Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fincilli biyyoota Arabaa waggoota 10 booda waan yaadame fideeraa?
- Barreessaa, Jereemi Booweniidhaan
- Gahee, Gulaalaa BBC Giddugala Bahaa
Warraaqsi biyyoota Arabaa waggoota 10 dura taasifame naannichatti jijjiirama guddaa fideera. Garuu fincila taasisuuf wanti ka'umsa ta'e deebii argateeraa? Ediitarri BBC Baha Giddu-galeessaa waan waggoota 10 dura tureefi amma ilaalee akka itti aanutti yaadasaa barreesseera.
Waggaa 10 dura magaalaa Kaayirootti wanti raawwate, ''Dhaabadhee, kun mormii biraan olidha,'' jedhee akkan yaadu na taasise. Guyyaansaa gaafa Jimaataa ture. Hordoftoonni amantaa Islaamaa sagada booda mormii eegalan.
Mormiin kun kan lammataa ture. Guyyoota muraasa dura mormiin biraa Pirezidantii Masrii yeroo sanaa Hosnii Mubaarak irratti taasifamee ture.
Mormiin lammataa garuu adda ta'uu kanin hubadhe kanneen mormii gaggeessan dhiirota Masrii hiyyummaa keessa jiranidha.
Yeroo sanatti badhaafamaa Noobelii Nagaa kan ta'e Mohaammed Elbaraadiillee mootummaa Masirii yeroo sanaa qeequun achii as bahan.
Jimaata gaafa sanaa yeroo Masgiida deemanitti namni kamiyyu waanti tokko dhalachuu mala jedhanii eegaa turan.
Obbo Elbaraadiinis yeroo hunda mormii naga-qabeessa gaggeessuu ni deeggaru ture.
Gaafa sana, poolisoonni hokkara bittinneessan dhibbaan lakkaa'aman turaniiru. Mormitoonni kuma hedduutti lakkaa'amanis eeggachaa turan.
Isaan dura mormiiwwan muraasanan argaa ture. Isaaniyyu warra ija jabinaan sodaa malee bahanii hanguma poolisiin isaan funaanee hidhu qofaatti warra dhaadannoo dhageessisan qofa turan.
Namoonni duraan muraasa ta'anii mormiif bahaa turan kun ammoo barataniifi galii giddu-galeessa qaban qofaa turan.
Kanaan akka mormiin guyyaa sanaa kan duraan turerra adda ta'uu bare, yeroon mormicha keessatti dhiironni Masirii harka-qalleeyyii ta'an dacha'anii itti makamanii argedha.
Inni guyyaa Jimaataa sun garuu adda. Gaafasi konkolaataa poolisiitti garagalanii guban.
Warraaqsi namoota magaalaa harka-qalleeyyii ta'an dabalatu malee humna hin argatu.
Warraaqsichi hooggansa dhugaa waan hin qabneef dimookiraatawaa ta'ee mul'ate.
Garuu, hooggansa dhabuun galma dhabuu isaaf madda ture.
Dargaggoon mormii keessa maqaa guddaa horatan jiraatanis humna siyaasaa tolfachuu hin dandeenye. Bulchiinsa abbaa irree jala waggaa dheeraaf waan turaniif reefuu bu'uurarraa eegalu ture.
Filannoon bara 2012 taasifame gareewwan lama of ijaaran walitti fide. Inni tokko Musliim Biraazarhuud yoo ta'u, kaan immoo waraana Masriiti.
Musliim Biraazarhuud filannoo irra aane garuu sirriitti hin bulchine, kanneen isaan deeggaraa hin turre adda baasan. Waraannis mootummaa laaffisuuf waan danda'u hunda godhe.
Boodarra yeroo biyyattii keessa jeequmsi hammaatu janaraalonni bara 2013 aangoo qabatan.
Jalqaba bara 2014 namoonni 2,000 ol ta'an garri caalaan isaanii namoota nagaa kan ta'an jeequmsa siyaasaa keessa lubbuu isaanii dhaban. Gara hedduu isaa ilaaleera.
Humnoonni nageenyaa mormitootaa aariin bakka Mohaammad Morsii itti hidhametti daandiitti bahanitti dhukaasaa turan. Baatii Hagayya sana keessa namoonni 900 ol ajjeefamanii yeroo namoonni reeffa maatiifi firootasaanii barbaadanillee argeera.
Ergasii waraanni Masrii biyyattii to'ataniiru. Hogganaan isaanii Fiild Maarshaal Abdul Fattaah al - Sisi, Pirezidantii ta'an.
Al - Sisiin bara Hosni Mubaarak caalaa to'annoo cimaa hojiirra oolche.
Ergasii lammiileen biyyattii kumaatamaan lakkaa'aman mana hidhaatti darbaman. Kanneen dhibbaan lakkaa'aman ammoo akka ajjeefaman ta'e.
Gareen mirga namoomaa kana balaaleeffataniiru.
Mormiin Masriitti eegale kan Tuniziyaatti eegale kan hordofe ture. Wanti bara 2011 Masrii, kan wiirtuu aadaafi siyaasaa Arabaa taate keessatti mudate biyyoota Giddugala Bahaatti wal gahe.
Fincilli biyyoota Arabaa keessatti gaggeeffame hunda jijjiireera. Garuu, akkatti mormitoonni bilisummaafi aangoorra akka bu'an gaafachuuf daandiitti bahan fedhaniin miti.
Finxaaleessitoonni Jihaadistootaa bu'uura tolfatanii yaada isaanii dargaggoota mootummoota abbaa irree morman keessa facaasani.
Mootummoota abbaa irree aangoo irraa kaasuun cimaadha, keessumaa yeroo humna biyyoota alaan deeggaramanitti.
Mootummaan Masrii deeggarsa Sa'uudiifi Biyyoota Arabaa Gamtoomanii malee dhaabachuuf ni rakkata ture. Sisiin biyyoota Lixaarraas deeggarsa qaba.
Fincilli bara 2011 dargaggoo malaammaltummaa, hacuuccaafi hojii dhabuun abdii kutataniin humna horate. Yaaddoon kunneen ammallee jiru.
Biyyoota Arabaa keessa ammallee namoonni umrii 30 gadii hedduu hojii hin qabani. Kuni kan addunyaa biroo keessa jiru caala.
Waggaa kana hojii dhabdummaa mormuun biyya takkittii fincila 2011 booda sirna dimookiraasii ijaarte Tuniziyaatti mormiin taasifameera.
Libaanos kan dinagdeefi siyaasaan rakkoo guddaa keessa jirtutti kanneen mormiif bahan immoo gamoo ummataa caccabsaniiru.
Ilaalchi dargaggoo immoo murteessaadha. Kunis, sababni isaanii baay'ee waan ta'eefidha. Dhiibbaan Covid-19 hunda hammeessuu danda'a. Abdiin waggaa 10 dura ture cabeera.
Akka seenaan ibsutti cunqursaan yeroo muraasaaf dalaguu danda'a. Garuu, abdii kutannaan sodaa caalee, cunqursaan akka injifatamees seenaan ragaadha.