Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Himannaan gudeeddii akkamiin siyaasa Awustiraaliyaa raasee?
Abbaan Alangaa Waliigalaa Kiritiin Pooter nama ministira kaabinee ta'ee himannaa dirqisiisanii gudeeduun himataman keessaa tokkodha. Garuu himannaa kana hin raawwanne jechuun waakkateera.
"Himannaa dhiyaate wanta raawwataman miti," jechuun Roobii ripoorterootatti dubbatan.
Himannaan diriqisiisanii gudeeduu kun eessaa jalqabe?
Torban lama dura, dubartiin gorsituu siyaasaa turte mana maree/paarlaamaa Awustiraaliyaa keessatti gudeedameera jechuun himannaan dhiyeessite biyyattii naasiseera.
Biritanii Higgins akka jettutti bara 2019tti waajjira ministeera mootummaa keessatti waayila ishee dhiraa tokkon - innis paartii Liberaliif gorsaa kan ta’een- miidhaan saalarratti hundaa'e irraa ga’e.
Seenaan ishee kun dubartoonni biraa hedduu miidhaa fi tuxxuqqaa saalaa namoota siyaasaa Awustiraaliyaan irra ga’e himuun akka ifatti baasan taasiseera.
Himannaa hunda caalaa -himannaan gudeeddii 1988 kun – amma ministira eenyummaan isa ifa hin taane kanarra xiyyeeffannoo taasiseera. Wiixata Ministirri Muummee Iskoot Moorisan ministirichi himannaa gudeeddi kana haaleera jedhaniiru.
Dhimma kana aanga’ootatti akka dabarsan Moorisan himanis, poolisiin bulchiinsa Niiwu Sawuuz Weels garuu ragaa ga’aan hin jiru jechuun Kibxata qorannaa dhaabeera.
Himannaan gudeeddii miseensa paarlamaa paartii mormituu irratti taasifame angaa’otatti dabarfameera.
Akka himannaan dabalaa dhufeen, keessumaa mootummaan Moorisan deebii akka kennuuf uummata irraa dhiibbaan irra ga’aa jira. Hanga ammatti haalichi akka armaan gaditti ifatti adeemaa jira.
Biritanii Higiinsi iffatti dubbatte
Shammarree ganna 24 ‘hojii abjuushee’ ta’e egaltee reefuu torban muurasaa booda Bitootessa 2019 keessa galgala tokko waayili gameessi tokko gara paarlaamaatti akka ishee geese Higiins dubbateetti.
Hedduu machooftee raaftee, wajjira ministirichaa keessatti yeroo dammaqxu namichi tuxxuqqaa saalaa irratti gaggeessaa ture jetti.
Guyyoota itti aananitti namichi hojirraa ari’ame garuu kan ari’ame sababa tuxxuqqaa ittiin himatame kanaaf osoo hin taane halkaniin waajjira seenuu isaatiif ture.
Yeroo kanatti Higiins hoggantuu ishee yeroo sana Ministira Indisturii Ittisaa Lindaa Reeynoolditti akka xuxxuqqaan saalaa irra ga’e himteetti.
Mariin kun kutaa bakka Higiins tuxxuqqaan saalaa narra ga’e jette keessatti gaggeefame.
Aaddee Reeynooldis akka Higiins poolisitti deemte himattuuf akka gargaarsa isheef keennite himteetti. Higiinsi ammoo yoo himatte hojiikoon dhaba jette akka sodaatte himti.
Higiins Paartii Lieiraaliin akka, “callisiifamaan” jirtutti akka itti dhaga’ame himuun, Amajjii keessaa yeroo suuraa Moorisan tokko agartu ifatti dubbachuuf murteessite. Suuraan kun yeroo inni sochii namoota tuxxuqqaa saalaa jalaa oolaan deeggaru leellisu agarsiisa.
“Dubartii mirga namoota tuxxuqaa irraa oolaan gargaartu waliin dhabbatee jira, ta’us sammuukoo keessatti garuu mootummaan isaa na callisiisuu keessaa harka qaba. Kun sobadha. Kun haaludha,” jechuun news.com.au’tti himteetti.
Ministirri Muummee deebii isaaf qeeqame
Erga Higiins ifatti dubbattee guyyaa tokko booda, Moorisan wagga lama dura akkaata itti mootummaan himannaa isheef deebii keenneef dhiifama gaafateera.
Dabalataanis aadaa hoojii paarlaamaa irratti qorannoon akka gaggeeffamuufi hojjatoota siyaasaaf kunuunsi akka taasifamu waadaa seene.
Ta’us garuu erga muudannoo Higiins caalaatti kan hubate haati warraa isaa utuu ijoollee kee durbaa ta’ee maaltu sitti dhaga’ama erga jettee booda ta’uu dubbachuun isaa uummataan akka qeeqamu godheera.
Akkaataa itti Moorisan dhimma kana ilaale caalaatti kan qeeqame dubartootaan ture.
Himannaa isheef xiyyeeffannoo kennuun dura Higiins akka mucaa nama tokkotti ilaaluun isa barbaachisa turee gaffii jedhu kaaseera.
Dabalataanis Moorisaniifi ministiroonni isaa mootummicha keessatti eenyu, waa’ee kana beeka, akkamiin, yoom, maal beekuufi maaliif waan dabalataa hin hojjenne jechuun gaaffii kaasuu isaaniin qeeqamaniiru.
Sana boodaa wa’ee yakka himatame kanaa, yoo xiqqaate ministirota kaabinee sadii dabalatee Mana Maree keessatti namootni hedduu beeku turan.
Ministirri Muummichaa garuu wa’ee himannaa kanaa yeroodhuma iffatti ba’ee uummati bare akka beeke hima.
Ta’us garuu yeroo isa Higiins goorsitoota isaa keessaa tokko wanta uumame sirritti tarii hin yaaddattu shakkii jedhuun irra deeddebiin ishee daawwachaa turuu himtee yeroo haaletti, Hiigins ariitiin deebii kennite.
“Want ministirri muummicha irra daddeebiin kanneen miidhaman himachuun taasisu kun anaafi namoota biroo guddaa kan dhiphisudha,” jechuun ibsiteetti.
Dubartoonni biroo dubbachuu eegalan
Erga Higiins wanta ishee irra ga’e dubbattee as, dubartoonni afur biroo namuma kanaan qoccollaan saalaa irra ga’uu isaa miidiyaatti ba’anii himaniiru.
Dubartiin tokko bara 2020tti nama kanaa waliin erga nyaata nyaatanii dhuganii boodaa akka ishee gudeede himteetti. “Utuu bara 2019tti sirritti wanti inni godhe mootummaan to’atameera ta’ee kun narratti hin uumamu ture,” jechuun The Australian’tti himteetti.
Dubartiin biraa, bara 2016tti namicha kanaan gudeedamuu ishee dubbatteetti.
Dubartiin isheen sadaffaa ammoo bara 2017tti irbaataa gartuun nyaataa turan irratti namichi kun sarbaa ishee tuxxuqaa akka ture himteetti. Kanas deemte poolisiitti kan gabaafte erga Higiins ifatti dubbachuu ishee argatee booda ta’uu ABC’n gabaaseera.
Roobii darbe ammoo dubartiin afraffaa bara 2014tti nama kanaa waliin qunnamtii saalaa akka gaggeessituuf dhibbaan irraa ga’uu isaa news.com.au’tti himteetti.
Sana booda Poolisiin Federaalaa Awustiraaliyaa (AFP), seera eegdonni himannaa kamuu isaanitti dhiyaate akka dhiyeessaniif ibsa kenneeraaf.
Ministirri Kaabinee gudeeddiin himatame
Jimaata darbe, senaateroonni paartii mormituu lama -Paartii Leebor irraa Peenii Woong fi paartii Giriin irraa Saaraa Hanson-Yaang – xalayaa isaanitti ergame AFP’tti dabarsanii kennaniiru.
Xalayaan kun namni amma ministira kaabinee ta’ee hojjachaa jiru bara 1988tti shammarree ganna 16 gudeeduu isaa kan himudha.
Abbaan Alangaa Awustraaliyaa Kirisshaan Poorter ministira kaabinee himannaan kun irratti dhiyaate ta’uu isaa of ibsuun- yakka kana garuu akka hin raawwanne haaleera.
Dubartiin kun Waxabajjii darbe ganna 49tti of ajjeeste.
Jalqaba wagga darbeetti, dubartiin kun Poolisii Niiwu Saawuz Weelsi bira deemuun himannaa dhiyeessitus, qorannoon kun garuu erga isheen duutee adda citeera.
Torban darbe hiriyyaan dubartii kanaa ministira muummeefi abbootii seeraa biraatti qorannoo of danda’aa akka gaggeessan gaafachuun xalayaa itti ergite.
“Ijaa Poolisiin Niiwu Saawuz Weels tarkaanfii yakkaa fudhachuu hin dandeenyeef tarkaanfii paarlaamaa fudhachuu dhiisuun jaamummaadha,” jedha xalayaan kun.
Wiixata garuu Moorisan kun dhimma poolisiiti jechuun tarkaanfii fudhachuu dide.
Kibxatarraa poolisiin qorannoo itti fuufuuf “ragaan ga’aa fayyadamuu danda’u hin jiru” jedhe.
Kanaaf Humni Poolisii NSW himannaan kun akka cuufameera,” jedheera.
Dhibbaan uummataa jira
Himmannaan turban lamaan darban keessatti taasifaman, aadaa loogii korniyaa fi olaantumma dhiira dabalatee aadaa siiyaasaa Awutiraaliyaa irratti gaaffii guddaa kaaseera.
Dubartoota himannaa kana dhiyeessan keessaa tokko, ifatti dubbachuuf kan filatte “aadaa hamaa kana ifatti baasuuf gargaaruuf” ta’uu himti.
Mootummaan tarkaanfii dabalataa akka fudhatuuf gaaffiin jiru dabalaa jira.
Fakkeenyaaf, qeeqxonni yaadaa minisitirri kabinee yakka cimaa Kanaan himatame yeroof hojiirra ka’ee qoratamuu qaba jedhu dhiyeessaniiru- mootummaan garuu yada kana hin fudhanne.
Higiinsi amma poolisitti himannaa kana dhiyeessiteetti.