Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Baayidan namoonni 500,000 ol du'uu ilaalchisee alaabaan gad-bu'ee akka mirmifamu ajajan
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan yeroo biyyattiitti sababii covid-19'n namoonni 500,000 du’anitti haasaa uummataaf taasisan.
Lammiileen Ameerikaa miiliyoona 28.1 vaayirasichaan qabamaniiru. Lakkoofsa vaayirasichaan qabamanis ta'e du'aniin biyyoota keessaa kan Ameerikaatti qixxaatu hin jiru.
‘’Akka uummataatti dhumni keenya suukaneessaa akkasii akka tahu hin feenu, gaddaan hadooduu diduu qabna, ‘’ jedhan.
Pireezidantii fi itti-aantuu pireezidaantii, abbaa warraa fi haadha warraa isaanii waliin waayit haawus fuulduratti sirna callisaan yaadannoo taasisuufi dungoo ibsuu raawwataniiru.
Ameerikaatti namoonni miiliyoona 28.1 tahan vaayirasii kanaan qabamaniiru kunis lakkoofsa guddaa addunyaa kanaati.
‘’Har’a Ameerikaanota hunda namoota du’aan dhabne akka yaadattan nan gaafadha,’’ jechuun lammiileen dhukkubicharraa akka of eegan dhaaman.
Baayidan alaabaan dhaabota mootummaa federaalaarratti fannifaman hundi akka gad-bu’anii mirmirfaman ajajan.
Lammiileen Ameerikaa sababa covid-19 du’an kan yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa, Waraana Addunyaa Lammataa fi Waraana Veetinaam caalu jedhan.
Namooti 500,071 ''du’aniiru-dhugumaan ulfaataafi kan onnee namaa cabsu,'' dha jedhan.
‘’Namoonni lammiilee Ameerikaa idilee yeroo isaaniin jedhan dhageenya, garuu dhimmi isaaniin idilee isaan godhu hin jiru, namoonni dhabne nuuf iddoo guddaa qabu. Dhaloota darbaniiru, Ameerikaatti dhalatan ykn Ameerikaatti godaanan,’’ jedhan.
‘’Baayyeen isaanii lubbuun isaanii kan darbes asumatti,’’ jechuun seenaa ofiisaanii haadha isaaniif intalasaanii balaa konkolaataan bara 1972tti dhabuufi ilmisaanii tokko kaansariin du’uu yaadatan.
Haala dhukkuba kanaa to’achuurratti karaan Baayidan hordofan kan Donaald Tiraampirraa adda. Tiraamp vaayirasii balaafamaa tahe kanayyuu shakkaa kan turan yoo tahu, maaskii uffachuus oduu siyaasaa godhanii turan.
Baayidan waajira galuun guyyaa tokkoon dura gaafa Amajji 19, lammiilee Ameerikaa 400,000 du’aniif sagantaa qopheessanii ture.