Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lewaandowiskiin badhaasa taphataa cimaa FIFA bara kana injifate
Taphataan Baayeer Muuniik Roobeert Lewaandowiskiin badhaasa FIFA taphataa cimaa bara 2020 Liyooneel Meesii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo irra aanuun mo'ate.
Taphataan sarara fuula duraa Poolaand Lewaandowiskiin bara dorgommii darbe Kilaba isaa Baayer Muuniikiif taphoota 47'n goolii 55 lakkoofsisuun liigicha akka injifatu gargaareera.
Dargaggeessi ganna 32 kun bara dorgommi darbe Bundasliigaa, tapha Kilaboota addunyaa fi Chaampiyoonsi Liigiin taphataa goolii hedduu lakkoofsise ture.
Lewaandowiskiin kanneen badhaasa kana baroota 10 oliif olaantummaan to'atan Liyooneel Meesii fi Kiristiyaanoo Ronaaldoo waliin kaadhimamee injifachuun isaa Kaleessa Zuurikitti ifa godhame.
Lewaandowiskiin yeroo duraaf badhaasa FIFA taphataa cimaa jedhu kana injifate.
Gama dubartootaan ammoo taphattuun ittisaa kilaba Maanchistar Siitii Luusii Biroonz injifatteetti.
Filannoon kun bu'aa filannoo bakka buutota garee biyyaalessaa, leenjistootaa, filannoo deeggartoota gama oonlaayiniin taasifamee fi bakka buutota miidiyaa 200 oliiti.
Bara dorgommii kana Lewaandowiskiin taphoota 14 kilaba isaaf taphateen gooliii 16 galcheera.
''Badhaasa akka kanaa yoo mo'attee, Meesii fi Ronaaldoo fa'a waliin walfakkaatte kun waan hin amanamnee fi anaaf hiika guddaa qabu'' jedhe.
''Bara hedduu dura nan yaadadha waan akkasii nan yaada ture. Essaayyuu kaatee dhuftu wanti murteessaan gahee amma baatudha'' jedhe taphataan kun yaada injifachuu isaa booda kenneen.
Kiloop Leenjisaa cimaa jedhame
Leenjisaan Liivarpuul Jaargan Kiloop kilaba isaa Livarpuuliin injifannoo Chaampiyoonsiliigiin gahuu isaaf walitti aansee si'a lammataaf leenjisaa cimaa jedhameera.
Kiloop injifachuu isaatti gammaduufi namootni galateeffatu hedduu ta'uu himeera.
Goolii eegaan Baayeer Muuniik Maanu'eel Nu'eer filannoo gama goolii eegdotaan taasifame injifateera.
Isa wajjiin kaadhimamanii kan turan goolii eegdota Atileeetikoo Maadriid Jaan Oblaak fi kan Liivarpuul Alisaan Beekari.
Nu'eer tapha 33 keessatti goolii 31 qofa keessummeessuun kubbaawwan hedduu gooliirraa qoluun kilabni isaa Bundasliigaa akka ijifatu gargaareera.
Gama kaaniin gooliin taphataan sarara duraa Tootanhaam Hootisper Son galche goolii bareedaa bara darbee ta'uun filatameera.
Taphataan intarnaashinaalaa Kooriyaa Kibbaa kun goolii kana kubbaa kophaadhuma oofee taphattoota Barnileey hedduu bira darbee galche.
Filannoo kanaan injifachuu isaatti gammaduus ibseera. Goolii sana akki itti galche isumayyuu dinquu fi goolii bareedaa akka ta'e ibseera.
Filannoon goolii bareedaa kun bara 2009'tti kan eegale yoo ta'u maqaa taphataa sarara fuula duraa Riyaal Maadriid duraanii Ferenc Puskas jedhamuun mogga'eera.
FIFAn garee cimaa bara kanaa jedhee ijaare keessa sarara fuula duraa irratti Lewaandowiskii, Meesii fi Ronaaldoo, gidduutti Deburuyinaa, Tiyaagoo fi Kimiich, ittisarratti Deeviis, Vaandaayiik, Raamoosii fi Arloond, goolii eegaammoo Alisaniin filateera.