Xiinxala: Itoophiyaafi Sudaan akkamiin daangaa bakka al-Fashagaa jedhamurratti wal dhaban?

    • Barreessaa, Aleeks Dii Waal
    • Gahee, Xiinxalaa Afrikaa

Walitti bu'iinsi humnoota Itoophiyaafi Sudaan jidduutti daangaa irratti dhalate wal dura dhaabbannaa waggoota dheeraa lakkoofsise biyyoota lamaan jiddu tureef boqonnaa haaraadha.

Loltoonni biyyoota lamaanii daangaa irratti kallattiin yoo walitti dhukaasanii arguun taatee barame miti.

Ka'umsi walitti bu'iinsa miilanaa lafa daangaa biyyooti lamaan irratti wal falman al-Fashagaa jedhamu Kaaba-Lixa Itoophiyaatti naannoo Amaaraafi naannoo Sudaan Gadareef jedhamu jidduutti argamudha.

Daangaan biyyoota lamaanii qixaan daangeffamee hin beekamu. Imaltoonni akka jedhanitti Itoophiyaan kan eegaltu lafti diriiraan iddoo itti tulluuwwaniif bakka gadi dhiisutti.

Kana jechuun lafti qonnaa diriiraan madda wal dhabdee ta'e kun daangaa Sudaan keessa jira jechuudha. Qonnaan bultoonni Itoophiyaa naannicha jiraatan kanatti walii hin galan.

Waliigalteewwan bara sirna kolonii

Gaanfaa Afrikaa keessatti daangaaleen hedduu wal dhabdee qabu. Itoophiyaan bara 1977 naannoo Ogaaden irratti Somaaliyaa waliin wal waraantee turte.

Bara 1998 lafa xiqqoo Baadimme jedhamtu irratti Eertiraa waliin wal waraanteetti.

Lola kanaan loltoonni 80,000 ol gama lamaaniinuu yoo ajjeefaman, biyyoota lamaan jidduu diinummaan akka hammaatu taasiseera.

Manni murtii haqaa idil-addunyaa lafa Baadimme Eertiraaf murteessullee Itoophiyaan hanga Sadaasa bara 2020 lolli Tigraay eegalutti loltoota ishee Baadimme keessaa baasuu diddee turte.

Waraana bara 1998 kana booda Itoophiyaa fi Sudaan daangaa biyyoota lamaanii kiiloomeetira 744 dheerati qixaan sararachuuf mariitti deebi'anii turan.

Fashaga irratti garuu salphaatti waliigaluun hin danda'amne. Akkaataa waliigalteewwan bara kolonii 1902 fi 1907tiin daangaan biyyoota lamaanii Baha Fashaga jira.

Kana jechuun lafichi Sudaaniif mala - garuu ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa waggoota dheeraf laficha misoomsaa gibiras mootummaa Itoophiyaaf kafalaa turan.

'Waliigaltee dhoksaa'

Biyyoonni lamaan marii waggoota dheeraa booda bara 2008 wal hubannaara gahan. Itoophiyaan lafichi daangaa Sudaan keessa ta'uu beekamtii kennite, Sudaan ammoo qonnaan bultoonni Itoophiyaa rakkoo tokko malee laficha misoomsuu akka itti fufan hayyamte.

Hanga yeroo dhiyootti qonnaan bultoonni biyyoota lamaanii waa'ee daangaa osoo hin cinqamiin waliin laficha misoomsaa waliin jiraachaa turan.

Dhiyeenya kana Itoophiyaan daangaan qixaan akka sararamu feete.

Mariin wal hubannaa bara 2008 irra gahame fide kana kan dursan qondaala olaanaa TPLF Abbaay Tsahaayyee turan.

TPLF bara 2018 erga aangoorraa ari'amtee booda, dhalattoonni Amaaraa waliigaltichi nun hirmaachifne ture, dhoksaan raawwatame jechuun komatan.

Walitti bu'iinsi miilanaa maaliin akka ka'e gama lamaaniinu yaada gara garaatu jira. Haa ta'u malee dhugaan hin haalamne loltoonni Sudaan humnoota Itoophiyaa of duuba dhiibanii namoota ollaa san qubatanis gadi dhiisanii akka bahan dirqisiisaniiru.

Mudde 20 wal gahii biyyoota baha Afriikaa Jabuutiitti taa'ame irratti MM Sudaan Abdallaa Hamdook dhimma kana MM Itoophiyaa Abiy Ahimaditti kaasanii turan.

Mari'achuuf waliigalanii turan garuu lamaanuu haal-duree kaa'an qabu turan.

Itoophiyaan badii hawaasa naannichaarra gaheef kaasaan akka kafalamu gaafatte, Sudaan ammoo haalli duraan ture akkasumaan itti haa fufu jette.

Osoo mariirra jiranii walitti bu'iinsi lammataa dhalate. Sudaan loltooti Itoophiyaa haleellaa raawwatan jechuun Itoophiyaa himatte.

Walitti bu'iinsi daangaa kun ija seenaa, seeraa fi waliigalteewwan duriin hiikkoon gara garaa itti kennamus, dhimmoota gurguddoo lama kan jijjiiramni MM Abiy fideen wal qabataniif agarsiiftuudha.

Gaaffii abbummaa lafaa Tigraay keessaa

Lammileen Itoophiyaa Fashaga jiraatan MM Abiy Oromoo biraa deeggarsa guddaa erga dhabeen booda kan itti hirkate dhalattoota saba Amaaraati.

Injifannoo humni waraanaa federaalaa Tigraay keessatti baatilee lamaan darban argateen kan dadammaqan warri Amaaraa Tigraay keessatti gaaffii abbummaa lafaa kaasaa jiru.

Iddoowwan bara 1990 wayita TPLF aangootti dhufte naannoo Tigraay jalatti daangeffaman Lixaa fi Kibba naannichaa jirani kan gaaffiin irratti ka'aa jiru.

Walitti bu'iinsi Fashaga kunis gaaffii abbummaa lafaa wal fakkaatuun kan dhalatedha. Wanti adda godhu lafti gaaffiin irratti ka'aa jiru kan Itoophiyaa keessaa osoo hin taane kan biyya biraa waliin ta'uu isaati.

Walitti bu'iinsa kana karaa nagaa furuu dhabuun kalattiinis ta'uu baatu jijjiirama imaammata dhimma alaa MM Abiy fidaniin wal qabata.

Waggoota 60f galmi tarsiimowaa Itoophiyaa Masiriin qabuu ykn ittisuu ture, MM Abiy garuu bara darbe michoomaaf harka diriirsanif.

Biyyoonni lamaan waa'ee hidha laga Abbayyaa akka dubbii jiraachuuf jiraachuu dhabuutti ilaalu.

Masiriin hidhi Itoophiyaan ijaaraa jirtu qooda bishaanii waliigalteewwan bara koloniin Masiriin argatteef balaa akka ta'etti ilaalti. Itoophiyaan ammoo hidhichi akka madda elektiriikii guddina isheef dran murteessaa ta'eetti ilaalti.

Sudaan, Masirii fi Itoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa irratti waliigalteerra hin geenye.

Dhimma laga Abbayyaa irratti utubaan dippiloomasii ministeera haajaa alaa Itoophiyaa michooma biyyoota yaa'a laga Abbayyaa gara olii turan.

Galmi isaa ammoo waliigaltee akkaataa bishaan laga Abbayyaa qooddachuu biyyoota hedduu hirmaachise uumuudha. Asirratti Masiriin lakkoofsaan caalamti.

Hidha Haaromsaa iraa kan fayyadamtu Sudaan biyyoota Afrikaa kaan waliin dhaabatti turte. Hidhi Haaromsaa balaa lolaa hir'isaaf, bishaan idileen argatti akkasumas gatii rakasaan elektiriikii bitachuu dandeessi.

Masiriin marii biyyoota kaan hirmaachisu osoo hin taane waliigaltee qooda bishaanii olaanaa bara kolonii argatte ittiin eegsifattu barbaaddi.

Onkoloolessa bara 2019 MM Abiy wayita kora Afrikaa-Raashiyaaf gara Soochii imalanii turanitti pireezidantii Masirii Abdul Fattaa al-Siisii waliin wal argan.

Walgahii tokkittiin bakka qondaalonni ministeera haajaa alaa hin jirretti MM Abiy tarsiimoo laga Abbayyaa irratti Itoophiyaan qabattee turte jijjiiran.

Yaada al-Siisiin Ameerikaan jaarsummaan jidduugaltee akka mariisiftu dhiyeessan MM Abiy mataa otoo hin mariin tole jedhan. Booda Ameerikaan Masiriif loogde.

MM Abiy akkuma Eertiraa waliin waliigaluun Noobeelii badhaafaman sana Masirii waliinis salphaatti waliigalteerran gaha jedhanii yaadaniiru ta'e dogoggoranii jiru. Wanti ta'e faallaa isaati.

Sudaan biyya sadaffaa mariif Ameerikaan afeeramte taatullee, Ameerikaan qoqqobbii maallaqaa irra keessee fi tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaran jalaa akka ishee baastu waan barbaadduuf yaada Ameerikaatti waliigaluun Masirii duuka hiriirte. Itoophiyaan kophaa hafte.

Lammileen Itoophiyaa hedduun Ameerikaatti dheekkamuu hordofuun mootummaan Itoophiyaa yaada waliigaltee Ameerikaa kuffise.

Kana hordofuunis Ameerikaan Itoophiyaarraa deeggarsa maallaqaa kutte.

Pireezidantiin US Donaald Tiraamp Masiriin hidha Haaromsaa 'dhoosuu' malti jedhanii dubbatan. Booda Itoophiyaan naannoo hidhi haaromsaa jiru xiyyaarri kamuu balali'uu akka hin dandeenye labsite.

'Adeemsa nagaa wal-dhorkuu'

Looreetii Noobeelii MM Abiyyiif ammatti Masirii waliin wal-dhibdeetti seenuun balaa qaba. Lola Tigraay akkasumas walitti bu'iinsa Fashaga irratti mata dhukkubbii biraati.

Walitti bu'iinsi Fashaga wal dura dhaabbannaa waggoota dheeraa Itoophiyaa fi Sudaan jidduu turetti lubbuu hora.

Baroota 1980moota keessa mootummaan komuniistii Itoophiyaa finciltoota Sudaan deeggaraa ture. Sudaan ammoo gareelee sabboonummaa sabaaf hidhatanii lolan akka TPLF deeggaraa turte.

Baroota 1990moota keessas Sudaan hidhattoota amantaa Islaamaa finxaalessan yoo deeggartu, Itoophiyaan ammoo mormitoota Sudaan deeggaraa turte.

Walitti bu'iinsaa fi tasgabbii dhabiinsa Itoophiyaa kutaalee hedduu keessa jiru, akkasumas gama Sudaaniin waliigaltee hin ititne mootummaan finciltoota Daarfuur fi gaarreen Nuubaa keessa jiran waliin godhetti fayyadamuun, biyyoonni adeemsa nagaa wal-dhorkuu durii sanitti deebi'uu malu.

Hariiroon Itoophiyaa fi Sudaan Waxabajjii bara 2019 wayita MM Abiy gara Kaartuum imaluun mormitoonni diimokiraasii dhaadhessan fi ajajoonni waraanaa biyyattii mootummaa siiviilii akka hundeessan deeggarsa taasisan akkaan jabaatee ture.

Wanti MM Abiy kaka'umsa dhuunfaa isaaniin raawwatan booda hirmaannaa Gamtaa Afrikaa. biyyoota Arabaa fi kaaniin deeggaramee bu'aa argamsiise.

MM Sudaan Abdallaa Hamdook lola Tigraay furuun oolmaa MM Abiy deebisuf yaalanii turan garuu ni ifataman.

Walgahii Mudde 20 irratti osoo hin hafiin MM Abiy Itoophiyaan dhimma keessoo ishee ofiin furatti jechuun rincican.

Wayita baqattoonni Itoophiyaa gocha gara jabinaa isaan irratti raawwatamee fi beela himatan hedduun gara Sudaan baqachuu itti fufan kanatti jaarsummaa diduun MM Abiyyiif saplhaa ta'uu dhiisuu mala.

Ammoo Walitti bu'iinsa daangaa Itoophiyaa fi Sudaan gara wal waraanuutti geessee hammeessuun sodaan tasgabbii dhabuu naannicha keessa jiru akka hundee fageeffatu taasisuu danda'a.

Aleeks Dii Waal Ameerikaa Yuunivarsiitii Tufts, Mana barnootaa Seeraa fi Dippiloomasii keessatti direektara olaanaa Faawondeeshinii Nagaa Addunyaati.