Haleellaa Kaappital: Tiwiitarii fi Feesbuukiin Tiraampiin ugguran

Pirezidaantiin US, kan aangoonsaanii obba'aa jiru, Doonaald Tiraamp, hookkara balaafamaa hiriirtonni Waashingitan DC naannawa Kaapitoolitti kaasan dhaadhessuun erga miidiyaa hawaasummaarratti barreessanii booda, tiwiitarii fi feesbuukiidhaan ugguramaniiru.

Qondaalli warra rippaabilikaanotaa, bara aangoosaanii dubbii walxaxaa ajandaa uumu kaasaa ba'an kun, tarii gadaansaanii goolabamuuf afuura ishee dhumaa wayita baafataa jirutti namoota hiriira ba'an akka carraatti fayyadamuun jeequmsa uumuuf yaalan jechuun komatu miidiyaaleen hawaasummaa kunneen.

Tiraamp hiriirtonni jeequmsa kaasuurraa of-qusatanii manatti akka deebi'an gorsuurra, ''ishoo, isinan jaalladha'' jechuun miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa turan.

Himata ''filannoon hatameera, bu'aansaa wal-dhaheera'' jedhus irra deebiin kaasan.

Barreeffamoota Tiraamp tiwiitarii isaaniirratti barreessan sadi, kanneen ''imaammata keenya faallessa'' jedhee itti amane akka haqan kan gaafate tiwiitariin, ergaawwan kunneen hin haqaman taanaan pirezidaanticha ugguruuf akka dirqamu ibsee ture.

''Fuulduratti Tiraamp ergaa seera ittiin bulmaata tiwiitarii cabsu maxxansuu itti fufu taanaan, akkaawuntiin isaanii '@realDonaldTrump account' jedhu" guutummaatti haqamuu danda'a jedhe jaarmiyaan miidiyaa hawaasummaa kun.

Pirezidaantichi wayita qajeeltoo seeraa tiwiitarii kabajan argamanii hin beekan, kanaaf yeroon isaan tiwiitarii waliin turuuf qaban akkaan muraasa ta'a jedhe jaarmiyaan kun.

Haala walfakkaatuun feesbuukiinis qabiyyee isaan maxxansan booda sa'atii 24'f ofirraa uggureera, YouTube ammoo viidiyoo pirezidaantichi maxxansan haqeera.

''Ergaan isaan maxxansan hookkara sana tasgabbeessuurra, daran kan hammeessu waan ta'eef uggurre'' jedhe feesbuuk.

Hiriirtonni kunneen masaraa mootummaa haleelan, poolisii waliin walitti bu'an, daafoo kanaanis lubbuun dubartii tokkoo darbeera.

Hookkarri kun marii Kongiresi injifannoo filannoo Joo Baayidan raggaasuuf ta'eerratti dhalate.

Hookkara dura Tiraamp bu'aan filannoo akka hatame deggertootasaanii hiriira ba'anitti himan, yeroo muraasa booda erga hookkarri ka'ee viidiyoodhaan as ba'anii ammas irra deebi'uun waa'ee filannoon waliin dhahamuu dubbatan.

YouTube, viidiyoon sun ''seera ittiin bulmaataa dhaabbatichaa kan sarbuu fi bu'aa filannoorratti dubbii hammeessuu waan danda'uuf'' jedhee haqeera.