Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daangaa Itoophiyaafi Sudaan: Itoophiyaan 'dubbii hammeessuufi tuttuqqaa Sudaan itti jirtu' cimsitee balaaleffatte
Itoophiyaan gocha Sudaan dubbii hammeessuufi tutuqqaa naannoo daangaa biyyoota lameeniirratti itti jirti jechuun balaaleffachuun akka of qusattuuf gaafatte.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa dhimma kanarratti ibsa baaseen, muddama jiru daran hammeessuudhaan biyyoonni lamaan akka lolatti seenan gochaa jira jechuun damee loltuu mootummaa Sudaan himateera.
"Itoophiyaan biyyoota keenya lamaan gidduutti walitti bu'insi kamiyyuu miidhaa guddaa qaqqabsiisuun nageenyaafi tasgabbii biyyoota lamaanii balaarra buusa jettee amanti.
Kanaaf, mootummaan Itoophiyaa lolli damee waraanaa Sudaaniin labsamaa jiru kun miidhama ummata Sudaaniin fedhii qaama sadaffaa tajaajiluu akka ta'etti amana," jedha ibsichi.
Ibsi kun loltuun Sudaan fedhii qaama sadaffaa galmaan ga'uuf jecha rakkoo daran hammeessaa jira jedhe kanarraa akka of qusatuufis lammileen Sudaan mootummaasaanii akka gaafataniif waamichas dhiyeesseera.
Itti dabaluun, biyyoonni Afrikaas mootummaan Sudaan gocha akkasiirraa akka of qusatuuf akka gorsaaniif gaafateera ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa kun.
Torbanuma kana keessa Sudaan dippilomaatiishee Finfinnee jiru "mariidhaaf" jechuun yaamuushee miidiyaaleen gara garaa kan gabaasan yoo ta'u, dhimma rakkoo daangaa waliin walqabate ta'uu garuu hin mirkanoofne.
Rakkoon daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu barootaaf furmaata hin argatiin ture jalqaba ji'a Sadaasa darbeerraa kaasee Sudaan 'lafa kooti' bakka jettutti loltuushee bobbaasteetti.
Itoophiyaan ammoo raayyaan Sudaan daangaakoo cabsanii seenaniiru jechuu hordofee muddamni jiru kan daran dabalaa dhufe.
Sudaan, keessumaa Itoophiyaan oppireeshinii waraanaa Tigraayitti eegalte osoo torban hin guutin ture loltoota ishee gara lafa biyyooti lamaan kiyya jedhanitti waraana kan bobbaaste.
Mootummoonni lamaan gaaffii lafti naaf mala jedhu daangaasaaniirratti uumame hiikuudhaaf malawwan gahaa ta'e qabu kan jedhe ibsichi, Waraanni Biyyaalessaa Sudaan garuu Sadaasa 2020 daangaa Itoophiyaa weeraruun qajeelfamoota seera idil-addunyaafi karaa nagaatiin waldhabdee furachuu cabseera jedha.
Akka ibsa Ministeerichaatti Sudaan waliigalteewwan daangaa mootummoonni lamaan lammileen biyyoota lamaanii hin buqqaafnu jechuun waliin qaban diigdeetti.
Kana malees, Sudaan carraaqqii koreen waloo dhimmi daangaa adeemsa daangaan akka irra deebiyamee sararamuuf gochaa jiru gatii dhabsiisteetti jedha.
"Faallaa miira michummaafi waltumsuu biyyoota obbolaan gidduu jiruu, Waraanni Sudaan qabeenya saamuun, kaampiin gubuuniifi lammileen Itoophiyaa kumaatamaan buqqisuun kaampii Waraana Itoophiyaa to'ateera," jedha ibsi kun.
Kanarra darbuun, dhugaa lafarra jiru haaluudhan biyya miidhamte Itoophiyaatiin akka isheen waraana bante fakkeessuuf 'duulli oduu sobaa' Sudaan gaggeessaa jirtu ammoo fedhii lafa dabalataa to'achuuf jechaa tuttuqaa itti fufaa jiraachuu agarsiisa jedheera Ministeerichi ibsasaatiin.
Gochawwan dubbii hammeessuufi tuttuqqaan kun hundi osoo jiruu, mirga ofirraa ittisuu sirrii osoo qabduu Itoophiyaan obsa guddaafi of eegannootiin garaa garummaan jiru karaa waliigaltee dhimma daangaarratti waliin qabaniin nagaan akka furamuuf irra deddeebiin ibsaa turteetti jedha.
Aanga'oonni Sudaan tarkaanfii raayyaan biyyattii fudhate qabeenya isaanii deebifachuu akka ta'e himuun, bakkawwan harkasaanii gale dhimma mariidhaaf dhiyaatu miti jechuun yeroo garaa garaa ni dubbatu.
Pirezidaantiin mana maree mootummaa ce'umsaa Sudaan Leetnaan Janaraal Abdul Fattaah Al Burhaan torbanoota muraasa dura haasaa qondaaltota waraanaasaanii waliin taasisaniin biyyasaanii Itoophiyaa waliin lolatti akka hin seenne garuu lafa taakkuu tokkollee dabarsanii akka hin kennine ibsanii turan.
Leetnaan Janaraal Abdul Fattaah Al Burhaan itti dabaluun, biyyisaanii karaa mirga seera qabeessa ta'e qabduun bakkeewwan loltoota Sudaaniin qabataman qabiyyee lafa biyyattii akka ta'uuf waliigaleerra akka ga'amu fedhiisaanii ta'uu ibsanii ture.
Itoophiyaan Sudaan waliin daangaa kiiloomeetira 750 dheeratu kan qabdu yoo ta'u, walitti bu'insi daangaa waggootaaf uumamaa tureera.
Keessumaa ammoo bakka lafa qonnaa bajjii qabu Al-fashaaq jedhamutti yeroo gara garaatti walitti bu'insi dhalachuun isaa ni himama.
Muddamni naannoo daangaa biyyoota lamaanii gidduutti dhalate yeroodhaa gara yerootti hammaachaa kan dhufe yoo ta'u, namoota nagaafi loltootarra miidhaan qaqqabuun namoonni kumaan lakkaa'aman ammoo akka buqqa'an taasiseera.