Daangaa Itiyoo-Sudaan: Sudaan lafa qonnaa al-Fashaagaa fudhatte 'deebistee hin kennitu' - qondaala waraanaa

Sudaan daangaa falmisiisaa dhiyoo kana milishaa Itoophiyaarraa fudhatte 'deebistee hin kennitu' jechuu Tajaajilli Oduu Sudaan (Suna) gabaaseera.

''Koomaandarri waraana lafoo, diviiziyoonii 2ffaa Meejar Jeneraal Haayidar al-Tiraayifi Sudaan daangaa al-Fashaagaa tarkaanfii tokko dabarsitee hin kennitu jechuun loltuu isaanitti makamuu warreen fedhaniif balballi banaa tahu ibsaniiru,’’ jedha gabaasni Suna.

Jeneraalli kuni yeroo naannoo baha biyyattii al-Qaadaariifitti hawaasa Faallaataa irraa deeggarsa argachaa turetti kana dubbatan.

''Jiraattonni ilmaan dhiiraa isaanii humna waraanaatti makamuun daangaa biyyaafi kabaja isaanii akka eegsisan,’’ gorsan.

Muddamni daangaa Sudaaniifi Itoophiyaa naannoo al-Faashaagaatti uumame torbanoota dhiheenya keessa hammaachaa dhufeera. .

Waldhabdeen kunis kan cimaa dhufe erga Sudaan daangaawwan ishee kanneen waggoota 25'f to'annoo milishoota Itoophiyaa jala turan hundaa deebiftee qabachuu dhuma Muddee ibsiteen asidha.

Jeneraal al-Tiraayifiin ‘’loltuun isaanii piroojektii naannoo daangaa guddisu, ijaarsa riqichaa fi daandii irratti bobba’eera. Kana malees tajaajila bu’uuraa kennuun sochiin naannicha jiru akka dabalu gochaa jira,’’ jedhan.

Dubbiin jeneraala gameessa kanaa erga dubbii himaan Minsiteera Haajaa Alaa Itoophiyaa Diinaa Muftii dhimma biyyoota lameen kanaa ilaalchisee ibsa Sudaan lafa naannoo daangaa 'seeraan ala qabatteerti' jedhan akka gadhiistu gaafatan guyyaa tokko booda dhagahame.

Ambaasaaddar Dinaan Roobii kaleessaa ''biyyattiin lafa Sadaasa 06 bara 2020 as qabatte haala kamiinuu kooti jechuu akka hin dandeenyes,'' himaniiru.

Muddamni naannoo daangaa Itoophiyaafi Sudaanitti uumame akka furamuuf haaldureen Itoophiyaa tokko qofa ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, "ejjennoon Itoophiyaa gara iddoo duraan turtanitti deebi'aatii mari'achuu dandeenya kan jedhudha," jedhan

Sudaaniifi Itoophiyaa naannoo qonnaaf mijataa tahe daangaa al-Fashaagaa irratti burjaajii keessa jiru.

Bara darbe Mudde keessa Sudaan daangaa duraan milishaa Itoophiyaa to’atame akka guutummaan akka to’atte labsitee turte.