Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namni yakka gudeeduu 136 raawwate umurii gutuun adabame
Dargaggeessii yakka quunnamtii saalaafi gudeddii dirqii 159 himatane, hiidhaa umurii guutuun adabame. Abbaan alangaas carraan dargaggoon kun itti hiikamu danda'u gadaanaadha jedheera.
Yakkawwan dargaggoon kun ittiin himatame 159 keessaa himannaan 136 gudeeddii dirqiin raawwatamee akka ta'e ibsameera.
Dargaggoon Reeyinaard Siinaagaa biyya Ingliiziitti jiraataa magaalaa Maanchistar yoo ta'u, dhiiroota 48 ta'an qorichaan ofi wallaalchisuun gara nama isaatti geessee miidhaa quunnamtii irratti raawwateera, gocha isaa kanas viidiyootiin waraabeera.
Dargaggeessi ganna 36 kun yoo xinnaate namoota 190 irratti kiyyeefachusaatiif ragaan qaba jedheera poolisiin.
Akka shaabbanni Crown Prosecution Service (CPS) jedhutti Siinaagaan "Seenaa adeemsa seeraa Biriteen keessatti nama guuddiddi raawwatte isa hamaadha."
Murtii umurii guutuu isaa keessa yoo tiqqaate murteen hidhaa waggoota 30'f mana hiidhaa keessa jiraachu akka qabu abbaan murtii ni hima.
Namni kunis hanga murteen itti kennamuutti eenyummaansaa miidiyaaf ifa akka hintaanee jedhamee kan ture ta'ulleen, abbaan alangaa erga murticha dabarsaniin booda ummataaf ifa akka ta'u taasisaniiru.
Barataa digrii sadaffaa kan ture Siinaagaan murtee amma irratti dabarfameen duras, balleessaawwan kan biraa lamaaf hidhaan waggaa 20 itti murtaa'ee kalchallee keessa ture.
Lammiin biyya Indoneshiyaa kunis yeroo tokkichaan himannaawwan afur hordoofaa ture.
Akka abbaan alangaa jedheettis, namtichi kun miidhamtoota 48 irratti, yakka dirqiin gudeeduu 136 raawwachuun, yaalii dirqiin gudeeduu 8, fi yakka xuxuqqaa saalaa 14 raawwateera jechuun kan himannaa irratti dhiyaateef balleessaan waan irratti argameef itti murtaa'eera.
Qorattoonis namoonni miidhaan irra gahe 70 sababii poolisiitti hindhiyaatiniif himannaa banuu hindandeenye malee, namtichi yakkawwan ittiin shakkamu kan biraa akka jiru dubbata.
Haaluma kanaanis namoonni miidhaan nurratti raawwateera jedhan kan biraa poolisiitti akka iyyataniif waamicha taasiseera.
Abbaan alangaa Suuzaan Gadaardi " namoota yeroo gaarii hiriyoota waliin qabachuun barbaadan irratti yakka quunnamtii saalaa haameenyaan guutee raawwachuun dargaggoota heedduu miidheera' jechuun ibsaniiru.
Dargaggoota miidhaa irratti raawwatees wayita isaan kilabii bahan halkan eeguun erga summeesseenii booda gara mana isaatti geessuun haala isaan of wallaalanii jiranitti miidhaa irratti raawwata jechuun ture galmeen poolisii kan galmeesse.
Manoonni miidhaan irratti raawwatame hedduunis erga of baraniin booda maal akka raawwate akka hinyaadannee dubbatu.
Namni kun ani yakka kamiyyuu hinraawwannee, kanan raawwadhees fedhii namootaatiin jechuun mormeera. Kan inni vidiyoo waraabees eeyyamaani jechuun mormeera. Manni murtii garuu mormiisaa kuffisuun addabii iti murteesseera.
Yunivarsitii Liidsiitti barataa digrii doktarummaa kan ta'e Siinaagaan yeroo jalqabaatiif to'annoo poolisii jala kan oolfamee, Waxabajjii 2017 ture.
Namoonni himannaa irratti bananiis kanneen osoo inni miidhaa irratti raawwatuu of baraniidha.
Gochi kunis himannaa galmee biyya Ingiliziin yakka dirqiisiisanii gudeeduu sukkanneessaa raawwatamee jedhamuun ibsame.
Jecha namni ,miidhaa irra gahe tokko mana murtiitti kenneen ''Siinaagaan jireenyaakoo keessaa qaamaa tokko balleesseera,'' yoo jedhu miidhamaan kan biraa ammoo ''akka mana hidhaatii osoo hinbaaneefi achumatti akka tortoruun barbaada,'' jedheera.
Yunivarsitiin inni itti barataa tures namoonni biraa haala kanaan miidhaaf saaxilaman yoo jiraatan akka deeggarsa argataniif sarara bilbilaa iccitii qopheessu himeera.