'an fayyaansaanii vaayirasicharraa eegamaadha waan ta'eef yoo walargan rakkoo hin uumu jedha CDC'n Ameerikaa.

Kanaafuu kan talaallicha fudhatanii xiqqoo turan yoo namoota muraasa ta'an osoo walirraa hin hiiqin, maaskii osoo hin godhatin walga'uu danda'u, darbees ammoo yoo namoota vaayirasicha qabaniin tuttuqqii qabaatan qoratamuu yookiin adda ofbaasuu dhiisuu danda'u.

Hanga ammaatti lammiileen Ameerikaa miiliyoona 30 caalan talaallicha fudhataniiru.

Haata'u malee namoonni talaallii fudhatan ofeeggannoowwan bu'uuraa gochuu qaban qabu: bakka namni heddumminaan itti walga'utti maaskii uffachuu fi fageenya eeggachuu akkasumas akka fedhan imaluurraa of qusachuudha.

US guyyaa guyyaan talaallii guddaa kennuudhaan addunyarraa beekamti, hanga ammaatti miiliyoona 90 argatteetti.

Biyyattiin gosa talaallii Johnson & Johnson jedhamus argachuuf jetti.

Qondaaltonni fayyaa garuu Covid-19 biyyattii keessatti ammallee yaaddoo ta'aa jiraachuu eeru.

"Uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 90 kan caalan ammallee talaallii kana hin fudhanne. Wayita guyyaatti giddu-galeessaan namoonni 60,000 ta'an vaayirasichaan qabamaa jiranitti, kaayyoon keenya warra daran miidhaman gargaaruudha'' jedhan Daarektarri CDC Ameerikaa Dr Rochelle Walensky.

US keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 29 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 525,000 ammoo du'aniiru.