Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zaambiyaa: 'Akka Obamayaang, Saalaa, Maanee ta'uu nan danda'a' - Paatsan Daakaa
Kilaba Oostiriyaa Reed Buul Saazibargiif kan taphatun lammiin Zaambiyaa Paatsan Daakaa hireen inni kilaboota Awurooppaa gurguddoof taphachuuf qabu bal'ataa jira.
Taphataan ganna 22 kun bara 2017 taphataa daragaggeessa cimaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa ta'ee filatamee ture.
Kutannoo jabaa akka qabu kan himamuuf Daakaan akka Peeree Obamayaang, Moo Saalaa fi Saadiyoo Maanee taphataa cimaa ta'uu akka danda'u hime.
"Obboloota koo gurguddoo akka Obamayaang, Saalaa fi Maanee yoon argu abjuun qabaadha. Anis akkas ta'uu akkan danda'u natti mul'ata," jedha.
"Akka isaanii ta'uu nan danda'a. Afrikaa irraa ta'uun isaanii ammoo hamilee naaf ta'a."
Namoonni hedduun taphataa Liivarpuul lammii Senegaal Saadiyoo Maanee waliin wal isa fakkeessu.
"Sadarkaa Maaneen irra jiru, akka inni itti kubbaa taphatuu fi nama akkamii akka ta'e yoon ilaalu, namoonni isaan wal bira na qabuun isaanii waan gaariidha jedheen yaada."
"Abjuun koo inni guddaan namoota hiree hin qabneef hamilee ta'uudha," jedha taphataan haala kubbaa taphatu qofaan osoo hin taane amalaanis Maanee fakkaatu kun.
"Sababa keetiin abdii kutachuu dhiise namootni naan jedhan yoon qabaadhe nan boona," jedha.
Daakaan bara 2017 kilaba Zaambiyaa Kafuwe Seeltic irraa gara Saalzibarg kan dhufe. Jalqaba kilaba Saalzibarg kan sadarkaa gadii keessa taphataa ture, gara kilaba isa guddichatti ol bahuuf yeroo itti hin fudhanne.
Eetoo isa itti aanuu?
Namni Daakaan Afrikaan ala bahee taphachuuf hiree akka argatu jajjabeessaa ture tokko leenjisaa garee biyyaalessaa Zaambiyaa Miluutiin Siredeejoviichidha.
"Akka bara tokko Samu'eel Eetoon Afrikaa fi kubbaa miilaa Afrikaa bakka bu'e, innis karaaa sanarra jira jechuu nan danda'a," jedha leenjisaan kun.
"Saffisaa fi dandeettii isaatiin Saadiyoo Maanee ykn Samu'eel Eetoon madaalamuu danda'a."
"Onnee, sammuu fi lubbuu isaa waanan beekuuf dandeettii isaa agarsiisuuf karaa sirriirra akka jiru nan amana. Taphataa cimaa ta'uuf waan barbaachisu mara qaba," jedha.
Daakaan dandeettii kilaboonni hedduun akka ulaagaatti kaa'an kan guuttatedha. Saffisni ajaa'ibaa fi goolii fuulduratti gara jabinni isaa taphattoota sarara ittisaaf yaaddoodha.
Gamanumaan kilaboota piriimar liigii Ingilaand gurguddoo akka Manchistar Siitii, Manchistar Yunaayitid, Liivarpuul, Tootanhaam fi Arsenaal waliin maqaan isaa ka'aa jira.
Bara 2020 gooliiwwan 20 kan galche Daakaan sagantaa jijjiirraa taphattootaa jan Amajjii kanaan egereen isaa murtaa'a jedhamee yaadama.
Erga yeroo dhiyoo as Saalzibarg taphattoota jajjaboo addunyaaf gumaachaa akka jiru hubatamaa jira.
Liivarpuul qofa yoo fudhanne Saadiyoo Maanee, Nabiil Keetaa fi Taakuumii Minaamiinoon Saalzibargirraa argamani.
Wayita ammaa sababa Bundasliigaan Oostiriyaa boqonnaarra jiruuf tapharra kan hin jirre Dakaan, garam imaluu akka danda'u filannoo bal'aa qabaatullee 'ammatti wanti na ariifachiisu hin jiru' jedha.
Bundasliigaan Oostiriyaa Amajjii 24 taphatti deebi'a.