Taanzaaniyaatti kampaanii fincaan dubartoota ulfaa "qorichaaf" biturratti qorannoo gaggeeffamaa jira

Abbaan Taayitaa Bulchiinsaafi To'annoo Qorichaa Taanzaaniyaa, kampaanii qoricha omishuudhaaf jechuun finacaan dubartoota ulfaa bitachaa jiru irratti qorannoo jalqabuu ibseera.

Gaazexaan biyyattii 'Ze Sitiizin' jedhamu akka gabaasetti, aanga'oonni biyyattii qorannoo kana gaggeessuu kan jalqaban gabaasni kampaanichi fincaan dubartoota ulfaa walitti qabeera jedhu isaan qaqqabuu hodofeeti.

Kampaaniin kun maqaa Polaay (TZD) jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, Abbaa Taayitaa Bulchiinsaafi To'annoo Qorichaa biyyattiitiin akka hin galmaa'iin ibsuun dhaabbatichi beekamtii hin qabu jedheera.

Kampaanichi fincaan kan walitti qabachaa jirus icciitiidhaan akka ta'e qorannoon taasifamaa jiru saaxiluu Ze Sitiizin baaseera.

Akka gabaasni qorannichaa agarsiisutti hojjetaan kampaanichaa tokko akka dubartoota ulfa irraa fincaan bitan amaneera.

Fincaan dubartoota ulfarraa bitamu kunis qoricha dubartoota rakkoo dhala dhabuu (maseenuu) qaban hojjechuuf akka galteetti fayyadamuuf akka ta'e hojjetaan dhaabbatichaa ibsuu isaanii gabaasni qorannichaa hubachiiseera.

Haata'u malee, fincaan maseenummaa hambisa kan jedhu qorannoon saayinsiin mirkanaa'e akka hin jirre eerameera.

Ta'us, namoonni baayyeen fincaan akka gogaan namaa diimatuuf, rakkoo maseenummaa hambisuuf, akkasumas dhimmota biroof akka itti fayydaman ragaaleen agarsiisan jiru.

Akka aanga'oonni beeksisanitti, qorannoo erga xumuranii booda kampaanicha irratti tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna jechuusaanii gabaafameera.