Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhimma daangaa Itiyoo-Sudaan hiikuuf qaamni sadaffaan hinbarbaachisu'-Itoophiyaa
Muddama daangaa Itoophiyaafi Sudaan jiddu jiru hiikuuf qaamni sadaffaan jidduu galu akka hinbarbaachifne Ministeera Haajaa Alaatti Gorsaan dhimmoota teekinika daangaan walqabatanii fi miseensi Komishinii Daangaa Itoophiyaafi Sudaan, Obbo Wuhiib Mulunah BBCtti himan.
Obbo Wuhiib Itoophiyaan waldhabdee daangaa Sudaan waliin qabdu mariin qofa hiikuuf fedhii cimaa qabaachuu BBCtti himan.
Sudaanis taanaan hanga ammaatti marii qaama lamaanii yaada jedhu qofaa qabaachuufi mariisisaa qaama sadaffaan akka jiraatuuf yaadni akka hindhiyaanne dubbatan.
Bulchaan Gondar Kaabaafi jiraattonni naannoo loltoonni Sudaan weerara itti raawwataniiru jedhameetti darbanii kan seenan erga raayyaan Ittisa Itoophiyaa gara Naannoo Tigraayitti socho'uu eegaleen booda ALI Onkoloolessa 29, 2013 ta'u BBCtti himanii turan.
Waldhabdeen daangaa kunis mootummoota biyyoota lamaanitiin karaa nagaatiin akka hiikamuuf Itoophiyaan yaalii taasisaa jiraachuu himtulleen, Sudaan garuu lafa qabatte gadhiisuu akka hinbarbaanne ibsitee jirti.
Itoophiyaanis gama isheetiin, Sudaan lafa humnaan qabatte gadhiiftee hanga baatutti mariin akka hinjiranne ibsuun ishee ni yaadatama.
Haata'u malee dhimmi daangaa biyyoota lamaanii furamuu kan danda'u caasaawwan hundeessaniin qofaa ta'uu Obbo Wuhiib ni ibsu.
Hanga dhimmi daangaa kun hiikkatutti ammoo waliigalteen Itoophiyaafi Sudaan mallatteessan kabajamee turuu akka qabaatu himu Obbo Wuhiib.
Humnootiin walabummaa Itoophiyaa morman jiraachuusaanii ni beekna kan jedhan Obbo Wuhiib, ''qaamni sadaffaan biraa jiraachuu danda'as'' jedhaniiru.
Kanaafuu humnootii kanneen waldhabdee daangaa kana keessatti affeeruun gahee akka qabaatan taasisuuf Itoophiyaan fedhii akka hinqabne dabaluun himan.
Waldhabdeewwan biyyoota lamaan jidduutti yeroo garaa garaatti umaman hiikuuf bara 1972tti waliigaltee jijjirraa yaadaa waliin mallatteessuun daangaasaanii irra deebiin sararuuf waliigaluusaanii Obbo Wuhiib ni himu.
Haala waliigaltichaatiin, yaada furmaataa biyyoonni lamaan fudhatan irra hanga gahamuutti haalli daangaa akkuma tureetti kabajamee akka turuuf waliigalame akka ture dubbatu.
Waliigaltee bara 1972 taasifameen, motummoota Gamtoomaniitti kan galmaa'ee ta'u kaasuun, waliigalteedhumti kun hojiirraa akka ooluufi lolli akka hinbarbaachifne Itoophiyaan Sudaaniitti himushee ibsite jirti.
''Gama Itoophiyaatiin fedhii lolaa hinjiru'' kan jedhan Obbo Wuhiib, ummattoonni lamaanis wantoota garaa garaatiin walitti dhufeenya qabaachu himu.
Lolli kamuu wayita xumuramu gara mariitti akka dhufamu kaasuun, lola filachurra mariidhaan garaa garummaa jiruuf fala barbaaduun filamaata fooyya'eedha jedhu.
Itoophiyaan dhimmi daangaa Keeniyaa waliin qabaataa turte bara Hayilasileesee waliin hiiku akka dandeessee kan yaadatan Obbo Wuhiib, waldhabdee daangaa jiruu hiikuuf qaamni sadaffaan barbaachisaa miti jedhan.
Ammas darbee darbee gama daangaatii dhokaafni kan dhagahamu ta'u kan himan Obbo Wuhiib, dhimmi kunis akka dhaabbatuuf Itoophiyaan dubbichushee ibsan.
Gaaffii mariin biyyoonni lamaan taasisan kun yoom eegalu danda'a? jechuun gaafatamaniif Obbo Wuhiib deebii yoo kennan, biyyoonni lamaan sa'aatii kamiittu mari'achu itti fufuu ni danda'u jedhan.
Itoophiyaafi Sudaan Komishiiniin daangaa waloo Itoophiaafi Sudaan, Koreen teekinikaa daangaa waloo fi koree addaa waloo hundeessuun dhimmi daangaa kanaaf furmaata barbaachaaf hojjataa akka turan ni yaadatama.
Itoophiyaan tibba naannoo Tigraaiitti sochii 'seera kabachiisuu' irra turteetti, motummaan Sudaan deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf gaaffattee akka turte kan ibsan Obbo Wuhiib, kanaanis waliigaluun daangaasaanii akka cufan dubbachisaanii ibsaniiru.
Waraanni makaanaaizdii daangaa to'atu gara Tigraayitti bobbaanaan, waraanni Sudaan daangaa Itoophiyaa darbuun kaampiiwwan loltootaa torba to'annoo jala oolfachuun weerara raawwachusaa dubbatan.
Tibba sanattis midhaan gubuufi saamicha raawwachusaa himan.
Biyya kamiittu waldhabdeen daangaa walita umamuu komishinii waloo hundeessuun dhimmicha hiikuuf akka hojjatamu ibsuun, adeemsii idil-addunyaa kun biyyoota lamaan jiduutti itti haa fufu jechuun aanga'oota Sudaan olaanoof gaaffiin dhiyyaachu isaa dubbatan.
Itoophiyaafi Sudaan waldhabdee daangaa KM 744 haguuguu furuuf marii adda citee ture deebiisanii eegalunsaanii ni yaadatama.
Marii kanaanis furmaata itti kennuuf rakkisaa kan ta'ee naannawa Faashaagaa ture jedhama.
Haala waliigaltee koloneeffattootaa bara 1902 fi 1907tti daangaan idil-addunyaa gara bahaatti qaxxaamura.
Haala kanaanis lafichi gara Sudaanitti kan citu ta'a.
Haata'u malee lafichi kan lammiileen Itoophiyaa irra jiraatan yoo ta'u, hojii qonnaa raawwachuufis gibira irraa eegamu mootummaa Itoophiyaatiif kanfalaa turan.