Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhaa Masrii: Balaaleffannaan booda Masriin miseensota mirgoota namoomaa gadhiifte
Miseensoonni garee Mirga namoommaa guddaa Masrii sadii kan baatii darbe keessa Kaayiroo keessatti to'annaa jala oolfaman qeequmsa idil-addunyaa dabalaa dhufuusaaatiin wal qabate gadhiifaman.
Namni Dhaabbata Mirgoota Dhuunfaa Masrii 'Egyptian Initiative for Personal Rights' jedhamuuf hojjatuus garee shororkeessaa waliin hidhata qabaachuufi 'oduu sobaa tamsaasuun' himatamee ture.
Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Mootummaa Gamtoomanii garuu hidhaa kanaan ''doorsisadha'' jedheera.
Namoonni beekamoon kan akka Immaa Tomsan, Isiifan Firii fi Iskaarlet Joonsan fa'is hidhaa kana balaaleffachuuf namoota siyaasaa waliin dhaabbataniiru.
Aangoo pirezidaanti Abdul Fattaa al-Siisii jalatti rogeeyyonni hedduun hidhaaf saaxilamaniiru.
Haata'u malee Masriin irra dedeebiin sabama mirgoota namoomaa ittin himatamatu kana haaltee jirti.
Dhaabbanni Mirgoota Namoomaa Dhuunfaa Masrii (EIPR) garee walabaa dhimmoota siyaasaa, sivilii, dinagdee fi hawaasaa hedduu aguuga.
Gariichis ibsa baatii darbee baasee keessatti, humnootiin tikkaa miseensa oggansaa isaanii Gaasar Abdal-Raazak Sadaasaa 19tti manasaa Kibba Kaayirootii argamuu fudhachuun lafa hinbeekamneetti geessuu himeera.
Akkasumas guyyaa tokkoon dura ammoo daarektara haqa yakkaa Kaarima Ennaaraah magaalaa Daahaab jedhamuutti qabamuu himeera.
Ogganaan waajira dhaabbatichi Mohaammad Baasheer ammoo akkasumas Kaayirootti qabamu ibse.
Manni Mr Baasheer sakkata'amuun waa'ee dowwannaa dippilomaatoonni biyyoota liixaa waajjira FIPR kan Kaayirootti taasisuun waa'ee mirgoota namoomaa mari'atanii irratti gaaffiin taasifamuufiisaas dabalu hime.
Dhaabbattichi garuu hidhaan kunis gocha ''ifaafi deebii qindaa'aa'' hojii isaan dhimma lafa hidhaa fi murteewwan du'aa ilaalchisuun hojjatanii akka ta'e hima.
Hidhaan Mr Abdel Raazek gacha hojiiwwan mirgoota namoomaa Masrii keessaa dhaabuuf kiyyeeffateedhas jedhan.
Mirgoota Namoomaatti Dubbi Himaan Waajjira Komishinara Olaanaa Motummoota Gamtoomanii Raavinaa Shaamdaasaan namoonni to'ataman kunneen hiikamusaanii beeksisan.
Dhaabbanni EIPR gama isaatiin ergaa karaa twitaraatiin Kamiisa maxxanseen haala ''hinbaramneen'' manoonni sadanuu mana hidhaatii bahaniiru jedhuun, gana nagaan manatti galtan jedheera.
Hiikamuunsaanii kunis erga UN akka gadhiisamaniif waammicha taasiseefi Waajjiraalee dhimma biyya keessaa Firaansiifi US hidhamusaaniitti 'baayyee yaadda'u' ibsaniin booda ture.
Akkasumas Masriin baatiiwwan lama keessatti qofaa namoota 57 du'aan addabuu ishee ilaalchisuun qeequumsi cimaan dhaabbilee mirgootaatiin irratti dhiyaateera.