US dhuma Caamsaatti talaallii hundaaf ga'u ni qabaatti-Baayidan

Pirezidaantiin US Joo Baayidan biyyisaanii hanga dhuma ji'a Caamsaa dhufuutti talaallii ga'eessa hundaaf ga'u ni argatti jedhan.

Karoorri kun galma duraan kaa'amee ture ji'a lama dursee kan raawwatu ta'us Joo Baayidan garuu yeroon kenniinsa talaallii kanaa dheerachuu qaba jedhu.

Akka sababaatti kan kaasanis, uummanni waa'ee talaallichaarratti barnoota ga'aa argatee, itti amanee akka fudhatuuf jedhan.

Weerarri vaayirasichaa ammallee hin obbaane kan jedhan Pirezidaant Baayidan, hunduu of-eeggannoo cimsuu akka itti fufu dhaaman, akaakuun vaayirasichaa inni haaraan yaaddoo guddaa ta'uu eeran.

Akeekkachiisi isaanii kun erga bulchiinsonni US tokko tokko tarkaanfii weerara koronaavaayirasii qolachuuf gorfamu laaffisuu eegalaniiti kan dhagahame.

Kutaaleen biyyaa US hedduun dhiyeenya kana erga talaalliin Covid-19 argamee hojiirra ooluu eegalee as diinagdee weerara kanaan hubame dandamachiisuuf jecha gara hojii guyyuutti deebi'aniiru, tarkaanfii ittisa vaayirasichaas akkaan laaffisan.

US keessatti baay'inni namoota guyyuu vaayirasichaan qabamanii jalqaba bara kanaarraa eegalee gadi bu'eera.

Lakkoofsi guddaan guyyaan galmaa'e kan bara kanaa Amajjii 8 ture, innis 300,000. Ergasii amma giddu galeessaan lakkoofsi namoota guyyuu qabamanii 68,000'tti gadi bu'eera.

US keessatti hanga ammaatti talaalliin doozii miiliyoona 76 kan uummata biyyattii keessaa dhibbeentaa 15.3 ga'u argameera. Karoorri Baayidan guyyoota jalqabaa waajjira itti seenan 100 keessatti talaallii doozii miiliyoona 100 kennuu ture.

Guyyaatti talaalliin doozii miiliyoona 1.74 US keessatti kennamaa oola.

Erga weeararri koronaavaayirasii eegalee US keessatti namoonni miiliyona 28.7 kan qabaman yoo ta'u namoonni 516,000 ammoo du'aniiru.