Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyatti bineensota bosonaa shan sodaa baduurra jiran
Itoophiyaan qabeenya akaakuu bineensota gara garaa qabaachuun biyyoota tarree duraarra jiran keessaa addunyaarratti sadarkaa afuraffaarratti akka argamtu ogeessi kunuunsa bineensota bosonaa Obbo Cammaree Zawudeen ni dubbatu.
Biyyattiin akaakuu bineensota gara garaa akka qabaattu kan taasise teessuma lafaashee, biyyoota ishee daangessanii, akkasumas biyya baddaafi gammoojjii gidduutti argamtu waan taateef jechuun qorannoo eeruun ibsu Obbo Cammareen.
Kanaan dura saattawwaa Itoophiyaa keessatti arguun salphaa kan ture ta'ullee, amma garuu qormaata ta'eera.
Jeedalli diddiimoon Paarkiiwwan Biyyaalessaa Gaarreen Baalee, gaara Abuune Yoseef Walloo jiru keessaafi naannoo Manzi Gassaatti kan argaman ta'anillee, yeroo ammaa kana lakkoofsi isaanii xiqqachaa dhufee bineeldota baduu malu jedhamee yaadda'amaa jiran keessatti argamu.
Itoophiyaan qabeenya bineeldotaa addunyaarratti maqaa ishee dhoofsisuu danda'an kan qabdu ta'ullee, haalli bineeldonni itti jira garuu yeroodhaa gara yerootti lakkoofsi isaanii hir'achaa akka dhufe ogeessonni BBCn dubbise ni ibsu.
Ogeessaafi gorsaa eedgumsaafi misooma bineensota bosonaa kan ta'e Dr. Mokonnon, Itoophiyaatti bakkeewwan bineensonni bosonaa jiraatan sirriitti eegamuu dhabuufi jeeqamuusaarraa kan ka'een walhoruu waan hin dandeenyeef hir'aataa dhufanii yaaddoo baduurra kan gahan jiraachuu dubbata.
Itoophiyaatti bineensonni bosonaa shanan baduuf jedhamee sodaatama jiru isaan kam?
Qorkee Siwaayin (Qorkee Itoophiyaa)
Bineensi kun Itoophiyaa keessatti qofa kan argamudha. Kanaan dura bakkeewwan eegumsi taasifaman shan keessatti kan argamu ture kan jedhan Obbo Cammareen, Paarkii Biyyaalessaa Awwaash, Da'oo Bineensota Yaa'aballoo, Paarkii Biyyaalessaa Nacci Saarii keessa kan turan guutummaan guutuutti baduusaanii himu.
Qorkee Siwaayin (Qorkee Itoophiyaa) yeroo ammaa lakkoofsa gaariidha jedhamuun kan argamu bakka Sinqillee jedhamu Shaashamannetti diyoo jiru keessadha. Paarkii Biyyaleessaa Maagoo kan naannoo Kibbaa keessatti argamu keessattis akka argamu Obbo Cammareen ibsaniiru.
Harree-diidoo guddicha (Gireev Zebira)
Itoophiyaa keessa akaakuuwwan harree sadii jiraachuun kan himan Obbo Cammareen, gosa sadan keessaa harree-diidoo guddichisa tokkodha jedhu.
Gosti harree kanaa baayyinni isaa baayyee hir'achaa dhufuu ogeessi kun ni dubbatu.
Addunyaarratti gosti harree kanaa Itoophiyaafi Keeniyaa keessatti qofa akka argamu dubbachuun, Itoophiyaa keessaa lakkoofsi harree-diidoo guddichaa kun xiqqachaa dhufee muraasa qofatu jira jedhu.
Bineensonni kunneen eegumsi addaa isaaniif hin taasifamu taanaan, 'qabnaarraa gara qabna tureetti' kan jijjiiramu yeroon isaa fagoo miti jechuun yaaddoo qaban himu.
Gadamsa Gurraacha
Addunyaarra sanyii gadamsaa lama (adiifi gurraacha) akka jiran kan dubbatan Dr. mokonnon, gaanfa isaaf jecha qofa haleellaan guddaan akka irra gahu ibsu.
Itoophiyaa keessa gadamsi gurraachi turellee yeroo ammaa kana garuu "sadarkaa jira hin jedhamnerra geenyeerra," jedhu.
Obbo Cammareen waa'ee gadamsaa yeroo dubbatan, "Maqaadhuma isaatu hafe malee bineensi kun hin jiru," jedhan.
Waggoota 30 fi 40 darban keessa gadamsa dhabneerra kan jedhan Obbo Cammareen, qorannoowwan hedduu taafiamaniin bakka tokkottillee argachuu hin dandeenye jedhan.
Yaaduma Obbo Cammaree kana kan deeggaran Dr, Mokonnonis, gadamsi Itoophiyaa keessatti yeroo dhumaatiif argame kan jedhame A L I bara 1985 sulula Oomoo keessatti jedhu.
Naannoo sana ammallee jira oduun jedhu jiraatus, odeeffannoon qabatamaa akka hin jirre ibsuun, kanaaf Itooophiyaa keessaa badeera jennee tilmaamna jedhu.
Jeedala Diimtuu
Jeedalli diimtuu bineensa foon soorattu Itoophiyaa keessatti qofa argamtudha.
Sanyiin jeedalaasadarkaa addunyaatti Itoophiyaa keessatti argamtu kun bineensota bosonaa foon sooratan baduuf deemu jedhamee sodaatamaa jiru keessaati.
Jeedalli diimtuu Itoophiyaa keessatti bakkeewwan torbatti kan argamu ta'ullee, yeroodhaa gara yerootti hir
achaa dhufuun amma 450 kan hin caalle akka jiran qorannoon akka agarsiisu ibsu ogeessonni.
Akka Dr. Mokkonnon jedhanitti, bineensonni kun badaniif sababiin guddaan dhukkubadha.
Akaakuu jeedla kanaa dhukkuboonni shan kan miidhan ta'ullee garuu dhukkubni saree maraatuu addatti saroota naannoo jiranirraa isaanitti daddarbee akka isaan ajjeesu dubbatu.
Jeedalli dimmtuu jireenyi isaanii gamtaan waan ta'eefis, isaan keessaa tokko too dhukkuba saree maraatuun qabame warra hafanitti salphaatti dabarsuu danda'a.
Arba
Arbi bineensota Afrikaa keessatti argaman namootaan miidhaa irra gahu keessaa isa tokkodha jedhu Dr. Mokonnon.
Itoophiyaan waggoota 100 darba keessa qabeenya arbaa qabdu keessaa %80 akka dhabdeettu qorannoowwan ni agarsiisu jedhu Obbo Cammareen.
Yaaduma Obbo Cammaree kana kan deeggaran Dr. Mokonnon ammoo Itoophiyaan baroota 1980n keessa qabeenya arbaa qabdu keessaa %80 dhabdeetti jedhu.
Itoophiyaa keessa gosa arbaa lama akka jiran kan ibsan Obbo Cammareen, arbi Da'oo Bineensota Bosonaa Baabbilee keessatti argaman lakkoofsi isaanii waggaa waggaadhaan hir'achaa deemuu kaasu.
Naannoo Oromiyaa Gujii keessa arbi lakkoofsi isaanii 20 gadi ta'e akka jiran ibsuun, torbanuma kana keessallee sadii ajjeefamuusaanii dha'uu dubbatu.
Qabeenya arbaatiin kan beekamu Paarkii Oomoo Maagoo keessaas lakkoofsi arbaa hir'ataa dhufeera.
Yeroo ammaa lakkoofsaan foyyee qaba kan jedhamu Tigiraay keessa, Qaaftaa Shiraaroo, akkasumas Baabbilee keessa ta'uu himu.
Simbirroota
Paarkiin abijaataa Shaalaa simbirroota bantii kaabaa irraa dhufan bakka itti argaman akka ta'e ogeessonni ni ibsu.
Walumaagalatti gosoonni simbirootaa Itoophiyaan alaa dhufan 241 ta'an yoo jiraatan, 20 kan ta'an ammoo Itoophiyaa keessatti simbirroota argamanidha jechuun ibsu ogeessonni.
Dhiibbaa nam-tolchee waggoota 30 darban qaqqabeen, bishaan haroowwan keessa jiran hir'achaa dhufuun isaa bakki jireenyaa simbirrootaafi wanti nyaatan dhibaa dhufnaan lakkoofsi isaanii hir'ateera.
Haata'u malee, waggoota lamaan darbanii asitti bishaan haroowwanii dabalaa waan dhufeef simbirroonni deebiyaa jiru jedhu.
Furmaanni maali?
Lakkoofsi bineensota bosonaa hir'achaa deemuun taateedhuma addunyaati. Ardii Afrikaafi biyya keenya Itoophiyaa keessattis qabeenyi bineensota bosonaa hir'achaa dhufeera.
Kanaaf ammoo sababoonni gara garaa kan jiran yoo ta'u, inni duraa garuu lakkoofsi ummataa dabaluu ogeessonni ragaa bahu.
Sababii akka bineensonni bosonaa hir'atan taasisu biroon ammoo bakki jiraatan itti dhiphachaa dhufuu isaati. Bakkeewwan adamoon seeraan alaa jiranis lakkoofsi bineensota bosonaa baayyee hir'ataa dhufuufi baduuf akka sababaatti eerama.
Invastimantiin babal'achuu, bakkeewwan bineensonni bosonaa jiraatan dhiphachaa deemuus akkasuma lakkoofsi bineensota bosonaa akka hir'achaa deemuuf gahee taphatu qaba jedhu.
Bineensota bosonaa kan kunuunsinu ykn eegumsa taasifnuuf waan miidhaganiif ykn uumama waan ta'aniif qofa miti kan jedhan Obbo Cammareen, "Jiraachuufi jiraachuu dhabuu dhala namaatiif barbaachisoodha," jedhan.
Bineensonni bosonaa jiraachuun dhalli namaa akka jiraatuuf murteessaa ta'uun hubatamee, mootummaan fayyadama lafaa ilaalchisuun imaammata rakkoo kana furu mijeessuu qaba jechuun gorsu.
Imaamman lafaa walfakkaataa ta'e yoo jiraate, bosonaaf, misoomaaf, jireenya bineensota bosonaatiif kan jedhu sirnaan daangessuun ni danda'ama jedhan.
Hawaasni naannoo bineensonni bosonaa jiran jiraatan, wantota bu'uura jireenyaa ta'an ittiin jiraatan guutuufiin barbaachisaadha jechuun dubbatan.
Bineensonni bosonaa hambaa biyyaafi dhaalmaa dhalootaati kan jedhan Obbo Cammareen, hambaa maallaqaan bakka hin buufamneefi dhaalmaa dhalootatti darbu kana akka hin badneef kunuunsuu barbaachisa jedhan.